US hanqaaquu miliyoona heddu Turkii fi Kooriyaa Kibbaarraa galchuuf

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Gatiin hanqaaquu Ameerikaa keessatti garmalee qaala'eera. Qaala'iinsa mudate salphisuuf bulchiinsi Tiraamp hanqaaquu Turkii fi Kooriyaa Kibbaa irraa galchuuf karoorfate. Biyyoota biroo waliinis mari'achaa jira.

"Yeroo gabaabaaf hanqaaquu miliyoona dhibbaan lakkaa'amu galchuuf jirra,'' jechuun Hoggantuun Ministeera Qonnaa Biruukii Roolins Waayit Haawusitti ibsa gaazexeessitootaaf kenniteen dubbatte.

Kunis erga bulchiinsi Tiraamp dhibee simbirrootaa qolachuuf karoora doolaraa biiliyoona tokkoo labseen booda.

Dhibeen simbirrootaa qonnaan bultoonni Ameerikaa lukkuu miliyoona kudhaniin lakkaa'aman akka dhabamsiisan dirqisiise.

Pirezidaanti Tiraamp gatii hir'isuuf waadaa duula filannoof galanillee, gatiin hanqaaquu waggaa darbe caala dhibbeentaa 65 ol dabaleera. Bara 2025 ammoo dhibbeentaa 41'n akka ol ka'u tilmaamameera.

Dhiyeessii haaraa argachuuf biyyoota biroo waliinis mari'achaa jirra jetti Roolins. Haata'u malee naannolee kam akka ta'e hin ibsine.

"Ji'oota muraasaa keessatti yeroo baay'inni lukkuu keenyaa deebi'ee, industirii hanqaaquu guutuu ta'e gara hanqaaquu keessoti deebi'uu dandeenya," jetti.

Waldaaleen lukkuu Poolaandii fi Liituwaanis Jimaata darbe, hanqaaquun ala erguu ilaalchisee Imbaasiiwwan Ameerikaan isaan dubbisuu AFP gabaaseera.

"Imbaasiin Ameerikaa Warsaw jiru, Poolaandi hanqaaquu gara gabaa Ameerikaatti erguuf fedhii qabaachuu fi dhiisuu isaa dhaabbata keenya gaafateera," jechuun Daarektarri Oomishtoota Simbirrootaa Biyyoolessaa Kaataazaayina Gaawroonskaa dhaabbata oduu kanaaf ibsite.

Ji'a Guraandhalaa keessa, Ministeerri Qonnaa Ameerikaa gatii hanqaaquu to'achuuf karoora doolaraa biiliyoona tokkoo kan qabxii shan qabu ifoomseera.

Tarkaanfii nageenya lubbu qabeeyyiif doolaara miiliyoona 500, qorannoo fi misooma talaalliif tilmaamaan doolaara miliyoona 100, sagantaa gargaarsa faayinaansii qonnaan bulaaf ammoo doolaara miiliyoona 400.

Bulchiinsi Tiraamp tamsa'ina dhibee simbirrootaa ittisuu fi qonnaan bultoota gargaaruuf, hanqaaquu daldalaaf gaarii fi tajaajila gorsaa bilisaan akka isaaniif kennu ibse ture. Akkasumas baasii hanga dhibbeentaa 75 akka kaffalu waadaa gale.

Karoorri keenya USDA'n dhaabbileen hanqaaquu kaa'an kun mana kuusaa isaanii vaayirasii irraa akka ittisan gargaaruuf guutuu biyyattiitti odiitii hojjechuuf maallaqa guddaa invast gochuu ture," jedhan Roolins. "...erga gochuu jalqabne, dhukkubni simbirrootaa gadi bu'eera."

Weerarri dhibee simbirrootaa kan bara 2022 jalqabe qonna Ameerikaa irratti balaa guddaa geessisee, simbirroota miliyoona 156 ol ajjeesee gatiin hanqaaquu akka garmalee ol ka'u taasiseera.

Tiraamp namoonni akka sagalee isaaf kennan gochuuf duulaa na filadhaa irratti gatii hanqaaquutti fayyadame ture.

Jalqaba baatii kanaa haasaa Kongiresii irratti taasisaniin gatii hanqaaquu kanaaf Joo Baayiden komate.

"Joo Baayiden gatiin hanqaaquu to'annaa ala akka taatu godhe. Nuti gadi buusuufis cimnee hojjechaa jirra," jechuun dubbateera.