Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galma Bar-kumee: Akkamiin dirreen ragadaa bara Kooviid hammaate hospitaala ta'e?
Kabaja Ayyaana Bar-kumee Itoophiyaaf ture kan ijaarame. Moggaasa isaas sanuma irraa argate.
Jilaaf waan ijaarameef, jila hedduu keessummeesse.
Jila muuziqaa, wal-gahii, gaddaafi gammachuu, agarsiisawwan kkf.
Waggoota lamaan darbaniif ammoo waan ta'ee hin beekne ta'e, hospitaala.
Hospitaala namoonni Koovidiin qabaman yaala hatattamaa itti argatan ta'ee tajaajileera.
"Biyyoonni sirna fayyaa fooyyee qabu qaban yoo rakkatan agarree...sodaa uumameen buufataalee fayyaa qabnurratti dabalata akka barbaachisu baruumsa fudhanne," jedhu direektara olaanaa wiirtuu yaala Koovid-19 galma bar-kumee kan turan Dr Wulataawu Caannee.
Wal'aansa baqaqsanii hodhuu kan ta'an Dr Wulataawu, bulchiinsa fayyaatiin muuxannoo waggaa dheeraa qabu.
Wayita ammaa kolleejjii meedikaalaa miliiniyamii hospitaala Phaawuloos kutaa wal'aansa baqaqsanii hodhuu keessatti tajaajilu.
Dhaabbilee invastimantii MIDROC keessaa tokko kan ta'e 'Addis Park' dhaabbata galma bar-kumee bulchudha.
Koovid-19 Itoophiyaa seenee wayita abbootiin qabeenyaa vaayirasicha ittisuuf mootummaa tumsaa turanitti 'Addis Park' galma bar-kumee tolaan ministeera fayyaaf kenne.
Galma Bar-kumee fayyaaf hin ijaaramne
Galmi bar-kumee wal'aansa fayyaaf hin ijaaramne. Dheerina meetira 200 fi bal'ina meetira 170n fulla'ee ijaarame.
Tajaajila fayyaaf yaadamee waan hin ijaaramneef gara wiirtuu fayyaatti jijjiiruun rakkoo ture.
Meeshaaleen wal'aansa fayyaa hedduun toora elektiriikii barbaadu waan tureef, hojiin jalqabaa hojii elektiroo mekaanikaalii fi sararawwan qulqullinaa diriirsuu ture.
Galmi kun fulla'ee waan ijaarameef kutaalee xixiqqootti qoqqooduunis ni barbaachisa ture jedhu Dr Wulataawu.
Gorsa hakimoota wal'aansa Kooviidiif jecha Chaayinaarraa dhufaniin, qilleensi galmicha keessaa veentileetariin akka mijatu godhame.
Kun osoo ta'uu baatee hakimoonni achi keessa hojjetanuu vaayirasichaaf saaxilamuu ture jedhu.
Hojiin inni ulfaataan garuu sarara qulqullinaa diriirsuu ture jedhu Dr Wulataawu.
"Bakki harka itti dhiqatanis ta'e karaan bishaan bahu gonkumaa hin turre. Kana akkaataa barbaadamuun sirreessinee jirra."
Kana hunda sirreessuun torban saddeet fudhate.
Vaayirasichi Itoophiyaa seenuun gabaafamee ji'a lammaffaarratti galmi bar-kumee wal'aansa Koovidiif karra banate.
"Adeemsa hojii biyya keenyaafi muuxannoo qabnuun dafnee xumureerra jennee yadna" jedhu direektarri duraaii wiirtuu kanaa.
Dhukkubsattoota simachuu
Hojiin hospitaalicha sirreessuu erga xumuramee booda boqonnaan itti aanu dhukkubsattoota simachuu ture.
Sana dura garuu leenjii ogeeyyootaatu ture. Sodaan waan tureef ogeeyyii xiin-sammuun qopheessuun nurra ture jedhu Dr Wulataawu.
"Yeroo ulfaataa ture. Salphaatti hin dabarre. Namoota hedduu wal'aanne. Namoota hedduus dhabneerra. Kanarraa garuu wanta hedduu baranne," jedhu.
Jalqabarratti wanti hamaan yoo dhufe jedhanii dursanii qophaa'uu baranneerra jedhan.
"Lammaffaa kan baranne yeroo tokko tokko adeemsa saayinsaawaa tokko tokko dabalatee wanta dhukkubsataa ni wal'aana jennee itti amanne raawwachuu irraa baranneerra" jedhu.
Wal'aansa namoota dhukkubni itti hammaatee guddisuun akka barbaachisu irraa baranneerra jedhu.
Deeggarsa alaa eeguurra qabeenya jiruun hojjechuufi waliin hojjechuu irraa barachuus dubbatu.
"Jalqaba nama dhipisa ture. Humna keenyaa ol ta'a yaaddoon jedhu jira ture," jedhan.
Wanti hin dagatamneefi gammachiisaadha jedhan yeroo duraaf dhukkubsattoonni 900 seenanii ji'a booda namoonni 200 fayyanii bahuu ture.
'Maatiin koo guutuun koronaan qabaman'
Dr Wulataawu baatilee jalqabaa sadan manatti hin deebine ture.
Jiruun isaaniis jireenyi isaaniis achuma galma bar-kumee ta'e.
Booda garuu gara manaa deebi'uu eegalan. Bakka hojiitti dhiqatanii, konkolaataa keessatti wayyaa jijjiirratu. Wayita gara manaatti dhiyaatan ammoo kophee jijjiirratu.
Mana erga gahanii booda irra deebiin dhiqatanii uffata jijjiirratanii ture maatiitti kan makaman.
Kun garuu maatii isaanii Koronaa jalaa hin baraarre. Maatiin isaanii guutuun vaayirasichaan qabaman.
Mucaafi haadha warraa isaanii vaayirsichi itti cimuu baatullee, kan isaanii garuu ulfaataa ture.
"Xiqqoo natti cimee ture. Qufaa hamaa fi hafuura baafachuuf rakkachuu akkasumas hammi ooksijinii qaamakoo keessa ture gadi bu'ee ture," jedhu.
Torbeef erga ciisanii booda hojiitti deebi'uu himu.
'Koovid waan badeef miti'
Dr Wulataawu koronaan qabamuu caalaa guyyoota rifaasisoo hedduu galma bar-kumee keessatti dabarsaniiru.
Dhukkubsattooni guyyaa nagaan oolanii gara manaa galanii galgala du'an akka turan himu.
"Mana fincaanii deemuuf ka'anii, siree isaanii biratti kufanii du'an oduu jedhu kan guyyoota lama sadi dhageenyee turre. Sun akkaan rifaasisaa ture. Keessaahuu guyyaa tokko dargaggeessi ganna 26 nu jalaa boqatee jennaan, wanti kun nuuf hin galle jechuudha, wanti hojjennu dhukkubsattoota keenya gargaaraa hin jiru miira jedhu natti uumee ture," jedhu.
Garuu akkanuma guyyaan itti gammadanis akka jiru himu.
Hospitaalli wal'aansa kooviid galma bar-kumee cufamee amma abbaaf deebi'ee jira. Cufamuun hospitaala kanaa ergaa dogoggoraa akka hin dabarsine Dr Wulataawu yaaddoo qabu.
"Koovid hin banne. Alfaa, Beettaa, Deeltaa fi Omiikiroon jedhee of jijjiiraa jira, Ammas tamsa'inni isaafi namoonni hospitaala seenan hedduudha."
Galmi bar-kumee kan cufame wal'aansa kana buufataalee fayyaa idilee keessatti kennuuf murteeffameeti jedhan.
"Koovid waan badeef miti" jedhu.
Kooviidirraa maal baratan?
BBC: Kooviidirraa maal baratan?
Dr Wulataawu: Ani akka ogeessaatti akkuman koovid irratti sirnaan hojjedhe, dhukkuboota biroo irrattis osoo hojjedhee jedheen yaada. Dhukkubsattoonni koovid Waaqa yoo ta'e malee nama isaan dhukkubsachiisu hin qaban.
Akkuma gara laafinaan isaan wal'aanne dhukkubsattoota biroos osoo wal'aannee, namoota hedduu garaa gahuu dandeenye.
Akka biyyaatti garuu dhukkuba ittisuu irratti osoo hojjennee jedheen yaada.
Dr Wulataawu hospitaala osoo hin ta'iin dura barattoota keessatti eebbisiisuuf yeroo lama galma bar-kumee deemanii turan.
Hospitaala erga ta'e boodas abbaaf deebi'ee guyyaa sadaffaatti barattoonni yoo keessatti eebbifaman arguu himu.
Hedduu isaanii vaayirasichaan qabamanilleen waahillan isaanii keessaa namni du'e jiraachuu dhabuun akka isaan gammachiisu himu.
Dhaabbilee haala kanaan jijjirree fayyadamuu ni dandeenya miira jedhus akka itti uume himu.