Waraana Somaaliyaafi humnoota Jubaalaand giddu lolli taasifame

Walitti bu'iinsi kuni erga qaamoleen lamaan wal himachaa turan booda mudate
Ibsa waa'ee suuraa, Walitti bu'iinsi kuni erga qaamoleen lamaan wal himachaa turan booda mudate
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waraana Somaaliyaafi humnoota Jubaalaand kan mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin hariiroo adda kutuu labsan gidduu lolli taasifamuu qaamoleen lamaan ibsan.

Walitti bu'iinsi kunis muddama guyyootaaf turee booda Roobii ganama har'aa mudate.

Dhimma kana ilaalchisee Ministeerri Ittisaa Somaaliyaafi bulchiinsi Naannoo Jubaalaand wal himachuun ibsa baasaniiru.

Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa ibsa baasen, Raas Kaambonii keessatti haleellaa humnoota Jubaalaandiin irratti raawwatame ofirraa qolachuu ibse.

Bulchiinsi Naannoo Jubaalaandis gama isaan humnoonni waraanaa mootummaa bakkeewwan humnoonni Jubaaland to'atanirratti haleellaa raawwachuu hime.

Haa ta'u malee, lolli mudatuufi tokko isa kaan irratti haleellaa raawwachuun wal himachuu malee waa'ee miidhaa dhaqqabe waan jedhan hin qabani.

Akka maddeen jedhanitti, lolli guddaa waraana Somaaliyaafi humnoota bulchiinsa Naannoo Jubaalaand gidduu taasifameera.

Osoo qaamoleen lamaan walitti hin bu'iin dura torbanootaaf wal himachaa turani.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jubaalaand dhimma adeemsa filannoon walqabatee mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin rakkoo seente.

Mootummaan federaalaa Somaaliyaa adeemsa filannoo dur ture jijjiiruuf murteessuus, aangawoonni Jubaalaand garuu hin feene.

Osoo kanaan jiruu Jubaalaand filannoo adeemsiftee Ahimad Maadobee irra deebiin erga filaman booda muddamni ittuu hammaate.

Bulchiinsi Pirezidantii Somaaliyaa, Amaadobeetiin biyya ganuun shakkee ajaja hidhaa irra baase.

Eegasii manni murtii Jubaalaandis Pirezidantii Somaaliyaarratti ajaja hidhaa baase.

Mootummaan Somaaliyaa murtee Jubaalaand seeraan ala jechuun loltoota isaanii gara Raas Kaambonii bobbaasee ture.

Gabaasonni humna Gamtaa Afrikaa ergamni isaa xumuramaa jiru jalaa ergama fudhachuuf ta'u yoo ibsan, kaan yaaddoo dhalateen walqabsiisaniiru.

Humnoonni Jubaalaand immoo humnoota isaanii gara bakkichaa erguun wal dura dhaabbannaa keessa turan.

Boodarra bulchiinsi Jubaalaand mootummaan Somaaliyaa heera mootummaa cabsuun, akkasumas tokkummaa ummatichaa jeeqaa jira jechuun hariiroo waliin qabu adda kutuu beeksise.

Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa humnoonni Jubaalaand ''ajaja Ahimad Maadobeetiin'' waraana biyyattiifi milishoota naannichaa irratti haleellaa raawwataniiru jechuun himate.

Ahimad Mohaammed Islaam ykn Maadobeen Pirezidantii Jubaalaand marsaa sadaffaaf filatamanidha.

Haleellaa kanaaf humnoonni Jubaalaand al-Shabaab waliin tumsa taasisanii jechuun himate ibsi Ministeera Ittisaa Somaaliyaa.

Deeggarsa al-Shabaab malee humnoonni Jubaaland kaampii waraanni Somaaliyaa buufate gahuu hin danda'an jechuunis hime.

Kuni yakka cimaa biyyattii balaarra kan buusuufi birmadummaa Somaaliyaa kan ganu ta'u kan ibse ibsi bahe, gocha kanaan kan hirmaatan hunduu ''tarkaanfii seeraa cimaatu'' eeggata jedhe.