'Ilaalchi Tiraamp dimokiraasii Ameerikaaf dhibeedha' - Baayidan

Madda suuraa, Reuters
Ajandaan deeggartoota Tiraamp "Ameerikaa Irradeebin Biyya Guddoo haa Goonu (Make America Great Again) jedhu dimokiraasii Ameerikaaf yaddoo guddadha jedhan Joo Baayidan.
Haasaa Pensalvaaniyaatti taasisaniin, "Humnoonni Ameerikaa irra deebin biyya guddoo goona jedhan biyya kana duubatti deebisuuf kutatanii ka'aniiru" jedhan.
Angawaan Rippaabilikaanotaa Keevin Makaartii Baayidaniif deebii kennuuf yeroo itti hin fudhanne. "Baayidan lubbuu Ameerikaanota hedduu madeessera," jedhan.
Angawoonni dubbiidhan wal qoccoluu kan eegalan filannoon walakkaa bara aangoo tokko (mid-term election) gaggeeffamuuf ji'i lama yeroo hafuttiidha. Filannoon kun madaalaa aangoo Washington eeguuf murteessadha jedhama.
Pirezidaantin Dimokiraatotaa Baayidan Filaadalfiyaatti argamuun haasaa taasisaniin ajandaa duula na filadhaa bara 2020 "lubbuuwwan Ameerikaa baraaruu" jedhu fayyadaman kaasun dubbatan.
Lammiilee ameerikaa miliyeena 74 waggaa lama dura Tiraamp filatan hunda ceepha'aa akka hin jirre kaasan Baayidan.
"Rippabilikaanota hunda miti, Rippaabilikaanota harkaa caaluyyuu miti yaada Ameerikaa yaada MAGA jedhu kan biyya kanaaf yaaddoo ta'e kan qaban."
Waa'ee gochaa namoonni masaraa Waayit Haawus weeraranii turanii ilaalchisee deeggartoonni Tiraam gochicha akka jeequmsa kakaasutti osoo hin taane namoota sana akka gootatti ilaalu jechuun himatan Baayidan.
"Waggoota dheeradhaaf dimokiraasiin Ameerikaa kan hin sochoonedha jennee ofitti himaa turre. Garuu miti. Tokkoon tokkoo kenya, [dimokiraasii] eeguu qabna, dhaabbachuufii qabna" jedhan.
Joo Baayidan biyyattii tokkoomsuf akka hojjatan yeroo gara aangotti dhufan waadaa kan galan yoo ta'u, yeroo dhiyoo as deeggartoota Tiraamp irratti fuulleffatanii jiru.
Torbee darbe Rippaabilkaanota "finxaaleyyii" dha kan jedhan "walakkaan-faashistiidha" jechuun wa;l madalchisanii turan.
Baayidan dhiifama gaafachuu qaba jedhan Rippaabilikaanonni
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana Maree Bakka Bu'ootatti duree Rippaabilikaanota garee saba lakkoofsan xiqqaa kan ta'an Aab Makaartin Baayidan himatee jira.
Baayidan "lammiilee Ameerikaa gidduutti garaa garummaa, jibbaa fi abdii kutannaa uumaa jira" jedhe.
"Maalif? Sababuma imaammata isaatin walii hin galleefi. Kuni gaggeessummaa miti."
"Lammiilee Ameerikaa miliyeenan lakkaa'aman fashistii jedhee waan waameef Baayidan dhiifama gaafachuu qaba" jechuun dubbate Makaartin.
Qaala'iinsa jireenyaa, daangan biyyattii banaa ta'uu, sababa Kovidiin manneen barnootaa cufamanii barattoonni barachuuf rakkachuu, Ameerikaan akka hin taanetti Afgaanistaan keessaa bahuu yakkiwwan gurguddaan Ameerikaatti mudachuuf sababni bulchiinsa Baayidaniidha jechuun hadheesse.
"Waggoota lamaan darban keessatti Baayidan lammilee Ameerikaa, seerota ishee, duudhaalee kabajamoo ta'an irratti haleellaa baneera."
"Dimokiraasii keenya irratti haleellaa bane. Imaammatiwwan isaa lubbuuwwan Ameerikaa madeessera, hafuura Ameerikaa manchaasera, amanamumma ameerikaa ganeera," jechuun himate aangawaan kun.












