Raashiyaan haleellaa waraana Yuukireen haaloo bahuuf tajaajila ibsaa rukutte-Zeleniskii

Magaalaan Karchiiv haleellaa Raashiyaan ibsaa malee hafte
Maxxanfame

Raashiyaan haleellaa Yuukireen ofirraa qolachuuf irratti gaggeesite haaloo bahachuuf jecha ‘’uummata irraa ibsaa fi ho’a mulquuf’’ baha Yuukireenii sarara ibsaa kutte jedhan Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin.

Humni ibsaa addaan cituun uummata Baha Yuukireen, Karkiiv fi Doonetiski gara miliyoona sagalii tahu miidheera.

Kantiibaan magaalaa Karkiiv Ihoor Terekoov haleellaa Raashiyaan bu’uuraalee misoomaa irratti taasifte uummata magaalittii ibsaafi bishaan malee hanbiseera jedhan.

Itti dabaluun milkaa’ina human waraanaa Yuukireen tibbanaa haloo bahachuuf jecha haleellaa jibbisiisaa raawwatanidha jedhan.

Gabaasaan BBC Orlaa Guureen Karkiiv irraa akka gabaasetti dhukaasni misaa’elaa lama halkan irra magaalicha keessaa dhagahamaniiru.

Kantiibaan magaalittii uummatni akka tashabbaa’uuf dhaamuun gareen tajaajila ariifachiisaa tajaajila ibsaa deebisuuf suphaa jalqabuu himan.

Bulchiinsa Suumii olla Karchiiv jirtu keessaas namootni 130 tahan tajaajila ibsaa malee akka jiran bulchaan naannichaa himaniiru. 

Zeleniskiin Raashiyaan bu’uuraalee misoomaa uummataa irratti xiyyeeffachuun haleellaa ‘’shororkesummaa’’ gaggeesiti jechuun himatan.

‘’Qorri, beelli, dukkannii fi dheebuun, akka obbolummaa fi hiriyummaa keessaanii’’ hamaa fi kan nama ajjeesu miti jedhan.

 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni waranaa Raashiyaa magaalota Baha Yuukireen keessaa bahaa jiru.

Yuukireen haleellaa saffisaa tahe humna waraanaa Raashiyaa irratti gaggeessaa jirti.

 Qondaalonni Yuukireen akka jedhanitti waraanni isaanii magaalaa Kuppiyaaniski, magaalaa humna waraanaa Raashiyaaf hulaa dhiyeessii jabaa taate galaniiru. 

Ministerri Ittisaa Raashiyaa ammoo humni isaanii Iziyuum bakka jedhamuu duubatti deebi’uu himuun irra deebiin gurmeessuufidha jedhan.

Ministerichi humni isaanii magaalaa sadaffaa Balakiyaa jedhamtu keessaas bahuu isaanii mirkaneessera.

Kunis Adda waraanaa Doonetiski irratti ‘’humna jabeeffachuufi’’ jedhan.

Humni waraanaa Yuukireen fuulduratti deeme kun yoo qabatee kan turu tahe erga humni waraanaa Raashiyaa naannoo Kiyeviii Eebla keessa bahee injifannoo murteessaa tahaaf.

 Pirezidaantiin Yuukireen Volodmir Zeleniskiin ibsa Sanbata halkan kennaniin erga haleellaa deebisanii qolachuu akka haaraatti jalqabanii as lafa sq km 2,000 tahu humnooota Raashiyaa irraa bilisa baasaniiru.