Yukireen magaalota hedduu to'atamanii turan deebistee to'achuun Raashiyaa naasise - UK

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Yukireen karaa gama baha biyyattiin dhiheenya magaalaa Khaarkiiviitti cimaa adeemuun magaalootii hedduu deebiisanii to'achuun isaanii Raashiyaa ''naasiseera'' jedhan qondaaltonni Raayyaa Ittisaa UK.
Ibsa guyyuu isaanitiin, humnootiin Yukireen daangaalee duraan Rashiyaan to'attee turte keessaa fageenya km 50 galaniiru jedhan.
Haleellichis looltoota Raashiyaa kumaatama ta'an dhiheenya magaalaa furtuu Izyumiitti akka ''qofaatti bahan'' gochuu dabaleera jedhan.
Jimaata galgala Pirezidant Zelensikiin, bulchiinsa Kharkiv keessaa eddoowwan qubannaa 30 deebiisanii to'achu himan.
Aab Zelensikiin haasaa galagala Kiyiv irraa taasisaniin, humnootiin isaa ''waluma jalaan eddoowwan qubannaa haaraa to'ataa jiru.'' ''Alaabaa Yukireen deebiisanii dhaabaa fi ummata keenya hundaaf eegumsa taasisaa jiru'' jedhan.
Yukireen torban kana ture haleellaa deebiisanii qolachuu gara bahaatiin labsiite kan turte. Kunis osoo xiyyeeffannaan addunya karaa kibbaa magaalaa Khersaniin akka dhiiban eegaa jiruu isaan gama kanaan eegalan.
Xinxaltoonnis tarii Raashiyaan loltoota ishee gara magaalaatti akak dabarsuu hin oollee amanu.
Qondaaltoonni UK ibsa isaanitii haleellaa gama bahaatiin ''looltoonni Raashiyaa waan nahan fakkaatu'' jedhan.
Naannoo bulchiinsa Kharkiv ''kan haala salphaan to'atameedha'', jette UKn. Itti dabaluunis, haleellichi daandiiwwan dhiyeessitii Raashiyaa hedduu kan dhiheenya Kupyaansk barbaaduufi looltoota Raashiyaa kumaatamni Izyum keessatti kan danqeedha jedhan.
''Gara fuulduraatti socho'aa jirra,'' jedhan Janeraala Vaaleeriiy Zaaluzhnyi, ajajaan humnoota waraanaa Yukireen. Janaraalichi barreeffama fuula facebook irratti barreessaniin, ''waan waraannuuf ifatti waan beeknuuf, akka injifannuuf sirriitti beekamaadha.''
Giyyaa Jimaataa qondaalli Raashiyaa bulchiinsa Kharkiv keessaa waraanni Yukireen ''injifannoo olaanaa'' galmeessuu isaanii dhugaa bahee ture.
Raashiyaan garuu hanga ammaatti waa'ee haleellaa kanarratti omaa hinjenne, garuu waraanni itti Raashiyaa loltoota gara Kharkiviitti dabarsaa jiraachu karaa vidiyootiin agarsiseera.
Waraabbiin miidiyaa hawaasaa tokkoos humnootiin Raashiyaa, erga bakki qubsummaa dhiheenya Izyumiitti argamu gara Yukireeniitti darbee booda loltoota gara sanatti yoo geessan agarsiisa.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan haasaa Jimaata Biraasilsitti taasisaniin, ''tarkaanfichi jijjiramni dhugaa taasifamu kan agarsiisuudha'' jedhan.
''Yukireen haala itti yaadmeen karoora cimaadhaan jijjirama agarsiisaa akka jirtu himuun danda'a. Keessattuu dhiyeessitiiwwan baayyeen keenya kennineefiin gargaaramaa jirti,'' Aab Bilinkan.












