Yuukireen magaalota sadii Raashiyaa jalaa bilisa baasuu himte

Meeshaalee waraanaa Yuukireen biyyota Lixaa irraa argattu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Humni waranaa Raashiyaa magaalota Baha Yuukireen keessaa bahaa jiru.

Yuukireen haleellaa saffisaa tahe humna waraanaa Raashiyaa irratti gaggeessaa jirti.

 Qondaalonni Yuukireen akka jedhanitti waraanni isaanii magaalaa Kuppiyaaniski, magaalaa humna waraanaa Raashiyaaf hulaa dhiyeessii jabaa taate galaniiru. 

Ministerri Ittisaa Raashiyaa ammoo humni isaanii Iziyuum bakka jedhamuu duubatti deebi’uu himuun irra deebiin gurmeessuufidha jedhan.

Ministerichi humni isaanii magaalaa sadaffaa Balakiyaa jedhamtu keessaas bahuu isaanii mirkaneessera.

Kunis Adda waraanaa Doonetiski irratti ‘’humna jabeeffachuufi’’ jedhan.

Humni waraanaa Yuukireen fuulduratti deeme kun yoo qabatee kan turu tahe erga humni waraanaa Raashiyaa naannoo Kiyeviii Eebla keessa bahee injifannoo murteessaa tahaaf.

 Pirezidaantiin Yuukireen Volodmir Zeleniskiin ibsa Sanbata halkan kennaniin erga haleellaa deebisanii qolachuu akka haaraatti jalqabanii as lafa sq km 2,000 tahu humnooota Raashiyaa irraa bilisa baasaniiru. 

Walakkaan isaan bilisa baasne jedhan kanaa sa’a 48 keessatti kan qabamedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raashiyaan magaalaa Izuum keessaa bahu amanuun ishee injifannoo guddaadha. Sababni isaas magaalaan kun Mooskoof gidduugala humna waraanaa ishee tahuun tajaajilaa turte.

Oppireeshiniin guyyoota sadii loltoota lakkoofsaan xiqqaataniin kan gaggeeffamee fi loltoota Izuum-Balakiyaa gurmeessuun gara adda waraanaa daangaa Rippaabiliika Uummata Doonetiskitti butuuf kan gaggeefamedha,’’ jedhe

‘’Kun miidhaa loltoota Raashiyaa irra gahu ittisuuf, injifannoo guddaan diina irratti galmaa’eera,’’ jedhe ibsi Raashiyaa.

Bulchaan magaalaa Raashiyaan qabattee Karchiiv jiraattotni ‘’lubbuu oolfachuuf’’ gara Raashiyaatti qaxxaamuruu dandeessuu jechuu miidiyaan mootummaa Raashiyaa Taas gabaase.

Haleellaan kun Yuukireen bakkeewwan raashiyaan jalaa qabatte deebistee qabachuuf human qabaachuu ishee agarsiisa. Biyyoota Lixaas deeggaarsa meeshaalee waraanaa gaafachuu itti fufteetti.

Ministerri Dhimma Alaa Yuukireen, Dimitiroo Kuleebaa, humni isaanii meeshaa waraanaa biyyoota Lixaa fayyadamuun Raashiyaa injifachuun waraanicha ariitiin ni xumurti jedhan.