Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paartiin Rippaabilikaanotaa sagalee xiqqoon taa'umsa Mana Maree keessaa mo'atan
Paartiin Rippaabilikaanotaa taa’umsa kongiransii gara gadii mana maree bakka bu'oota ummataa (Lower Chamber) keessatti taa’umsa caalmaa barbaachisu, 218 argachuu miidiyaan US, michuu BBC kan ta'e CBSn gabaase.
Mana maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti paartileen lamaan taa’umsa xiqqoon wal caalu.
Waggoota lamaan dhufan keessatti ajandaa pirezidaanti Joo Baayiden danquuf sagalee gahaan jira.
Garuu yeroo ji’a Amajjii dhufutti wal gahiin Kongirensii gaggeeffamu warri Dimokiraatotaa taa’umsa caalmaa qabu.
Filannoo walakkaa bulchiinsaa US irratti turban darbe gaggeeffame irratti paartiin Rippaabilikaanotaa maneen maree lameen keessatti taa’umsa caalamaa argatu jedhamee eegamee ture.
Kaalifoorniyaatti yeroo kaadhimamaa Maayik Gaarshiyaa filaman taa’umsa sagalee caalmaaf isaan barbaachisu argatan.
Akka gabaasa CBStti paartiin Rippaabilikaanotaa taa’umsa 435 keessaa 223, Dimokiraatotni ammo 218 argachuun goolabamuu hin hafu.
Sagaleen kenname ammayyuu lakkaa’amaa waan jiruuf guyyootaaf ykn torbaniif taa’umsa caalmaan argachuun guutummaatti beekamuu dhiisuu mala.
Garuu Keevin Makartii, kan Rippaabilikaanotni Dubbii Himaa Mana Maree tahuun Naansii Peelosii akka bu’aniif filatan taa’umsa caalmaa argachuu isaaniif gammachuu isaanii ibsataniiru.
"Ameerikaanotni kallattii haaraaf qophiidha, rippaabilkaanotnis bu’aa barbaachisu argamsiisuuf qophiidha,’’ jedhan.
Dubbii Himaa Mana Maree US ta'anii filamuuf, hogganaan Rippaabilkaanotaa sagalee xiqqaa qabu taa’umsa caalmaa 435 keessaa deeggarsa guddaa argachuu qaba.
Naansii Peelosii salphaatti bakkicha kan gadi dhiistu jedhama. Dubartii yeroo jalqabaaf hoggansa kana irra hojjette yoo taatu ibsa kennite keessatti hoggantuu Dimokiraatotaa taa’umsa xiqqaa qabanii tahuun itti fufuu fi dhiisuu ishee irratti homaa hin jenne.
Pirezidaanti Joo Baayiden Maakaartiin injifachuu isaaniin baga gammadan jedhanii waliin hojjechuuf qophiidha jedhan.
Kana booda taa’umsa caalmaa barbaachisu [majority] waan dhabaniif gara waraana siyaasaatti galaa akka jiranis akeekaniiru.
Garuu kan abdii namatti horudha jedhan.