Hidhattoonni Somaaliyaa helikoopitara Ameerikaa yeroo kuffiisanitti waan ture namoonni yaadatan maal himu?

Loltoonni Ameerikaa hilikoptara bilaak Haawk Daawun jedhamtu irra bu'uudhaaf yoo qophaa'an

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Ameerikaa hilikoptara bilaak Haawk Daawun jedhamtu irra bu'uudhaaf yoo qophaa'an
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Fiilmiin mata-duree 'Black Hawk Down' jedhamuun Hooliiwuudiin hojjatamee beekkamtii argate duula Ameerikaa Somaaliyaatti hin milkaa'iin hafeef maqaa gara biraa ta'eera.

Waraanaa Moqaadishoo jedhama. Yeroonsaa Fulbaana bara 1986 ture.

Ameerikaan kabachiiftoota nagaa Biyyoota Gamtomanii ajjeesseera kan jetteen Mohaammad Faaraah Haasan Gaaraad ykn Janaraal Ayidiidii Moqaadishootti to'achuudhaaf helikooptaroota waraanaa bobbaafte.

Janaraal Ayidiidiin wal waraansa Somaaliyaa keessatti nama waraanaa maqaansaa ka'uudha.

Kaayyoonni Ameerikaa sun osoo hin milkaa'iin helikooptaroonni lamaanuu rukutamanii kufan. Loltoonni Ameerikaa 18 yoo ajjeeffaman, lammiileen Somaaliyaa dhibbaan lakkaa'amanis dhuman.

Neetiflikis waa'ee taatee sanaa ilaalchisuun fiilmii tokko hojjateera.

BBCn gamasaatiin duula waraanaa Ameerikaan waggaa 30 dura raawwatteen godaannisa hin fayyine nurraan gaheera jiraattoota jedhan dubbiseera.

Yeroo sanatti Somaaliyaan wal waraansa keessa kan turte yoo ta'u, jiraattonni Moqaadishoo haala ture simatanii jiraataa turan.

Guyyaa Dilabataa Fulbaana bara 1986 keessaa guyyaansaa caama ta'ulleen, qilleensa galaana irraa ka'u itti dabalamee qilleensi Moqaadishoo qorraa ture.

Yeroo sanatti dubartii waggaa 24 kan turte Biintii Alii Waardihiiree haadhashee gaafachuuf manaa baate. ''Guyyaansaa kan tasgabbaa'ee ture'' jettii Biintiin.

Haata'u malee, waraanni Ameerikaa Janaraal Ayidiidii irratti haleellaa raawwachuudhaaf qophaa'aa akka turan hin beektu turte.

Taateen guyyaa sana mudate jireenyashee gutuummaatti jijjire.

Haleellaa Ameerikaaatiin miseensoota maatiishee hedduu kan dhabde Biintii Alii Waardihiiree

Madda suuraa, Netflix

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Ameerikaaatiin miseensoota maatiishee hedduu kan dhabde Biintii Alii Waardihiiree
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan bara 1985 irraa kaasee loltootashee Somaaliyaa keessatti bobbaaftee turte.

Loltoonni kan bobbaafamanis mootummaa jidduugalaa Somaaliyaa kufuu hordofee beela mudateef deeggarsa kennuuf ergama dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gargaaruuf jedhamee ture.

Baatii Waxabajjii bara 1986 hojjattoonni nagaa kabachiisaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 24 ajjeeffaman.

Ajeechaa sana dubaasJanaraal Ayidiidiin jiraachuun himame. Isaan booda janaraalichi xiyyeeffannaa waraanaa Ameerikaa ijoo ta'e.

Loltoonni Ameerikaa haleellaa baatii Adooleessaa raawwataniin lammiilee Somaaliyaa 70n ajjeeffaman. Kana hordofee haalli Ameerikaanoti Somaaliyaa biratti ilaalaman hanga dhumaatti jijjirame.

Ameerikaa loltoota addaashee qubachiifte. Fulbaana 23 bara 1986 Janaraal Ayidiidiin aanga'ootasaa olaanoo waliin hoteela tokko keessatti walgahii akka taa'u aanga'oonni tika Ameerikaa odeeffannoo argatan.

Ameerikaanonnis haleellaa qileensaa daqiiqaa 90 fudhata jedhanii karoorsan eegalan. Haata'u malee, akka isaan karoorsan osoo hin ta'iin hafee waraanni hanga sa'aatii 17 itti fufe.

Biintiin yeroo sanatti wanti hin baramne ta'aa akka jiru kan hubatte dhukaasa gurra itti duuchu wayita dhageesseetti ture.

Yeroo dhohiinsi sun eegalamu akka biyyaatti waareee booda sa'aatii 9:30 ture.

Jiraattonni Moqaadishoo dhukaasa baranilleen dhohiinsi cimaa ta'usaatiin wal qabatee haallii dhukaasa ture taateen haaraan mudachuusaatiif agarsiiftuu ture.

Jiraattoonnis bittiinaa'uun kallattii maratti fiiguu eegalan.

Biintiin waan ta'aa jiru sababii hin hubanneef jecha baaxii mana firootashee gubbaa baate.

Achirra dhaabbatee lolli naannoo isaaniitti gaggeeffamaa jiraachuu hubatte. Helikooptaroonni Ameerikaa lamas rukutamanii kufiifaman.

Helikoptarri tokko waaree booda sa'aatii 10:20 irratti, inni lamataa ammoo daqiiqaa 30 booda kufe. Loltoonni Ameerikaas marfaman. Isaan boodas ergamni isaan baraaruu jalqabame.

Lubbuu isheetiif kan yaaddoofte Biintiin fiigdee gara manaa galte.

''Hanga ammaatti reeffii daandiirratti cicitanii arge sun ija koo dura na deddeebi'u'' jetti.

Biintiin mana kan galte halkan keessaa sa'aatii 12 irratti ture. Hundi nagaa ta'anii argachuutti tasgabboofte. Waraanichi xiqqoo tasgabbaa'uu hordofee yeroo gabaabaaf ta'ulleen tasgabbiin umamee ture.

Abbaan warraashee ollaa waliin dhimma waraanichaa osoo mari'atanii shaayii dhiyeessiteef. Haata'u malee, mannisaanii meeshaa cimaadhaan haleellamuu hordofee abbaan warraashee carraa shaayii dhiyaateefilleen dhandahamachuu hin arganne ture.

Biintiin harkishee kan irraa cite itti fakkaate. Lafarratti kufte. Dubartiin biraa irratti kufte. ''Mataasheerratti bishaan ho'aan kan naqame itti fakkaate. Ujummoo bishaanii eenyutuu banee jedheen yaade,'' jetti.

Kan isheetti jiidhee dhiiga dubartii isheerratti kuftee ture. Dubartii ollaa waraanicha sodaattee manasaanii dhaqxe achitti ajjeeffamte.

Guyyaa sanattis abbaan manaa Biintii, Mahaammad Adan, ilmishee kan waggaa 14 Abdulqaadiir Mahaammad, mucaan ishee gara biraa kan waggaa 13, Abduraahimaan Mahaamad ajjeeffaman.

Ijoolleen afur biraafi obboleessishee isaan waliin jiraataa ture miidhaan qaamaa irra gahe. Obboleessishee miidhaa qaamaa irra gaheen booda keessa lubbuun darbeera.

Yeroo sanatti mucaa waggaa afurii kan turte Ifiraah qaroo ijaa dhabde.

Ilmi angafaa Biintii fi abbaan warraashee ammalleen miidhaa sammuutiin rakkaataa jiru. Hanga ammaatti yoo xiyyaara argan ykn sagalee dhagahan ni dhokatu.

Konkolaataan waraanaa Ameerikaa Moqaadishootti wayita gubatu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataan waraanaa Ameerikaa Moqaadishootti wayita gubatu

Guyyaa sanattis ogeessi suuraa beekamaan Mahaammad Hasan ykn Ahimad Faayiif viidiyoo waraabaa ture.

Yeroo sanatti nama umuriin waggaa 29 kan ture Ahimad Faayiif, isaan dura lola gosaa, beelaa fi taateewwan gara biraa kaameeraa isaatiin waraabaa ture.

Sagaleen helikoptarootaafi sagaleen dhukaasa meeshaalee gurguddaa kan kanaan dura turan irra adda ta'uu adda baasuudhaaf yeroo dheeraa itti hin fudhanne ture.

Kanaan dura taateen akkasii kan mudate weerara Ameerikaan baatii Adooleessaa keessa raawwattee fi lola kanaafis karra kan baneefi miira farra Ameerikaatiif ka'umsa kan ta'e ture.

Ahimad kaameeraasaa harkaa hin dhabu ture. Yeroo waan ta'aa jiru kanas argetti battalumatti kaameeraasaa kaasee waraabuu eegale.

Guyyaa jalqabaatti lola loltoota Ameerikaafi Somaaliyaa giduutti ture kaasee. Guyyaa lammataatti ammoo, bakka paayilatiin Ameerikaa Maayiikil Duraan itti hidhametti geeffame.

Maayikil helikoptara lammataa haleellamee kufe balaliisaa ture. Helikoptarichi kufuu hordofee loltoonni keessa turan sadii, akkasumas namoonni isaan oolchuuf dhaqan lamas osoo lolanuu ajjeeffaman.

''Waraana cimaatu ture. Bakka helikoptarri lammataa itti kufetti Somaalonni 25 ajjeeffamaniiru. Kunis lolli ture baayyee cimaa ta'usaa kan agarsiisuudha'' jechuun paayilatich BBCtti himee ture.

Oggeessa kaameeraa Ahimad Faayiif ykn Ahimad mahaamad Hasan

Madda suuraa, Netflix

Ibsa waa'ee suuraa, Oggeessa kaameeraa Ahimad Faayiif ykn Ahimad mahaamad Hasan

Paayilaticha lubbuun tursiisuun faayidaa akka qabu kan amanan hidhattoonni, to'annoo jala tursiisan.

Ahimad paayilatii tasgabbiin irraa hin mul'anne waraabe. Argansuudhaan kaameeraadhaan alatti gara alaa ilaalaa ture. Yeroo sanatti Ameerikaanis ta'e Janaraal Ayidiidiin paayilatichi to'atamusaa hin barree ture.

''Viidiyoowwan waraabee guyyaa guyyaanan xiyyaara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin Moqaadishoodhaa gara Naayiroobii imalaniin ergaa ture.''

"Waraanni Moqaadishoo addunyaa kan qaqqabee viidiyoowwan ani waraabeen ture. Yeroo sanatti CNN'f akka firiilaansariittan hojjachaa ture,'' jedha.

Suuraan Ahimad kaasees miidiyaalee addunyaatiif mata-dure ta'an. Kana malees, imaammata waraanaa Ameerikaan ardii keessatti gaggeessaa jirtu irratti falmiin ka'e.

''Yeroo sanatti dhiibbaa qabaachuu malu yaaduu baadhulleen, amma ittiin boona'' jedha Ahimad.

Helikoptaroonni erga kufanii baatii jaha keessatti Ameerikaan waraanashee Somaliyaa keessaa baafte. Ergamni waraanaa Somaaliyaa ilaalchisaa Ameerikaan itti fuftee Afriikaa keessa jidduu akka hin seennee akka of qusattu akka taasisee himama.

Saayidaa Omaar Mohaammad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saayidaa Omaar Mohaammad

Guyyaa sanatti Sayidaa Omaar Mahaammad intala dubaraa deesse. Maatiinis gammachuun guutamee ilillee itti kutan. Maatii, firrii fi ollaan walitti qabamuudhaanis haaluma aadaatiin sirna maqaa moggaasuu qopheessuuf eegalan.

Haata'u malee, waraanni eegaluusaa hordofee gammachuunsaanii gara gaddaatti jijjirame.

Helikoptarri jalqabaa mana warra Saayidaa fulduratti kufnaan jeequmsii cimaan umami.

Takka turee loltoonni Ameerikaa 10 ta'an utaalanii gara mansaaanii akka seenan yaadatti.

Hundasaaniitu saaloonii keessatti walitti qabuudhaan akka hin sochoone ajajan. Boodas manasaanii gara hospitalaa tasaatti jijjiran.

Loltoota miidhaan irra qaqqabee akka minjaala nyaataa irra ciisan gochuudhaan wallaansa yeroo balaa tasaa yoo taasisaniif maatiin naasuudhaan ilaalaa ture.

''Baayyee sodaannee ture. Mana keenya bakka dahannaa godhanii ture'' jetti Saayidaan.

Maqaa hiika qabu kennuu kan jaalaatan Somaaloonni mucaa kanaanis Amiinaa Reenjars jedhanii moggaasan.

Fiilmiin Netifilik haaraanis qaamoolee waraanaa Moqaadishootiin gama lamaaniinuu turan waliin af-gaaffii taasifame qabateera. Kana malees, Somaaloonni akka Biintii jiran mudannoo cimaa yeroo sanatti isaan mudates kan hammateedha.

Biintiidhaaf seenicha qofa himuun gahaa miti. Waraanichaan maatiishee jaalattu dhabdee jirti. Ta'us akka isheetti ajjeechaan maatii Somaaliyaa irra gaheef beekkamtiin kenname gahaa akka hin taanee itti dhagahama.

''Mana koo barbadeessan. Abbaa warraakoo, ijolleekoo kan ajjeesan Ameerikaanoota. Rakkoo cimaadhaaf na saaxilan. Yoo xinnaate badii raawwatan amananii beenyaa kanfalu qabu,'' jetti Beentiin sagalee hollatuun.