Hamii jijjiirraa taphattootaa: Keen, Raayis, Odegaard, Maadisan, Firmiinoo, Karavaalhoo

Maxxanfame

Tootenhaam taphataa sarara duraa lammii Ingilaand umurii 29, Harii Keen Maanchrester Yunaayitid ganna kana mallatteessifachuuf dhimmee barbaadus didaa jira. Dura taa'aan Tootenhaam Daani'eel Leevii kilaboota Piriimer Liigii masaanota ta'anitti gurguruudhaaf fedha akka hin qabne himaa jira. (Mirror)

Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Erik ten Haag taphataa sarara gidduu Chelsii umurii 24 Maason Maawont gareesaatti fidachuuf amansiifachuu nan danda'a jechaa jira. Kun qaama ganna kana taphattoota baayyee gara Maanchestetr Yuniyaatiditti fiduuf qabatan keessaati. (Telegraph)

Baayer Muniik taphataa srara gidduu West Haamiifi Ingilaand Deklaan Raayis Arsenaal irraa buufachuuf Paawondii miliyoona 95 kennee mallatteessiifadhu malee jechaa jira. Kilabiin guddichi Jarman kun taphataa umurii waggaa 24 kana maallaqa caalu ramadee Arsenaaliin mo'atee fudhachuuf yaadeera.(Mirror)

Kilabiin Firaans Paariis Seent Jarmeen taphataa sarara gidduu lammii Noorwey yeroo ammaa Arsenaalfii lafee dugdaa ta'e Maartiin Odegaardiin fudhachuun barbaada jechaa jira. Kun ammoo Arsenaaliif waan hedduu rifaasisaadha. (Mail)

Tootenhaam, Niwukaasil fi Arsenaal kilaboota Piriimer Liigii Ingliiz keessaa taphataa sarara gidduu Leester Siitiifi Ingilaand fudhachuuf warra doorsisaa jiran keessaati. Taphataan umurii waggaa 26 kun ammoo Paawondii miiliyoona 40'n fudhatamuu danda'a. (Mirror)

Kiristaal Paalaas leenjisaa duraanii Chelsiifi Biraayitan Girhaam Pootar qacarachuuf dubbachaa jira. Kilabi Nice jedhamus ga'eessa lammii Ingilaand umurii 48 kana fudhachuuf fedhii qaba. (Footmercato - in French)

Liiverpuul taphataa sarara gidduu Poortugaal umurii 21 gadiif taphatu ergisaan isa bira jiru Fabiyoo Karavaalhoo akka bitatuuf dhiyaatuufillee dideera. Liiverpuul taphataa umurii waggaa 20 kana ergisaan qofa malee hin barbaadu jedheera.(Athletic - subscription required)

West Haam taphataa sarara gidduu Ingilaand umurii waggaa 28 Jams Waard-Pirooz Saawozhampitan irraa Paawondii miliyoona 40n fudhachuuf dhimmaa jira. (Sun)

Niiwukasil taphataa lammii Biraazil umurii waggaa 25, Biruunoo Guhemaraayiz Baarseloonaan fudhachuuf barbaadullee kontiraata haaraan nan tursiifadha jechaa jira. (90min)

Taphataa lammii Biraazil umurii waggaa 31 Roobertoo Firmiinihoo ganna kana Liiverpuul gadhiisuuf jira. Kanaaf, osoo gara Ispeen hin deemiin dura Riyaal Maadiriid keessatti akkamiin akka isaaf ta'u ilaallacha ajira. (Mail)

Leenjisaan Baarseloonaa Zhaaviin taphataa Arjentiinaafi Paariis Seent Jarmeeyin Liyooneel Mesii deebifachuuf dubbachaa akka jiru amane. Kun milkoofnaan jijjiirraa ganna kana eegamu keessaa isa guddaa ta'a jedhamaa jira. (Standard)

Everton fedhii jifataa lammii Maalii umurii waggaa 21 El Bilal Turee fudhachuuf qabu dabalaa jira. (Mail)

Chelsiin taphataa sarara gidduu lammii Yuraaguwaay fi Kilaba Ispoorting uymurii waggaa 22 maanu'eel Ugaart fudhachuuf dubbachaa jira. (90min)

Kiristaal Palaas ammoo taphataa sarara gidduu waggaa 18 Chesliifi Ingliaand umurii 19 gadiif taphatu Lewiis Hool ergifachuuf mariirra jira. (Mail)