Naayijeeriyaatti narsii fayyaa leenjiftuu tekuwaandoo taaten wal baraa

Adayezi Efobi harka bitaarran kan jirtu
Maxxanfame

Yeroo baay'ee ogeeyyiin fayyaa ispoortii tekuwaandoo irratti hirmaachun waan baramaa miti. Adayezi Efoobii garuu ogeettii fayyaa qofa miti.

Ogeettin fayyaa ganna 34 kun Naayijeeriyaa bakka buutee dorgommii Olompikii irratti hirmaachuf abjuu qabdi.

Adayezi Efoobii jaalala tekuwaandoo keessa kan seente yeroo ganna 7 televiziinii irratti ilaaluni. Garuummoo hanga ganna 22 guuttutti carraa ispoortii kanarratti hirmaachuu hin arganne.

''Fedhii tekuwaandoo akkan qabu maatii kootti himeen ture, isaan garuu maarshal aartin hojii amala badaa wayiitti fudhatan," jechuun BBC Sport Africa'tti himte Adayezin.

"Yeroon baruumsa sadarkaa 2ffaa baradhu dorgommii kubbaa miilaa, kubbaa kaachoo fi dorgommii deemsaa irratti hirmaatan ture."

Magaala Leegos keessatti dhalattee guddattus abjuu daa'imummaa ishee milkeessuu kan dandeesse yeroo baruumsa narsingii ykn ogummaa fayyaa barachuuf Ebonyi State University seentudha.

"Yeroon waggaa lammaffaa baradhu, barattoonni daree koo kanneen daree biroo waliin kubbaa miilaa taphatu. Gareen biroo ammoo yuunifoormii godhatanii osoo tekuwaandoo hojjetaniin arge," jetti.

"Isaan bira deemen waan narraa eegamu guutun isaan wajjin leenjii eegale. Ijoollummaa koo yeroo waggaa torbaa irraa ka'ee abjuun qabu nan argadhe."

Amma ogeettii fayyaafi leenjiftuu tekuwaandoo kan taate Adayezi Efobi ispoortin jireenya ishee akka qare, keessumaa namuusa ishee irratti jijjiirama guddaa akka fide himti.

"Namoonni hubatoon afaan isaanii malee harka isaanii akka hin fayyadamnen baradhe. Kuni namuusa, anis kana qaama jiruufi jireenya koo godheen fudhadhe."

"Amala koo duriifi ammaa wal-bira qabee gaafan ilaalu, amma ani nama gaaridha," jetti.

Narsingii tekuwaandoo wajjin deemsisuu

Chika Chukwumerije

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chika Chukwumerije bara 2008 Olompikii irratti medaaliyaa naasa argachuun aragtte
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naayijeeriyaatti giraand maastarii tekuwaandoo kan ta'e Fergusan Oluuyigbo akka jedhutti Adayezi Efobin baruumsa narsingii qabaachuu isheetin hiriyoota ishee tekuwaandoo taphatan ni caalti.

"Guyyaa isheen garee biyyoolessaa wajjin Olompiksii deemtun eegaa jira- akka nama ispoortii hiriyaatti osoo hin taane akka ogeettii fayyaatti," jedhe Fergusan.

"Dorgommii irratti hirmaachuf jirti, garee wajjin deemus ammoo ogummaa fayyaatin ni gargaarti. Yeroo tekuwaandoo dorgomtu miilla kee maaltu akka mudatu ni beekti- narsii ykn doktora waa'ee ispoortii irraa bifa adda ta'een jechuudha.

Adayezin dorgommii ulfaatina giddu galeessaa addaa addaa irratti hirmaachun mo'atteerti, garee ishee keessaa shaampiyoonii biyyaalessaa akka taatu abdatti.

"Fedhii koo duuka bu'aan jira, innis leenjistuu tekuwaandoo ta'uudha. Garuu ogummaa fayyaa tekuwaandoo keessatti fayyadamaan jira- yeroo tekuwaandoo irratti namoonni miidhaman nan waldhaana.

"Narsiingii nan jaaladha, tekuwaandon ammoo abjuu kooti," jetti.

Lubbuu oolchufi legasii kaa'anii darbuu

Adayezi gaawonii ogummaa fayyaa uffattee

Adayezin bakkaa bakatti socho'uun tajaajila ogummaa fayyaa kenniti; namoota biroo akka gargaartu kan ishee taasise taatee ishee mudate tokko yaadatti.

"Guyyaa tokko daa'ima wayii yaalee osoon deebi'aa jiruu nama motora irra taa'ee osoo deemuu konkolatan rukute arge," jetti.

"Namoonni itti marsanii jiruun, jidduu seenee akka irraa deemaniifi hin tuqne itti himee lafeen isaa cabuufi dhiisuu adda baasuf isa gaafadhe. Baay'ee dhiiga ture," jechuun lubbuu isaa oolchuu akka qabdu murteessuu dubbatti.

Booda caba isaa hiitefii namoonni karaa darbaa jiran hospitaalatti akka isa geessan dubbatti.

Rakkoon wal-fakkaatan akkasii gaafa ishee mudatu, ogummaa fayyaafi tekuwaandoo qabaachun ishee rakkoolee kana furuuf akka ishee gargaare himti.