Naayijeeriyaan baruumsi sadarkaa 1ffaa Afaan Ingiliziin akka hin kennamne murteessite

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Naayijeeriyaa baruumsi sadarkaa tokkoffaa Afaan Ingiliziin osoo hin taane afaan dhalootan akka ta'u murteesse.
Kanaaf ammoo kan gargaaru imaammata baruumsaa sadarkaa tokkoffaa Afaan Ingiliffaan barsiisuu dhorkuu fi afaan dhalootaa jajjabeessu baasera.
Ministeerri Barnootaa Naayijeeriyaa kan ta'an Adaamuu Adaamu Sadaasa 30 ibsa gaazexeessitotaaf kennaniin imaammanni Afaan Biyyaalessaa qophaa'e raggaasifamee hojiirra ooluf akka jiru dubbatan.
Akkaataa imaammata biyyattiin baaftee kanaatti barattoonni sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 6 jiran Afaan Ingiliziin osoo hin taane afaan dhalootaa isaanitiin akka baratantu jajjabeeffama.
Naayijeeriyaa keessatti afaan Ingiliffaa hanga ammaatti akka afaan hojii fi afaan baruu fi barsiisutti tajaajilaa jira.
Amma garuu afaan dhalootaa iddoo guddaa akka argatuuf irratti xiyyeefatamuutu ibsame.
"Ijoolleen sirriitti hubachuu kan danda'an afaan dhaloota isaanitiin akka baratan yoo jajjabeeffamaniidha," jedhe Ministeerri Barnootaa Naayijeeriyaa.
Imaammata barnootaa afaan ofiitiin barachuu biyyattiin baafte kana hojiirra oolchun salphaa akka hin taanes himeera Ministeerri Barnootaa Naayijeeriyaa.
Barruulee fi kitaabota baruu fi barsiisuu qopheessun humna baay'ee akka gaafatu ibse Adaamu Adaamun.
Barsiisonni afaan dhalootaa barsiisanis argachuunis salphaa akka hin taanetu himame.
Rakkoon biraa ammoo baay'ina afaanota Naayijeeriyaa keessatti dubbatamaniiti.
Biyyattii keessatti afaanota 600 ooltu dubbatama.
Imaammata barnootaa kana mootummaan yoom irraa kaasee hojiirra akka oolchu ifa miti.
Osoo imaammaticha hojiirra hin oolchiin dura jalqaba meeshaalee barnootaaf barsiisota qopheessuu irratti akka xiyyeeffatan ibsan aangawoonni biyyattii.












