Miidhaginaa fi Tasgabbii: Irreecha Hora Arsadee 2024

Kabaja Irreecha Hora Arsadee
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Jala bultiirraa kaasuun miidhaginaa fi tasgabbii gaarii kan qabu Irreechi Hora Harsadii kabajamaa jira.

Irreecha Hora Finfinnee sanbata xiqqaa kabajameen booda namootni hedduun gara magaala Bishooftuu seenaa turan.

Seensaawwa magaalattii gurguddoo lamaaniin jalabultiirratti namootni hedduun seenaa turanis sakatta’iinsii fi eegumsi cimaan kan irraa mul’atu ture.

Hirmaattota Irreecha Hora Arsadee
Kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Arsadee

Magaalarraa fageenya dheeraarratti konkolaataan seenuun waan hin danda’amneefis irreeffattoonni lafoon imalanii magaala seenu.

Jalabultiirrattis haala amma dura irraa adda ta’een daandiin magaalattii guddichi namootaan guutee yoo mul’atu guyyuma irreechaa malee jala bultii hin fakkaatu ture.

Maanguddoo marga qabatanii dhaabatan
Irreecha Hora Arsadee

Halkan guutuus jilattoonni daanduma magaalattii irratti sirbaa fi bashannanaan dabarsanii bariidhaan bakka irreeffannaatti imalan.

Guyyaa irreechaas ta’e jala bultii irrattis miirri hirmaattotaa tasgabbii kan qabuu fi hedduu hawwataadha.

Hora Harsadiitti Abbaan Malkaa fi abbootiin Gadaa barii irreeffatanii erga malkaa saaqanii irreeffattoonni dirree malkaa guutanii dabareen irreeffachaa jiru.

Irreecha Hora Arsadee bara 2024
Irreecha hora Arsadee irratti maanguddoo ruufa mataatti hidhatanii horooroo harkatti qabatanii dhaabatan

Namootni garee gareen qoodamanii dabareen irreefachaa waan turaniifis waldhiibuun bakka irreeffannaatti mul’atu barana fooyyee kan qabudha.

Dhiichisni aadaa kutaalee Oromiyaa adda addaa, weedduun Mareewoo fi uffannaan aadaa Oromoo Irreecha Hora Harsadii baranaas daran waan qalbii nama hawwatu ture.

Irreeffannaan Hora Harsadii kuni Barii kan jalqabe ta’ulleen namootni akkuma dhufaatii isaaniin bakkichatti irreeffachaa, dhiichisaa fi suura ka’aa bashannanuun itti fufee jira.

Kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Arsadee