Buufatni xiyyaaraa Moskoo sababa haleellaa diroonii Yukireeniif yeroof cufame

Madda suuraa, EPA
Haleellaa dirooniin Yukireen raawwatte hordofuun buufataaleen xiyyaaraa gurguddoon Moskoo yeroof cufamanii yoo xiqqaate balalliin 140 akka haqaman qondaaltonni Raashiyaa beeksisaniiru.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka jedhetti dirooniwwaan 230 ol kuffisuu isaanii ibsuun, kanneen keessaa 27 kanneen magaalaa guddoo biyyattii irra balali'aa turan jedhan.
To'ataan dhimmaa Aviyeeshinii Raashiyaa akka jedhetti buufataaleen xiyyaaraa gurguddoon afur magaalaa guddoo biyyattiitt tajaajilan hojii isaanii addaan kutaniiru.
Balalliin 130 ol gara yeroo biraatti jijjiiramera. Boodarra garuu hundi isaanii hojii idileetti akka deebi'an himame
Sababa haleellaa kanaan buufata xiyyaaraa Moskoo sa'aatii 24 keessatti yeroo 10 cufamuun ibsameersa
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Dilbata ganama irraa eegalee diroonii 45 haleellaa raawwachuuf itti fayyadamaa turan to'achuu kan ibse yoo ta'u, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Kalugaas haleellaa kanaaf deebii kennuudhaan yeroodhaaf cufamee jira.
Naannoo daangaa Yukireenitti dhihoo jiran, Rostov fi Bryansk dabalatee, akkasumas naanna Galaana Gurraacha irratti dirooniin haleellaa raawwateera. Garuu gabaasni lubbuu namaa darbe hin jiru.
Haleellaan diroonii Yukireen imala Raashiyaa keessatti jeequun kun kan jalqabaa miti.
Ji'a Caamsaa keessas Kiyeev sa'aatii 24 keessatti diroonii 500 ol erguun yoo xiqqaate imaltoonni 60,000 buufata xiyyaaraa guutuu biyyattii keessa akka turaniif dirqisiiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraatin aleellaa xiyyaaraa Raashiyaan Yukireen naannoo Donetesk keessatti raawwateen namoonni lama kan du'an yoo ta'u, dubartiin ganna 78 tokko gamoo mana jireenyaa tokko keessatti ibidda ka'een du'uu aanga'oonni naannichaa beeksisaniiru.
Humni Qilleensaa Yukireen Dilbata galgala diroonii 57 Raashiyaan ergite keessaa 18 kuffisuu ibseera.
Sumi fi Donetsk malees naannoowwan waraanaa kanneen akka Kharkiv, Dinipropetrovesk fi Zaporizhia illee rukutamaniiru.
Haleellaan kun kan raawwatame yeroo dubbi himaan Kiremlin Dimitiri Peeskov Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin Yukireen waliin mari'achuuf qophaa'aan ta'uu ibsuun, garuu kayyoon Moskoo "kaayyoo ishee galmaan ga'uu" akka ta'e dubbatanitti.
''Pireezidant Puutiin dhimma Yukireen dafanii karaa nagaa xumuruuf fedhii akka qaban irra deddeebiin ibsaniiru. Garuu kun adeemsa dheeraa dha, carraaqqii gaafata, salphaas miti,'' jedhan
Raashiyaan weerara kana Yukireen irratti erga jalqabdee waggaa sadii fi walakkaa ta'ufi.
Dilbata darbe prezidaantiin Yukireen Volodimyr Zelensky marii marsaa haaraa Moskoo waliin taasifamuuf yaada dhiyeessan. Kunis marii ji'a darbe hafe deebisee jalqabuuf kaayyeffate.
Yaaliin kanaan dura Raashiyaa fi Yukireen waraanni kun akka dhaabbatu mari'achuuf godhan fashalaa'us, hidhamtoota wal jijjiiruuf sababa ta'eera.
Zelenskiin irra deddeebiin pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fuula duratti wal arguuf qophii ta'uu ibsuun, ''nagaa dhugaa mirkaneessuuf isa waliin fuulaa fuulatti wal arguun barbaachisaadha'' jedhe.
Hogganaa Raashiyaa kanaaf deeggarsa fi dinqisiifannaa qaban irra deddeebiin kan ibsa turan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Waashingitan ''meeshaa waraanaa sadarkaa olaanaa'' karaa biyyoota NATO gara Yukireen akka ergitu beeksisaniiru.
Traamp guyyoota 50 keessatti waliigalteen waraana kana xumuruuf yoo hin taasifamne qaraxa guddaa Raashiyaa irratti akka kaa'an akeekkachiisaniiru.
Tiraamp Puutiin irratti ''mufadheera'' garuu dhimmichi ''hin xumuramne'' jechuun BBC'tti himan.












