Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga Hamaas biyya umrii waggaa 75 haleelee guyyaa 100 ta'eera, ergasii wantoota raawwatan
Guyyaa 100 dura taateen hin eegamne fi hin yaadamne Israa'el keessatti mudate. Biyya sababa rakkinaa fi waraanaa waggaa 75 dura hundoofteef guyyaan kun taatee jiraachuusheef balaa ta'een bari'eef.
Sambata galgala magaalaa Tel Aviiv keessatti taateen Onkoloolessa 7, 2023 mudate namoota kumaatamaan lakkaa'amaniin yaadatameera.
Namoonni 130 ta'an ammallee Hamaasiin qabamanii Gaazaa keessa jiru jetti Israa'el, gariin lubbuun akka hin jirre shakku.
Onkoloolessa 7, 2023 loltoonni Hamaas akkaan hidhatan daangaa Gaazaa ce'uun daangaa Israa'el keessa seenuun irratti dhukaasa roobsan.
Iddoo qubsuma Israa'elootaa taate Kibbutzim, buufataalee waraanaa fi magaalota daangaarra jiran haleelan.
Rookeetiiwwan kumaatama qilleensarraan erga dhukaasanii booda, loltoonni hamaas hidhannoo guutuun lafaan dabaalanii dagachiisanii Israa'el haleelan.
Hidhattoonni Hamaas iddoowwan Israa'el daangaarra jiran keessatti haleellaa raawwatanii yoo xiqqaate Israa'eloota 1,200 ol ajjeesan.
Israa'el humna basaasaa fi humna waraanaa akkasumas teeknooloojii ammayyaawaa osoo qabduu akkamiin dagatte kan jedhu gaffii hanga ammaa hin deebinedha.
Warri Hamaas Israa'eloota sagantaa ayyaanaaf Nova keessa turan irrattis haleellaa bananii namoonni 390 ta'an miidhamuun gara hospitaalaa kan geeffaman yoo ta'u isaan keessaayis booda keessa kaan du'aniiru.
Namoonni 240 ta'an ammoo Hidhattoota Hamaasiin ukkaamsanii fudhatan keessaayis hanga yoonaa gadi hin dhiifamne.
Ergasii Israa'el haleellaa hamaa Gaazaarratti gaggeessuun haaloo baate.
Ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu haleellaa haaloo ba'umsaa Israa'eliin namoonni 23,000 caalan ajjeefamuu ibse.
Kanneen ajjeefaman hedduun daa'immanii fi dubartoota, kan reenfi gamoo jijjige jalatti hafe kumaatama.
Warri Israa'el haleellaan Onkoloolessa 7 seenaasaanii keesatti isa hamaa fi akkaan sodaachisaa akka ta'etti himu.
Israa'el akka kana tuffatamtee hin beektu, balaa haga ga'uuf saaxilamtees hin beektu.
Lammiileen Israa'el hedduun namoonni isaanii Hamaasiin jalaa qabaman nagaan akka deebi'an hawwu, ammoo Israa'el waraana cimsitee akka itti fuftus barbaadu.
Kan waldanda'uu fi waliin jiraachuu deeggaru muraasa.
Israa'el erga Onkoloolessa 7 haleellaa Hamaasiin goolamtee booda humna guutuudhaan Gaazaarratti waraana labsite, maandhee Hamaas fi deeggartootasaa barbadeessuutti biyya guutuu diigde.
Kaaba Gaazaa irraa eegalee hanga kibba magaalaa Kaan Yuunisitti bakkeewwan jiran barbadaa'aniiru.
Humni waraanaa Israa'el gareen Hamaas akkaan dadhabuu hima, akka gurmuuttiyyu Gaazaa keessa socho'uu dadhabeera jedha.
Garuu kan dhumaa jiru, kan dadhabsiifamaa jiru uummata nagaadha.
Aanga'oonni Filisxeem uummanni Gaazaa dhibbeentaan 85 gararraan buqqa'eera jedhan.
Amma gargaarsi haga tokko Gaazaa seenaa jira, garuu UN haalli Gaazaa keessa jiru kan akkanumaan ilaalanii callisan miti jedheera.
''Gaazaan barbadoofteetti. Gaazaan hin hafne. Hospitaalli, manni barnootaa hin jiru. Ijoolleen keenya barnootasaanii dhabaniiru, Gaazaan lubbuun hin jirtu,'' jette Faaten Abuu Shahaadaa.
Faten kalee dhukkubsatti, yaaliif gara kibbaa geeffamte.
Amma Kaan Yuunis keessa dukkaana pilaastikaa keessa jiraatti.
Sagaleen dhukaasaa fi rookeetii Israa'el guyyuu isaan jeeqa. Boqonnaa hin qaban.
Uummanni Gaazaa dararaa hin argine hin qabu, hawaasi idiladdunyaa Israa'el akka dhukaasa dhaabdu watwaatuu itti fufeera.
Gaazaa keessatti dararaa fi sururamni uummata nagaarra ga'u akka dhaabbatuuf Israa'el dhukaasa dhaabuu qabdi.
Michuun Israa'el kan taate Ameerikaanuu waa'ee dararama lammiilee nagaa dubbachuu eegalte.
Haleellaa Onkoloolessa 7 booda US gara Israa'el gorte. Israa'el mirga ofirraa ittisuu fi biyyashee baraaruu qabdi jettee iyya aturte Ameerikaan.
Dhiheenya kanammoo Ministirri Muummee Beenjamiin Neetanayaahuu, dhumaatii lammiilee akkaan hammaatee fi sadarkaa olaanaarra ga'e dhaabsisuuf, tarkaanfii dhukaasa dhaabuu akka fudhatan Ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinken gaafataniiru.
Pirezidant Baayidan Israa'el osoo qiyyaafannooshee adda hin baasin haleellaan raawwattu, deeggarsa hawaasa idiladdunyaa ishee dhabsiisa jedhan.
Geediyoon Leevii gaazexaa Israa'el Haaretz jedhamuuf barreessa, Aab Neetaaniyaahuu qeequun beekamas.
Erga bara 1948 (hundeeffama Israa'el) as waraanni yeroo dheeraa fudhachuun kan jalqabaa ta'e kun yeroo dhihoo keessatti obba'aa laata?
Leeviin akkas jedha: ''Waraanichi haala amma jiruun itti fufuu danda'a, hanga Ameerikaan itti fufaa jettetti.''
''Torbanoota dabalataa hedduu waan eegnu miti. Kana jechuun garuu waraanichi xumurama jechuu miti. Sababni isaa waan itti aanee ta'u beekuun rakkisaadha,'' jedhe.
''Israa'el Gaazaa keessa hin baatu taanaan ammoo falmiin ni hammaata. Falmiin ammoo haleellaa biraa hordofsiisa.''
Loltoonni Israa'el ammallee Gaazaa giddugaleessaa fi kibbatti haleellaa cimsaniiru.
Waraanicha obbaasuun gonkumaa fedhii Aab Neetaniyaahuu hin fakkaatu.
Israa'el waraanno kun hanga Hamaas barbadaa'utti hin dhababatu jetti.
Haala kanaan carraan naannawa kanaa itti aanu sodaachisaa ta'a. Keessattuu egereen lammiilee kumatamaa Gaazaa keessatti dararamaa jiranii akkaan dukkanaa'aa ta'a.
**Odeessa kana gulaalliin lakoofsaa taasifameera.