US erga Huutii haleeltee booda Iraaniifis ergaa dhuunfaa ergeeraaf jette

Maxxanfame

Ameerikaan garee Huutii Yaman keessaa irratti haleellaa lammataa erga raawwattee booda waa’ee garee kanaa Iraaniif ''ergaa dhuunfa'' dabarsiteetti jedhan Prezidant Baayiden.

''Dhuunfaatti ergaa ergineefii jirra, qophii gaarii akka qabnus ofitti amanamummaa qabna,'' jechuun ibsa dabalataa osoo hin kennin dubbataniiru.

US haleellaan dhiheenya kana raadaarii irratti xiyyeeffattee gaggeessite ''tarkaanfii walhordofee dhufe'' ta'uu ibsiteetti.

Iraan haleellaa Huutiin Galaana Diimaa keessatti raawwate jedhamu keessaa harka qabaachuu haalteetti.

Haata’u malee Tehran Huutiif meeshaa waraanaa dhiyeessuu isheetiin kan shakkamte yoo ta’u, US gareen kun dooniiwwan irratti xiyyeeffachuu akka danda’an gochuuf odeeffannoon basaasaa Iraan murteessaadha jettee amanti.

Haleellaan xiyyaaraa waloo UK fi US Jimaata ganama bakkeewwan Huutii gara 30 ta'an irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, deeggarsa michoota biyyoota dhihaa Awustiraaliyaa fi Kanaadaas dabalateera.

Guyyaa tokko booda Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa misaa’ela fayyadamuun haleellaa isaa isa dhumaa Yaman keessatti bakka raadaara Huutii irratti raawwachuu isaa ibseera.

Ministirri Dhimma Alaa UK Loord Kaameruun haleellaa dooniiwwan Galaana Diimaa keessatti raawwataniif deebii kennuudhaan, Biriteen Yaman keessatti Huutii irratti ''tarkaanfii waraanaa fudhachuu malee filannoo biraa hin qabdu,'' jedhan.

Akka gaazexaa Telegraph jedhamurratti barreeffametti, Ministirri Muummee UK Rishi Sunak gaaffii Ameerikaan haleellaa ''daangeffamee fi iddoo Huutiin jiru irratti qiyyaafate'' akka tumsitu dhiheessite irratti walii galuu isaanii ibsaniiru.

Dubbi himaan Huutii Rooyitarsitti akka himetti, haleellaan kun dandeettii gareen isaa doonii irratti dhiibbaa uumuuf qaban homaa kan laaffisu miti jedhe.

Lammiileen Yaman irra caalaan isaanii naannoo to’annoo Huutii jala jiraatu. Akkasumas magaalaa Sanaa, kaaba Yaman fi qarqara galaanaa Galaana Diimaa to'atu.

Biyyoonni lixaa haleellaan qilleensaa bakka Huutiin maandheffare irratti gaggeessaa jiran waraana Gaazaa irraa baayyee adda ta’uu isaa yookiin kan wal hin qabanne ta'uu mul'isuu barbaadu.

Haleellaa Huutiin doonii daldalaa Galaana Diimaa irratti raawwateef''deebii barbaachisaa fi madaalawaa'' ta'uu dubbatu.

Garuu haleellaawwan warra lixaa kunneen Yaman fi addunyaa Arabaa bal’aa keessatti haala adda ta’een ilaalamu.

Huutiin Hamaas fi ummata Gaazaa waliin gamtaa ta’uu waan labsaniif, akka waan Ameerikaa fi UKn gama Israa’eliin waraana Gaazaa keessatti hirmaatanitti ilaalu.

"Warri dhihaa waadaa (kontiraata) Netaaniyaahuu raawwachaa jiru" waan jedhutu jira.

Ammallee haleellaan qilleensaa kun Huutii irratti dhiibbaa hamaa qabaachuun isaa waan hin oolle.

Yeroo gabaabaa keessatti dandeettii doonii haleeluu isaanii akka gadi buusan beekamaadha.

Garuu haleellaan qilleensaa kun yeroo dheeraaf yoo itti fufe balaan US fi UKn uumaa jiran, waldhabdee biraa Yaman keessatti fiduu danda'a.

Sa'udiin waraana biyya keessaa biyyattii (Yaman) keessa erga seentee booda achi keessaa of baasuuf waggoota saddeet ol itti fudhate - amma ammoo Huutiin yeroo kamiyyuu caalaa hidda gadi fageeffatee jira.

Daldalli galaanaa addunyaa keessaa gara dhibbeentaa 15 Galaana Diimaa keessa akka darbu US ibsiti.

Kunis midhaan addunyaa keessaa dhibbeentaa 8, zayita galaanaa irraa dhibbeentaa 12 fi gaazii uumamaa addunyaa dhangala’aa ta’e keessaa dhibbeentaa 8 dabalata.

Gareen kun hanga ammaatti dooniiwwan Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessa jiran haleeluu fi gufachiisuuf yaalii godheera jetti US.

Ergasii dhaabbileen doonii gurguddoon tokko tokko naannichatti hojii isaanii kan dhaaban yoo ta’u, jalqaba Muddee irraa eegalee baasiin inshuraansii dachaa 10 dabaleera.

Haleellaa Onkoloolessa 7 Hamaas raawwate kan namoonni 1,200 ol ajjeefamanii fi kan gara 240 butamanii fudhatamu isaanii hordofuun UK fi US Israa’el deeggaraniiru.

Haleellaa haaloo ba'uu Israa'el garee Hamaas Gaazaa keessa socho'u irratti raawwatteen ammoo lammiileen Filisxeem 24,000tti siqan ajjeefamaniiru.