Yakka bara Appaartaayidiifi hojii haqa barbaaduu waggootaaf eegamaa ture

Namoonni Fort Calata (karaa mirgaa lammaffaarra) fi Matthew Goniwe (mirga) ajjeesan jedhaman hanga yoonaa seeraan hin gaafatamne

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Lukhanyo Calata waa'ee abbaasaa kan yaadannoo keessaa qabu awwaalcha isaati.

Qorra gaafasii, qorra afaan barii fi yeroo haatisaa gaddaan kirkirtu yaadata.

Yeroonsaa ganna bara 1985, bakkisaa magaalaa xiqqoo Afrikaa Kibbaa Baha Keep keessatti argamtu-Cradock keessatti.

Guyyaa sana lafatu socho'e, kumaa-kitilli yaa'ee gadda taa'e, boo'ee walboochise.

Kutaa biyyattii hundarraa walitti yaa'uun abbaa Lukhanyo, Fort Calata fi ga'eessota biroo waliin ajjeefaman sadiif kabaja qaban agarsiisan.

Gameeyyiin afran yeroo sana ajjeefaman- Cradock Four jedhamuun beekamu.

Wanti yeroo sana raawwate yakka isa suukanneessaa bara bulchiinsa appaartaayidiiti, Komishiniin Dhugaa fi Araaraa biyyattii warra yakka kana raawwataniif dhiifama hin goone.

Haata'u malee dhimmisaanii hanga yoonaatti mana murtiitti dhiyaatee hin beeku.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma garuu yeroonsaa waan ga'e fakkaata. Yakki kunii fi kanneen biroon dhibbaan lakkaa'aman akka gadi fageenyaan qoratamanii haqi barbaadamuuf dhiibbaan taasifamaa jiru xumurarra waan ga'e fakkaata.

Ajjeechaan bara 1985 raawwate- Cradock Four guutummaa biyyattiitti dheekkamsa uummataa hamaa kaasiseera.

Paartii amma biyya bulchuufi seenaa biyyattii keessatti umrii dheeraa qabu, kan ennaa sana ugguramee ture- Kongiresii Biyyaalessaa Afrikaa (ANC)tti pireezidantii kan turan Oliver Tambo, iddoo itti baqatanii turan irraa uummata gaddaaf ba'eef ergaa dabarsaniiru.

Guyyaa sana Pireezidanti PW Botha dhiha Keep keessatti labsii yeroo muddamaa labsan, waggaa itti aanu labsiin kun guutummaa biyyattiitti hojiirra ooluu eegale.

Tarkaanfiin kun akka poolisoonni fi humnoonni nageenyaa rogeeyyii bulchiinsi olaantummaa saba adii lakkoofsaan muraasa ta'anii akka goolabamuuf gaafatan humnaan cabsan haala mijeesse.

Jaarmiyaaleen bara sana olaantummaa warra adii fi qoollifannaa bifarratti hundaa'een morman jaarmiyaa guddicha- United Democratic Front (UDF) jala turan.

Kanneen jaarmiyaa kana adda durummaan sochoosan afran keessaa tokko kan ta'e Matthew Goniwe yeroo garii walga'iiwwan tokko tokko irratti hirmaachuuf gara Port Elizabeth imala ture.

Guyyaa tokko (gaafa Waxabajjii 27, 1985) walga'ii akkanaaf hiriyootasaa sadan- Fort Calata, Sparrow Mkhonto fi Sicelo Mhlauli waliin imalaa turan.

Fort Calata fi haadha warraa isaa, Nomonde, guyyaa cidha isaanii

Madda suuraa, FORT CALATA FOUNDATION

Hooggantoonni hawaasaa afran kunneen poolisii biratti kan ittiin beekaman farra appaartaayidii ta'uusaaniin.

Guyyaa sana walga'iirratti hirmaatanii kiilomeetira 200 imalanii battaluma Cradock seenuuf jedhan halkan keessa poolisoonni daandii itti cufan.

Boodarra gubataan reenfa isaanii bakka biraatti argame.

Jalqaba mootummaan ajjeechaasaanii keessaa harka qabaachuu haalee ture, isa booda qorannoon bara 1987 gaggeeffame namoonni kunneen ''qaama hin beekamneen'' ajjeefamuu adda baase.

Qorannoo lammaffaan ammoo wayita bulchiinsi appaartaayidii bara 1993 obba'u taasifame.

Qorannoon kun qaamoleen nageenyaa mootummaa ajjeechaa kanaaf itti gaafatamoo ta'uu adda baase, garuu maqaa nama yakka raawwatee hin ibsine.

Haqa rarra'ee hafe...

Lukhanyo Calata wayita abbaansaa du'u daa'ima waggaa sadii ture.

Waggaa 38 booda ammallee maatiin Cradock Four kanneen yakka raawwatan akka seeraan gaafataman hawwiin eegaa jiru.

Taateen kun sarabamoota mirga dhala namaa erga sirni appaartaayidii kufee Komishinii Dhugaa fi Araaraa- TRC jedhamuun ilaalamaa turan keessaa isa ijoodha.

Pireezidantiin duraanii Nelsan Maandeellaan komishinii kana akka dursaniif luba olaanaa Desmond Tutu gaafatanii turan.

Komishiniin kun biyyattiin bulchiinsa dararaa suukanneessaa raawwatu kan yeroo dheeraaf ture keessaa ba'uun gara nageenyaa fi araaraatti akka ceetuuf komishinichi ga'ee olaanaa taphata jedhamee amaname.

Komishiniin kun yakkoota ajjeechaa suukanneessoo ta'an 300 ol ta'an ilaaleera

Madda suuraa, AFP

Komishiniin kun yakkoota ajjeechaa suukanneessoo ta'an 300 ol ilaaleera.

Yakkamtoota, ragoota fi miidhamtoota dhiittaa mirga namoomaa bara appaartaayidii turee bakka tokkotti walitti fiduun hawaasa duratti akka dhugaa bahan godheera.

Kanneen yakka raawwatan amananiif carraa dhiifamaa kenneeraaf, ta'us aanga'oota poolisii torba yakka kana raawwachuu amanan torba keessaa ja'a odeeffannoo guutuu baasuu waan didaniif carraa dhiifamaa dhowwateera.

Komishinichi dhimmoota 300 ta'an abbaan alangaa mootummaa biyyattii akka qoratuuf bara 2003 dabarsee itti kenne.

Garuu dhimmi kun ammallee itti hin bu'amin jira, lammiileen haqa maatiisaanii bar-kurnee hedduuf eegaa turan ammas carraansaa darbanii eeguu ta'eera.

Mootummaan dhufaa darbaa biyyattii maaliif dhimma kana [haqa uummataa] duubatti akka harksisu iccitii ta'ee hafe.

Harkifannaa mootummaaf sababa ta'uu mala kan jedhame yeroo duraaf bara 2015 ibsame.

Bara sana, nama bara 1983 achi buuteenshee dhabame, Nokuthula Simelane'f, obboleettii kan taate Aadde Thembi Nkadimeng, akkaataa dhabamuusaarratti ibsi ga'aan akka kennamuuf mana murtiitti himatte.

Thembi Nkadimeng Ministira Dhimma Qindoomina mootummaa fi Aadaa ganamaati.

Obboleettiinshee bara 1983 dhabamte ammoo miseensa damee waraanaa Paartii ANC turte.

Himata kanarratti qondaalli duraanii abbaa alangaa biyyattii as ba'uun, kan adeemsa haqaa fi hojii komishinii araaraa irratti gufuu ta'e mootummaa ta'uu ibse.

Himannaan kun yakkoota raawwataman hedduuf miseensonni ANC aangoo da'eeffatanii tumsaa turan himata jedhutti akka hin geessine sodaatama.

BBC'n dhimma kanarratti akka yaada kennuuf mootummaa Afrikaa Kibbaa gaafatus, deebii hin aragatin hafe.

Qondaaltonni mootummaa paartii ANC yakkoota raawwataman keessaa harka qabaachuufi dhiisuu ilaalchisee qorannaan seeraan eegalame hin jiru.

Haata'u malee kanneen namoota ulaa haqaa itti cufame banuuf rurrukutaa yoona ga'aniif quuqamaniif kun waan mirkaneessu qaba.

''Kun hanga ammaatti rakkoo tokkicha arganneedha. Garuu yeroof mirkaneeffachuu hin dandeenye,'' jedha Aab Calata.

Obboleettiin Thembi Nkadimeng bara 1983 waggaa 22ffaa isheetti ajjeefamte.

Kan ishee dhukkubsu garuu haqa argachuuf yeroo haga kana fudhachuusaati.

Miseensota poolisii duraanii afur obboleettiishee ajjeesan keessaa amma lama du'aniiru.

Himati kanneen hafan lameeniis lafarra harkifataa yoona ga'eera.

Garuu bara kana jalqabarratti mootummaan biyyattii waan abdii namatti horu eegaleera.

Komishinirri duraanii TRC hojii komishiniin kun dhimmoota bara appaartaayidii raawwataman ilaalchisuun hojjetaa ture akka keessa deebi'ee sakatta'uuf muudeera.

Dumisa Ntsebeza muudamuun maatii firoonni jalaa miidhaman guddoo gammachiiseera.

Tarkaanfiin kun seenaa badaan bara appaartaayidii akka hin dabalamneef ni gargaara jedha mootummaan.

Qorannoon kun qaamolee siyaasaa hunda hammataa hin jiru jechuun kanneen komii qaban ammoo komishiniin walabaa haaraan hundaa'uu qaba jechuun gaafatan.

Amma kanneen yakka raawwatan fi namoonni ragaa ta'uu danda'an hedduun du'aniiru, kanaafuu haqi guutummaan ni argama abdiin jedhu hin jiru.

Aab Calata garuu nama abbaa isaa ajjeese faana bu'ee hanga haqa isaa baasutti duubatti akka hin jenne hadheeffatee dubbata.

''Waggaa 38 boodallee ta'u, iddoo awwaalcha isaa deemeen, 'Abbaa kiyya dhumarratti akka nagaan boqottu nan amana, sababni isaas namoonni as si kaa'an xumura irratti seera jala oolaniiru','' jedhe.