Qabattoon Neelsan Maandeellaaf kennamee ture hatamuun ibsame

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Afrikaa Kibbaa qabattoo buunyaa namni beekamaan Roondaald Sugaar Reey pireezidantii duraanii Afrikaa Kibbaa Neelsan Maandeellaaf kennaan gumaache hatamuu ibse.
Nama qabattoo kana hatuun shakkame adamsuu eegaleeera jedha poolisiin.
Roondaald Sugaar Reey dorgoma buunyaa lammii Ameerikaa dorgommiiwwan hedduu injifachuun beekamudha.
Qabattoon dorgommii sadarkaa idil-addunyaa injifachuu isaatiin kennameefi ture kun doolara Ameerikaa 3,000 kan baasu yoo ta’u, godambaa Maandeellaa Soweetoo jirutti agarsiisaaf dhiyaatee ture.
Qabsa’aa farra -Appaartaayidii beekama kan ta’an Maandeellaan bara 1946 irraa hanga 1962tti bakka godambaan kun itti argamu Vilakaazii Istiiriit jedhamu jiraatan.

Madda suuraa, Getty Images
Dubbi- himaan Poolisii biyyattii Koloneel Dimatsoo Selloo BBCtti akka himaniitti, galmeen himannaa hannaan walqabatu kun Adoolessa 2, 2022 baname.
Hojjataan godambaa sana guyya tokko dura cufaan godambaa kanaa cabusaa hubate.
Qorannoon gaggeffame akka agarsiisutti qabattoon kun ni hatame. Yeroo ammaatti wanti hatame kan biraa jiraachuun hin baramne.
Neelsan Maandeellaan pireeezidantii yeroo jalqabaaf karaa dimookiraatawaan bara 1994 filatamuun biyyattii bulchaa turan.
Mandiibaan dur dorgommii bunyaa akka dinqisiifatanitu himama.
"Akka saayinsii isaatti wal reebicha buunyaa keessa jirutti hin gammadu. Waanti na hawwatu akkatti namni tokko ofirra qolchuuf qaamasaa sochoosu, tarsimoo ittiin haleelee, duubatti deebi’u, akkasuma dorgommicharratti akkatti namni socho’u," jechuun Neelsan Maandeellaan kitaaba seenaa ofiisaanii barreessaniirratti ibsaniiru.
Qabattoon kun Guraandhala 1990 hidhaa waggoota 27 booda mana hidhaatii erga bahanii yeroo muraasa booda ture Maandeellaaf kan kenname.
Waxabajjii1990 Madibaan magaalaa Niwuyoorkitti Roondaald Sugaar Reey dabalatee dorgomtoota buunyaa qabsoo farra-appaartaayidii tumsaa turan waliin wal arganii turan.












