Kallattii sadi waraanni Sudaan itti deemuu malu- ija xinxaaltotaan

Hilikoptarii waraana Sudaan

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Xinxaltoonni dhimma siyaasa Sudaan BBC’n dubbise wal dhabdeen biyyattiitti mudate garamiitti akka ce’u danda’u ilaalchisuun xinxala kennaniiru.

Akka xinxala oggeessoota kanneeniitti, wal dhabdeen Sudaan bifa sadii qabachuu danda’a.

1. Injifannoo Waraanaa

Humnootiin wal waraanaa jiran lamaan kan yaadaan ni milkeessu jechuun yaaduun cimaa ta’u qofa osoo hin taane, carraa tokko isa kaan injifachuun itti aangoo qabachuu danda’u dhiphaa ta’uu xinxaltoonni dubbatan, garuu ammoo taateen akkasii jiraachuu akka danda’u kaasu.

Waraana idilee biyyattii hogganaa kan jiran Jeneraal Abdal Fattaah al-Burihaanis ta’anii, hogganaan humna addaa Jeneraal Mohaammad Hamdan (Hemeetii)n waraanicha injifachuuf carraan isaan dandeessisuu waan jiruuf, ammatti tokko injifataa, kaan ammo injifamaa taasisanii ilaaluun cimaa ta’u danda’a.

Haata’u malee, namoonni Kaartum irraa yaada kennan, waraanni Heemeetii waraanaa idilee caalaa magaalaa guddoo keessatti olaantummaa kan qabate fakkaata jedhu.

Waraanni Heemeetii lola riphee loltummaatiin kan beekameedha. Heemeetiin waraanaa dirreewwan waraanaatti haalawwan jijjiruun loluu danda’u qaba. Dandeettiin kunis waranaana magaalaa guddittii Kaartum keessatti taasifameen olaantummaa akka qabatan isaan dandeessisuu hin oolle.

Faallaa isaa ammo waraanni biyyaatti dhiyeessii meeshaa waraanaa kan humna addaa caalaa qaba. Taankiiwwan, meeshaalee waraanaa gurguddaa fi humna qilleensaatiin olaantummaan kan jiru harka Janaraal al- Burhaani.

Miiltoo Garee Internaashinaal Kiraayisis kan ta‘an Alan Boosweel, miseensoonni humna addaa magaalaa guddoo biyyattiitti, mana jireenya namoota nagaa sakkatta’uun bakka jireenyaasaanii taasifataa jiru jedhu.

Adeemsi akkasii kunis waraanni biyyattii magaalatii akka barbadeessu kan taasisuudha jedhu.

Xinxalaan kunis, janaraaloonni lamaan karaa waraanaatiin injifachuu akka danda’an amanu yoo itti fufan, badiin Sudaaniin mudachuu malu baayyee cimaa ta’uu akka danda’u akeekkachiisu.

2. Wal dhabdee dheeraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wal dhabdeen amma biyyattii keessatti mudate kun kallattiiwwan adda addaa qabachuun yeroo dheeraaf itti fufee turuu danda’a. Kanaan ammoo adda durummaan kan miidhaman lammiileedhuma biyyattiiti.

Lammii Sudaan kan ta’e Mahaammad Haashiim taateewwan wal dhabdeen kun gara wal waraansaatti geedaramuun akka yeroo dheeraaf turuu gochuu danda’an jiru jedha. Namoonni pirezidantii duraan Omaar al-Baashirii kan ajandaa Isilaamummaa gaggeessaniifi paartii isaanii deeggaran kallattiitti dhiibamun turaniiru.

Al-Baashiir erga aangoorraa kaafamaniin booda, qaawwii nageenyaa Sudaaniitti umameen, milishoonni ajandaa adda addaa qabanii fi kanneen ajandaa isilaamummaa qaban akka itti makaman gochuu danda’u.

Dhimma Sudaan irratti xixalaa kan ta’an Joonaas Hornar ammoo, humnootiin wal waraanaa jiran lamaan yoo humnoota alaa irraa deeggarsa kan gaafatan ta’e, sababiiwwan wal dhabdee kana dheereessuu danda’an keessaa tokko jedhu.

Aanga’oonni Masrii dhimma Sudaan irratti ejjannoo walabaa adeemsifna haa jedhan malee, Kaayiroon deeggartuu al-Burihaan cimtuudha.

Humni addaa ammoo Gamtaa Araboota Imireetsi, garee waraanaa mindeeffamaa Raashiyaa Waaginar fi milishoota qaxanicha keessatti humna qaban kaan irraa deeggarsa akka qabu amanama.

Kana malees, janaraaloonni lamaan walii galu dhabunsaanii wal dhabidichi akka bira sabummaa qabaatu gochuun kan biyyattii guutuu ta’u malas jedhu.

‘‘Osoo wal dhabdiichi hin eegaluun dura Heemeetiis ta’e Janraala Al-Burihaan gara bakka dhaloota isaaniitti imaluun, haasaawwan ummata adda qoqoodu danda’an taasiisaa akka turan agareerra,’’ jedhu Haashiim.

Waraanni dheerachuun bu'uraalee misoomaa barbadeessuu mala

Madda suuraa, AFP

3. Waliigaltee nagaa

Biyyoota Arabaa dabalatee mootummoonni qaxanichaafi warri Lixaa janaraalonni lamaan garaa garummaa saanii mariidhaan akka furaniif marisiisuuf yaalii taasisaa turaniiru.

Janaraaloonni Sudaan wal dhabdicha karaa humnaatiin akka injifatan amanan kunneen garuu kan gaaffii marii fudhatan hin fakkaatan.

Dhiheenya kanas Mootummoota Gamtomaniitti Ergamaan Addaa Sudaan Voolkaar Parziis, mana maree nagaa Mootummoota Gamtomaniitiif humnootiin wal waraanaa jiran lamaan haala waaraatiin garaagarummaa saanii furuuf fedhii marii itti fufuu hin qaban jechuun himanii turan.

Sudaaniitti garaagarummaa jiru karaa mariitiin furuun rakkiisaa kan ta’u, sababii gareewwan fedhii adda addaa qaban hedduun jiraniifidha.

Biyyoonni qaxanicha keessatti argamanis namni akka Sudaan hogganuuf barbaadan adda adda. Kun ammo lammiilee Sudaaniif oduu gaarii miti jedhan Horinar.

‘‘Ammas taanaan marii nagaatiif yeroon jira. Rakkoonsaa garuu qaamoolee lamaan jidduutti waraana dhaabuuf fedhiin gonkumaa dhabamusaati. Yaaliiwwan dippilomaasii yerootis kan fedhiiwwan janaraalootaa irratti bu’ureeffatamaniidha.’’

Fedhiin namoota kanneen lamaanitis, kan dhunfaa isaaniti malee fedhii ummata Sudaani miti. Wal dhabdeenis kan mudate fedhii aangosaanii guuttachuuf, fedhii humnaa bakkaan gahachuufi qabeenya sassaabachuu malee kan fedhii ummataa dursa godhate eegalame miti.

Kanaafuu miidhan inni geessisu salphaa hin ta’u.