Sarbiyaatti barataan ganna 13 namoota 9 ajjeese to’annoo jala oole

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa guddittii Sarbiyaa, Belgireed keessatti dhuukaasa mana barumsaa keessatti banameen yoo xiqqaate barattoonni saddeet fi qondaalli eegumsaa tokko ajjeefamaniiru.
Haleellaa kanaan barattoonni ja’a biraa fi barsisaan tokko madaa’uun wal’aansaaf gara mana yaalaatti geeffamuu isaani ministeerri biyya keessaa ibseera.
Haleellaa Roobii ganama raawwate kanaan walqabatee, mana barumsa Viladislaav Ribnikaar keessatti barataan ganna 13 to’annoo jala ooleera.
Barattoonni shakkamaa kana waliin kutaa tokko keessatti baratan akka himanitti, barataan kun daree barnootaa Seenaa seenuun jalqaba barsiisaa isaa rasaasaan rukute sana booda barattoota irratti dhukaasa bane.
Biyyattii keessatti meeshaa waraanaa qabachuu fi yakki qawween raawwatamu danuu kan hin beekamne yoo ta’u, mana barumsaa irratti haleellaan akkanaa ammoo tasumaa dhaga’amee hin beeku.
Shakkamaan kun qawwee abbaa isaa fayyadame jedhamee kan yaadamu yoo ta’u, haleellaa kana maaliif raawwate kan jedhu irratti qorannoon gaggeeffamaa jira.
Dubbii himaan poolisii akka ibsetti shakkamaan kun haleellaa kana ji'a dursee karoorfataa ture.
Shakkamaan kun maqaa barattoota ajjeesuu barbaadu tarreeffatee akka turee fi jalqaba kutaa kam irratti haleellaa isaa raawwatu karoorfatee akka ture himaniiru.
Ministirri Barnootaa Biraankoo Ruuzik ibsa miidiyaaleef kennaniin, barattoota saddeet fi qondaala nageenyaa ajjeefamaniin gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.
Ijoollee kana eenyuyyuu deebisee maatii isaaniif kennuu hin danda’u jedhaniiru.
“Yeroo bakka halleellan kun itti uumame ilaaltu, wanti ijoollee kana mudate waan yaadamuu hin dandeenyedha,” jedhan Ruuzik.
Sarbiyaa keessatti Caamsaa 5 hanga Caamsaa 7’tti mootummaan guyyaa gaddaa sadii labsuu isaas beeksisaniiru.















