Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaa itti-aanaa WBO zoonii Kibbaati kan jedhame Mohaammad Ammee akkamiin to’atame?
Hogganaa itti aanaan WBO Zoonii Kibbaati kan jedhame Mahaammad Ammee Sanbata Hagayya 6 bara 2022 godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti to’atamuu Poolisiin BBC’tti himeera.
Itti gaafatamaan Garee Nageenya Naannoo Mirkaneessuu Poolisii Aanaa Mooyyalee Gar. Inspeektaraa Abduuba Huqqaa, Mahaammad Ammeen sadarkaa itti aanaa hogganaatti hogganaa bobbaafii leenjii Zoonii Kibbaa ta’uu himan.
Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu garee TPLF Kaaba Itoophiyaatti mootummaa lolu waliin hariiroo tolfataniiru.
Paarlaamaan Itoophiyaa lamaanuu Caamsaa waggaa darbe tarree shororkeessummaa jala galcheera.
“Yeroo hedduu naannoo kana waraanaa turan. Godina kana keessatti socho’ee, waraana sochoosee waraanchisiisa ture” jedhan Gar.Inspeektaraa Abduuba Huqqaa.
Kana duras ajajaan yeroo dheeraa garee kanaa gama Kibba biyyattii Goollicha Dheengee waggoota 27 booda qabsoo hidhannoo keessaa bahuun mootummaatti harka kenneera.
Naannoon daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa iddoo hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo dheeraaf itti socho’aa turan ta’uutu himama.
Haaluma kanaan Obbo Mahaammad Ammeen dheengadda Adoolessa 30 bara 2014 Keeniyaadhaa ka’uun gara giddugala Itoophiyaatti wayita imaluutti waaree booda naannoo sa’aa 8:00 Godina Booranaa aanaa Mooyyalee ganda Bokkolaa jedhamutti to’atamuu qondaalli kuni himaniiru.
“Uffata duraan ittiin socho’aa turan jijjiiratanii, uffata siiviilii suufii fi koofiyaa adda addaa uffatanii Keeniyaa keessaa gama naannoo Somaaleetiin gara Itoophiyaa dhufan” jechuun himan.
Sana boodas sakatta’iinsa daandiirraa qaamolee nageenyaan taasifamaa tureen Mahaammad Ammeen to’atamuu himan.
Dhimma hidhamuu kana irratti Waraanni Bilisummaa Oromoo hanga ammaatti waan jedhe hinqabu.
Hogganaan kun kanaan dura bara 2008 lola humnootii mootummaafii hidhattoota gidduutti taasifamaa tureen harka rukkutamanii to’atamanii akka turan qondaalli poolisii kuni himaniiru.
Isa tibbanaanis “miseensi poolisii yeroo sana waraana sana keessa jiru iddoo sakatta’iinsaa sana ture.
''Yeroo isa argan fuulasaa sirriitti beekan. Gaafasis miseensuma kanatu rukutee qabe” jechuun himani.
Gama biraatiin namni Mulugeetaa Baqqalaa jedhamu konkolaataa ittiin imalaa turan konkolaachisaa akka turefi innis to’atamuu poolisiin himeera.
Konkolaachisichi ajajicha waliin mana hidhaa waliin turuufii konkolaatichaan kiraa qarshii Kuma 15niin tajaajila geejibaa kennuuf magaala Adaamaatii gara Mooyyalee imaluusaa akka dubbate Gar. Ins. Abduuba himaniiru.
Sababa imalaa…
Ajajaa itti aanaa WBO Zoonii Kibbaa akka ta’an kan himamu Mahaammad Ammee humnootii nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin barbaadamaa turuu kan himan qondaalli poolisii, ''innis waraana qabatee naannoo Itoophiyaa garana deemanii waraanan.
''Nuyis ammo Keeniyaa keessa ni seenna. Barbaadamaa turan. Namni waraana kana qabatee socho’u isa'' jedhan.
To’annoo jala erga oolanii booda eessaafi maaliif imalaa akka turan yemmuu gaafataman “sababa waldhabbiitiin Guyyoo Tigree (hogganaa loojistikii WBO Zoonii Kibbaa), koree Gammachuu Abbooyeeetin waldhabne jennaan biyyi koo naannoo Amaaraa Walloodha, naannoo sanin deemaa jira” jechuun dubbachuu isaanii himan.
Gaaffii maaliif harka hin kennattu jechuun poolisoota biraa dhiyaatefis, “naannoo Amaaraatii maatii qaba, daa’ima tokko dhalee jira, maatii kiyyaan wal argee naannoosan jiraachuun barbaada malee harka kennachuu hin barbaadu” jechuun deebisuu isaanii himaniiru.
Haa ta’u malee kaayyoon imalaa hoggantichaa maal akka ta’e qorannoon kan adeemsifamu ta’uufii yeroo ammaas poolisii godinaatti dabarfamanii kennamuu isaaniis dabaluun himaniiru.