Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarreen ganna 19, yeroo abbaan ishee ajjeefamu akka hin ilaalle dhorkamte
Shamarreen ganna 19 yeroo abbaan ishee ajjeefamu akka hin ilaalle dhorkamte.
Kun kan tahe Ameerikaa bulchiinsa Miizuwurii keessatti yoo tahu, abbaan seeraa ammayyuu ijoolleedha jechuun akkaataa seera naannichaan murtee kana raggeesise.
Keevin Joonsan abbaan shamarree kanaa bara 2005 poolisii ajjeesuun murteen du’aa irratti darbe.
Yeroo sana umuriin isaa wagga 19 ture.
Yeroo ajjeefamus intalli isaa Koorii Raamii akka ilaaltuuf gaafatee ture.
Dhaabbanni Siivilii US, ‘American Cicil Liberties Union’ jedhamu bakka shamarree kanaa bu’uun seerichi mirga heeraa shamarreen kun qabdu irraa mulqeera jechuun morme.
Seerri Miizuwurii namni umuriin isaa wagga 21 gadi tahe, yeroo ajjeechaan raawwatu ilaaluu hin qabu jedhu kaayyoo nageenya isaanii eeguu hin qabu jechuun morman.
Joonsan amma wagga 37 yoo tahu, yeroo inni mana hidhaa gale intalli isaa Raamiin daa’ima waggaa lamaa turte. Ergasii jireenyi isaa mana hidhaa keessadha.
Deddeebitee isa dubbisuun, bilbila, eiimeelii fi xalayaa walii barreessuun hariiroon intalaa fi abbaa gidduu jiru cimeera.
Inumaayyuu mucaa godhattee qabattee mana hidhaa deemuun abbaa isheeti agarsiifteetti.
Joonsan ijoollummaan mucaa godhate umurii waggaa 37’n akaakayyuu taheera.
‘’Yeroo xumuraa isaatti abbaakoo bira tahuu dadhabuun koo onneekoo cabeera,’’ jette Raamiin.
Abbaan ishee jijjiirama amalaa fiduuf jecha mana hidhaa keessatti cimsee akka hojjechaa ture himuun bulchaan Miizuurii adabbicha akka xiqqeessuuf kadhatte.
Joonsan poolisii Miizuurii Wiiliyaam Makantee jedhamu abbaa ijoollee sadii tahetti dhukaasuun ture kan ajjeese.
Abukaatotni Joonsan lubbuu isaa oolchuuf ol iyyataa turan. Balleesica haaluu baatanis murtee du’aa irratti darbe kana keessatti ilaalchi sanyummaa gahee qabaachuu himaniiru.