Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaaba Keeniyaatti saamtoonni horii haleellaa raawwataniin namoota 11 ajjeesan
Kaaba Keeniyaatti namoonni saawwan saaman haleellaa rawwataniin namoota 11 ajjeesan poolisiin biyyattii beeksiise.
Poolisoonni saddeeti, namoota nagaa lamaa fi bulchaan naannoo Turkaanaa namoota walitti bu’insichaan ajjeefaman keessaa ta'utu himame.
Miseensonni Tajaajila Poolisii Biyyaalessaa saamtota gandicha keessa galuun horii saamanii fi miidhaa dhaqqabsiisan adamsaa jirus jedhame.
Naannichatti lafa dheedumsa horii fi bishaan irratti walitti bu’uun waanuma baramedha.
Dhiyeenya ammo goginsi akka malee hammaachuun lubbuu saawwan kumaatamaa galaafateera.
Waggoota afurtama keessatti goginsa takkaa Baha Afrikaa keessatti argamee hin beeknetu mudate.
Waggoota afuriif walitti aansee roobni osoo hin roobiin hafuun isaa horii hedduun dhumaniiru. Oomishni naannicha keessa hin turre.
Uummanni naannichaa deeggarsa nyaataa fi bishaan dhugaatii barbaadu. Sagantaan Nyaata Adunyaa UN, Baha Afrikaa keessatti namootni miliyoona 20 ol tahan beela hamaaf saaxilamaniiru jedhe.
Poolisiin Keeniyaa haleellaa dhaqabe kana ‘’yakkaa fi hammeenyaa’’ namoota nagaa fi poolisii irratti raawate jedhe.
Humni poolisii dabalataa saamtota adamsuu fi nageenya kabachiisuuf gara ganda Baha Turkaanaatti bobbafameera.
Namoonni Saamicha gaggeesuun miidhaa lubbuu namaa irraan gahan jedhaman saba Pokot jedhaman irraa akka tahe himama.
Ji’a darbes hidhattootni saba Pokot irraati jedhamuun shakkaman gandicha galuun namoota torba gubanii ajjeesaniiru jedhamee ture.
Bulchaan Turkaanaa, Jeremiyaa Lomorukaa, jiraattotni naannichaa ‘’du’a maatii isaaniin gadduun nuffisiiseera’’ jedhan.
Kaaba Keeniyaa keessatti sababa lafa dheedumsaa fi bishaaniin yeroo heduu walitti bu’insi ni mudata.
Kana duras Gabraa fi Boorana giduutti walitti bu’insa wal fakkaataan mudachuun lubbuun namoota hedduu darbee ture.
Filannoo Keeniyaa darbeen booda namootni naannoo Tukaanaa fi marsabeet keessaa filaman qabxiin bu’uuraa irratti hojjetu jedhamee eegamu nageenya naannichaa mirkaneessudha.