Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ogeessi kaameraa Al-Jaziiraa haleellaa diroonii Israa'eliin ajjeefame
Sirni awwaalchaa ogeessa kaameraa Aljaziiraa Samiir Abudaqaa haleellaa diroonii Israa’elin ajjeefame Gaazaatti raawwateera.
Samiir Abudaqaa, Jimaata darbe haleellaa mana barumsaa Kaan Yuunis keessatti raawwatameen hiriyyaasaa Wehil Al-Dahduh waliin madaa'an.
Al-jaziiraan akka jedhetti, Abudaqaan dhiigni isaa garmalee dhangala'ee du’e.
Sababa haleellaa boombii hammaateen lubbu-baraartoonni isa baraaruu hin dandeenye jedhe.
Dhaabbanni Kataar keessa maadheffate Al-jaziiraan dhimmicha gara Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaatti (ICC) geessuu ibse.
Al Jaziiraan X, kan duraan Twitter jedhamuun jedhamurrarratti, haala du'a Abudaqaa "ajjeechaa" jechuun ibse.
Galmeen himannaa seeraa ICC'tti geeffame kun haleellaa hojjatoota dhaabbatichaa Filisxeem keessa hojjatanirra irra deddeebiin qaqqabu ni dabalata.
Al Jaziiraan erga bara 1996 hundeeffame as Abudaqaan gaazexeessaa 13ffaa hojirra otoo jiruu du'e ta'uu ibse.
Dahduh, gaazixeessaa dhaabbatichaa kan kanaan dura haleellaa boombii Israa'eliin miseensota maatii hedduu kan dhabe yoo ta'u, haleellaa kanarraa garuu lubbuun hafeera.
Sirna awwaalcha miltoo isaarratti Dahduun gaazexeessitoonni Gaazaa "ogummaa keenya buu’ureffane, iftoominaan dirqama keenya bahuu ittifufna" jedhe.
Gaazexeessitoonni Gaazaa "dhaamsa namoomaa fi kabajaa" addunyaaf dhaaman qabu, haleellaan Israa’el hammaatus hojii isaanii ittifufu jedhe.
Akka gabaasa Al Jaziiraatti Dahduh harka isaa gubbaa rukutamee yaala argachuuf gara hospitaala Naasir dhaqe.
Naannicha humnoonni Israa’el boombiin haleelaa waan turaniif, Abudaqaan miidhaa irra qaqqabeerraa baraaruuf lubbuu baraartonni naannicha dhaqqabuu hin dandeenye.
Al Jaziiraan akka jedhetti ogeessi kaameraa kun "sa'aatii shan oliif dhiigee akka du'uutti bakka sanatti hafe."
Al Jaziiraan Israa’el gaazexeessitoota ishee fi maatiisaanii irratti xiyyeeffachuu isheetiif itti gaafatamti jedhe.
Abudaqaan bara faranjootaa 2004 keessa Al Jaziiraatti qacaramee akka ogeessaa kaameeraa fi gulaalaa suur-sagaleetti hojii eegale.
Abbaa ilmaan dhiiraa sadii fi intala durbaa tokko yoo ta’u, magaalaa Abasan al-Kabira jedhamtu, Kaan Yuunis cinatti argamtu keessa jiraataa turan.
Gulaalaa olaanaa Al Jaziiraa, Mohaammad Mohawaad, Abudaqaan "ogeessa ogumma qabu" jechuun ibse.
Akka Koreen Egumsa Gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) jedhutti, erga lolli Israa’el fi Gaazaa Onkoloolessa 7 jalqabee yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 64, kan irra caalaan isaanii Filisxeemoota ta’an ajjeefamaniiru.