Namicha gaaffii natti heerumtaa dhiyeessuuf km 90 fiige

Maxxanfame

Namichi lammii Afrikaa Kibbaa jaalalasaa agarsiisuuf '‘fagoo deeme’’ miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii taheera.

Namni ganna 57 Jooseef Kaagisoo Indloovuu jedhamu kuni jaalalleesaa Piruudans jedhamtuuf gaaffii natti heerumtaa dhiyeessuufi kan dachaa fageenya maaraatoonii idilee kan fiige.

Waraqaa gaaffii natti heerumtaa qabu akka dhaadannoo ol kaasee qabatee fiigicha maaraatoonii (Comrade Marathon) km 90 fagaatu yeroo xumurutti suuraa ka’eera.

'‘Piruudansi natti heerumtaa? Km 90 siif jedheen fiige’’ barreefama jedhu qaba waraqaan kuni.

Miidiyaalee biyya keessaa fi fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa jaalalasaa agarsiisuuf fageenya inni deeme dinqisifachaa turan.

Indloovuun akka BBCtti himetti Piruudans fiigicha kanaan isa deeggaraa turte gaaffii natti heerumtaa dhiyeesseefis '‘eeyyee’’ deebii jedhu kenniteetti.

Jalqabaa waggaa kana irraa qabee jaalalaan akka turan himuun bara dhufu wal-fuudhuu dhaaf akka karoorsan dubbateera.

Fiigicha maaraatoonii kana irratti hirmaachuun si’a torbaffaa tahuu kan himu namni kuni, boqonnaa waggaa lamaa booda barana fiigicha kanatti kan deebi’ee garuuu isheef jedhee akka tahes himeera.

Gaaffii isaa kanaaf deebii tole jedhu kennuun ishee otoo hin beekamiiin dura fayyadamtoonni miiidiyaa hawaasaa deebii ishee si’ominaan eegaa turan.

'‘Akka biyyaatti deebii gaaffii kanaa baruu barbaanna. Abbaa kaameeraa Piruudansii nuu barbaadi.’’ Jechaa turan.