Yaadannoon Injifannoo Aduwaa waggaa 128ffaa Muuziyeemii Aduwaatti kabajame

Yaadannoo injifannoo Adawaa

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Maxxanfame

Yaadannoon Injifannoo Aduwaa waggaa 128ffaa Muuziyeemii Aduwaa dhiyeenya eebbifametti bakka qondaaltotni mootummaa olaanoon argamanitti kabajame.

Yaadannoon kun Muuziyeemii guddicha siidaa Mootii Minilik duratti injifannoo Adawaa yaadachuuf ijaarame keessatti yeroo jalqabaaf kabajame.

Yaadannoo kanarratti agarsiifni hiriira waraanaa biyyattii gaggeeffameera.

Ayyaanni kun haaluma walfakkaatu naannoo Tigraay Aduwaattis bakka Pirezidant Saahilawarq Zawudee fi aanga'ootni naannichaa argamanitti kabajameera.

Injifannnoon Aduwaa lammiileen Itoophiyaa fiixee hundarraa walitti dhufuun humnoota koloneeffattoota Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa hidhatan kan itti injifataniidha.

Ayyaana magaalaa Finfinnee Muuziyeemii yaadannoo Aduwaa keessatti gaggeefamerraa suurotni gaggaariin argaman kunooti:

Ayyaanichi fardeeniin kan dabaalame ture

Madda suuraa, Gemeda Olana

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanichi fardeeniin kan dabaalame ture
Aangawoonni abaaboo siidaa jala yoo kaa'an

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni abaaboo siidaa jala yoo kaa'an
Ayyaanni kuni wagga waggaan kabajama

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanni kuni wagga waggaan kabajama
Kabaja Ayyaana Aduwaa waggaa 128ffaa irratti

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Ibsa waa'ee suuraa, Kabaja Ayyaana Aduwaa waggaa 128ffaa irratti
Waraanni Itoophiyaas ayyaana kanarratti hirmaateera

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Itoophiyaas ayyaana kanarratti hirmaateera
Ayyaanni Aduwaa barana yeroo 128ffaaf kabajame

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanni Aduwaa barana yeroo 128ffaaf kabajame