Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaadannoon Injifannoo Aduwaa waggaa 128ffaa Muuziyeemii Aduwaatti kabajame
Yaadannoon Injifannoo Aduwaa waggaa 128ffaa Muuziyeemii Aduwaa dhiyeenya eebbifametti bakka qondaaltotni mootummaa olaanoon argamanitti kabajame.
Yaadannoon kun Muuziyeemii guddicha siidaa Mootii Minilik duratti injifannoo Adawaa yaadachuuf ijaarame keessatti yeroo jalqabaaf kabajame.
Yaadannoo kanarratti agarsiifni hiriira waraanaa biyyattii gaggeeffameera.
Ayyaanni kun haaluma walfakkaatu naannoo Tigraay Aduwaattis bakka Pirezidant Saahilawarq Zawudee fi aanga'ootni naannichaa argamanitti kabajameera.
Injifannnoon Aduwaa lammiileen Itoophiyaa fiixee hundarraa walitti dhufuun humnoota koloneeffattoota Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa hidhatan kan itti injifataniidha.
Ayyaana magaalaa Finfinnee Muuziyeemii yaadannoo Aduwaa keessatti gaggeefamerraa suurotni gaggaariin argaman kunooti: