Cimanii hojjachuu moo dandeettii uumamaatu irra bu'aa qaba jettanii yaaddu?

Madda suuraa, Getty Images
Hojii kam keessatti milkaa'inni kan argamu kennaa uumamaafi cichanii hojjachuu irraayi. Garuu namoonni bebbeekamoon waa'ee milkaa'ina jireenya isaanii gaafa dubbatan akkamitti akka dafqa coccobsanii milkaa'an kaasu malee waa'ee kennaa uumamaa yeroo kaasan hin dhagahamu.
Taphataa collee addunyaa kan ta'e Kiristaanoo Ronaaldoo milkaa'inasaaf dafqaafi dhiiga akka itti cobse dubbata. Waa'ee milkaa'ina kubbaa miilaasaa yeroo gaafatame, "kennaan uumamaa hojiidhan yoo hin deeggaramne gatii hin qabu" jedhe.
Qorannoowwan xiin-sammuu akka agarsiisanitti kennaa uumamaa tuffachuuyn cimanii hojjachuu qofaarratti xiyyeeffachuun hojii garaa garaa keessatti dhiibbaa of-danda'e akka qaba.
Qorannoon waan kan uumamaa ta'e filachuu (naturalness bias) jedhu akka agarsiisutti namoonni kanneen milkaa'inasaanif olii gadi jechuun dhama'an caalaa kanneen dandeettii uumamaa qabaniif kabaja akka qaban agarsiisa.
Akka qorannoon kun jedhutti, fakkeenyaf dhaabbanni namoota qacaruuf qormaata yeroo qoru namoota qabxiinsaanii gadi aanaa ta'ee garuummoo dandeettii uumamaa kanneen qaban yoo ta'an filachuu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
Saayinsiisii xiinsammuu fayyadamtootaa (consumer psychology) keessatti jechi waan kan uumamaa ta'e filachuu (naturalness bias) jedhu meeshaalee gadi aanoo caala waan kan uumamaa ta'e filachuu kan agarsiisudha.
Malkom Gilaadwel barreessaa yoo ta'u, waanti tokko sadarkaa orijinaalatti gaafa dhiyaatu, hangi faalamuu isaa xiqqaa akka ta'ee fi barbaadamummaan waantichaas akka dabalu hima.
Akka Maalkom jedhutti namni milkaa'uf itti dadhabeen hojjadha jedhu faallaa "uumamaa" isaatii akka dhaabatu kaasa.
Kolleejjii Yunivarsiitii Landanitti pirofeesara kan taate Chaayi Juung Tsaay yaada kana qorannoo sadarkaa garaa garaa irratti gaggeessite. Jalqabarratti ilaalcha namoonni dandeettii muuziqaaf qaban irratti hojjatte.
Namoonni qorannoo kanaaf filaman namoota ogummaa aartii qaban yoo ta'an muuziqaa daqiiqaa gabaabaa lama akka dhaggeeffataniif itti himame. Waa'ee muuziqeessitoota kanaas seenansaanii gabaasamee akkamitti akka milkaa'an itti himame. Erga dhaggeeffatanii booda, dandeettii muuziqeessitoota kanaa, carraa gara fuulduraatti muziqeessitoota kanaa akka sadarkaa kaa'an gaafataman.
Akka Chaayi Chuung jedhutti namoonni hedduun dandeettii uumamaa jedhanii akka deebisan hima.

Madda suuraa, Getty Images
Muuziqaan alatti hojiilee akka intarpirunarii fa'aa keessattis milkaa'inni dhamaatii dhuunfan moo dandeettii uumamaan argama kan jedhu ilaaluf qorannoo gaggeesse Chaayi Chuung.
Namoota qorannicharratti hirmaataniif seenan namoota intarpirunarii ta'aniifi ibsi karoora biizinasiisaanii daqiiqaa tokko ta'u kennameef. Akkamitti akka milkaa'ina kanarra gahan ibsuuf jecha muraasatu garaa gara malee odeeffannoon intarpirunaroota kanaa waluma fakkaata.
Hirmaattonni walakkaan milkaa'innisaanii cimanii hojjachuudha yoo jedhan walakkaan ammoo dandeettii uumamaati jedhanii fudhatan. Akka Chaayi Chuung jetutti namoonni heddu kanneen dandeettii dhuunfaa qabaniif kabaja qabu.
Ilaalcha kee adda baasi
Hojiin qorannoo Chaayi Chuung waa'ee waan kan uumamaa ta'e filachuurratti gaggeessite qorannoowwan xiinsammuu biroo ilaalchi dhuunfaa keenyaa barnootafi guddina ogummaa keenyaa akkamitti akka gaggeessurratti gaggeeffaman waliin kan wal-simuudha.
Akkaataa qorannoo kanaatti, namoonni "ilaalcha hin jijjiiramne (fixed mindset)" qaban dandeettinsaanii kan hin sochoone ta'uu kan amanan yoo ta'u, kanneen "ilaalcha jijjiiramu (growth mindset)" qaban ammoo dandeettinsaanii kan jijjiiramu akka ta'etti fudhatu.
Walumaa galatti namoonni ilaalcha jijjiiramu qaban rakkooo itti dhufu kan dandamataniifi galmasaanii gahuuf warra cichanii itti fufaniidha.
Ilaalcha madaalawaa qabaachuu
Sadarkaa nama dhuunfatti, ilaalcha waan uumama filachuu qabaachun akkaataa itti ofii keenya nama birottii dhiyeessinurratti dhiibbaa qabaachuu mala.
Waayila hojii Chaayi Chuung kan taate Kilaariisaa Koortland ilaalcha namoota 6000 ta'an irratti qorannoo gaggeessiteen, namoota qorannoorratti hirmaatan waa'ee hojiisaanii gaafatamanii %80 kan ta'an dandeettii uumaman qaban caalaa dhamaatii dhuunfaa isaaniin akka ta'e deebii kennan.
Sababni namoonni dhamaatii dhuunfaarratti xiyyeeffataniif dandeettii uumamanin milkaa'e jechuurraa dhama'een itti dadhabee milkaa'e yoo jedhan nama biratti fudhatama qabaachuf jecha ta'uu akka hin oolle himti qorattuun kun.
Qorattoonni kun akka jedhanitti milka'ina namaaf dandeettin uumamaas, dhama'anii hojjachuunis murteessaa akka ta'eefi ilaalcha madaalawaa qabaachun gaarii akka ta'e kaasu.












