Barataa xiyyaara namoota bebbeekamoo akka Ilon Mask fi Teylar Iswiift hordofu

Madda suuraa, JACK SWEENEY
Barataan Yunivarsiitii Ameerikaa, Filooridaa keessaa tujaarotaa fi namoota bebbeekamoo aarsaa jira.
Attamiin? Xiyyaarri dhuunfaa isaanii eessa akka jiruu fi hangam naannoo faalaa jiru kan jedhu nutti himuun.
Jaak Iswiinii weelliftuu beekamtuun Teeylar Iswiift muuziqaa bareeda hojjettuun ishee dinqisiifatus, xiyyaarrishee dhuunfaa eessa jira kan jedhu namuu beekuu qaba kan jedhutti amana.
Mana murtiitti isa geessuuf sodaachisni jiraatus, inni garuu kana gochuurra waan dubbatti deebi’u hin fakkaatu.
"Haqa-qabeessa tahuun fedha,” jechuun imeeyiliin BBCtti hime. “Eenyuyyuu haa tahuu odeeffannoo nama kamuu qooduun yaala.”
Keessattuu odeeffannoo waa’ee xiyyaarota dhuunfaa tujaarotaafi warra aangoo gurguddaa qabanii marsaalee hawaasaarra qooduun isaa, dargaggoo ganna 21 kana xiyyeeffannoo keessa galcheera.
Dargaggoon maatii hidhata hojii xiyyaaraa qabanirraa Orlaandootti dhalate kun, yeroo dheeraa kaasee balallii xiyyaaraaf fedhii addaa akka qabu hima – keessattuu dhaabbilee Elon Mask kan tahan SpaceX fi Tesla.
Fedhiin ijoollummaatti horate kunis marsariitii xiyyaarota hordofu TheAirTraffic.com jedhamu akka tolchu ka’umsa ta’eef. Marsariitii fi fuulli marsaalee hawaasaa kanaan, xiyyaarota namoota bebbeekamoo, namoota siyaasaafi tujaarota hordofuun maxxansa.
Sirni isaa kunis ragaalee ifatti uummataf bilisaan jiraniifi namoota dhuunfaa fedhii qabaniin kan walitti qabame irratti hundaa’a.
Xiyyaaronni wayita balali’an odeeffannoo kanneen akka bakka argamaafi kaan yeroo yerootti kan gadhiisan ogguu tahu, ragaalee kanas salphumatti namoota meeshaa kana simatu qabaniin argamuu danda’u.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Jalqabarratti waanuman fedhii qabuuf, jaalalaafiin hojjedha ture,” kan jedhu dargaggoo Iswiinii, ammatti Yunivarsiitii of Sentiraal Filooridaatti barnoota IT’n barataa waggaa sadaffaati.
Yeroon boodas jaalala dhimma kanaaf qabuun alatti, galmasaa godhate. “Gahee bilisummaan odeeffannoo qabuun nan amana,” jedha.
Kana malees kaayyoo eegumsa naannoos horate: “Kanneen balali’an maqaa badaa faalama kaarbonii isaan qaqqabsiisan dhoksuu barbaadu,” jedha.
Ragaa inni dhiyeessee irratti hundaa’uun qorannoon taasifaman, faalama kaarbonii Iswiift fi gareenshee fidan dhiyaatan.
Weellistuun akka jettutti agarsiisa muuziqaashee isa si’anaan faalama hir’isuuf guddoo dhama’eera jechuun dubbatti.
Faalama callaa miti – dhimmi mateenyaa ykn rakkoon nageenyaan ni ka’a. Gareen seeraa weellistuu kanaa, bakka itti argama xiyyaara dhuunfaashee ifa baasuun, namoota ishee hordofaniif saaxila jedhu.
Xalayaa Washington Post ifa godhee fi abukaatonni weellsituu kanaa barreessaniin, “xiyyaarashee hordofuun dhimma du’aafi jireenya. Uummatarraas fedhiin kana akeeku hinjiru, yoo kanneen kanarraa fayyadamuuf barbaadaniin ta’een alatti.”
Barataan kun yaada kana kuffisuun, hawaasni waa’ee sochii xiyyaarashee beekuu guddoo barbaada jedha. Yoo ragaa feetan ammoo dinqisifattoota ishee ‘Swifties’ jedhaman gaafadhaa jedha.
“Dinqisiifattoonni ishee akkaawuntii TaylorSwiftJets jedhuufi kaanis dagaagsan, isaantu garmalee fedhii qaba,” jedha.

Madda suuraa, THEAIRTRAFFIC/JACK SWEENEY
Odeeffannoon uummati bilisaan argachuu danda’u bakka argamaa xiyyaaraa himuurraa kan darbe hangas mara ragaalee biro hin himu.
Daataan balalii (Flight data) abbaan qabeenyaa xiyyaaraa eenyu akka ta’e mul’isa – garuu eenyutu ittiin imala kan jedhu hin agarsiisu. Kana malees erga xiyyaarichi qubatee booda, imaltoonni garam dhaqan kan jedhus beekuun hin danda’amu.
Haatahu malee, bakka buutonni Iswiift, odeeffannoon xiyyaaraa kun sa’aatii fi bakka sochiishee isa sirrii mul’isa jedhu. Akka fakkeenyaattis, nami akka malee ishee hordofu (stalker) manshee Niiw Yoork fuulduratti qabamuusaas kaasan.
Abukaatoon dargaggoo Iswiinii kan tahan Jeems Isleetar gamasaaniin, weellsituun kun dhugumatti dhimmicha mana muurtiitti geessiti jedhanii akka hin amanne himu.
Haatahu malee, dargaggoon kun yeroo jalqabaaf miti tujaarotarraa kan dhiibbaan irra gahe.
Keessattuu tujaarichi Iloon Mask 2022 keessa wayita Twitter (kan amma X tahe) bitu, bilisummaa yaada ofii bilisaan ibsachuu maqaa dhawuun, akkaawuntii barataa kanaa @elonjet jedhamuufi xiyyaarasaa hordofu tarkaanfii akka irratti hin fudhanne waadaa galee ture.
Haatahu malee, Mask torbanoota booda yaada jijjiire. Akkaawuntii barataa kanaa ugguruun, dhimmicha mana murtiitti akka geessu dhaadate.
Maali jennaan, akkaawuntii @elonjet gargaaramuun nami isa hordofu tokko faanasaa dhawee, xiyyaarasaa gubbaa kore jedha. Gaafa kun tahu daa’imni isaa xiqqaan xiyyaaricha keessa ture jedhe.
Boodarras poolisiin akka qulqulleessetti, shakkamaan miseensa nageenyaa Aabba Mask tahuu himuun, akkaawuntiin barataa kanaa taatee wajjin tasumaa kan walqabatu miti jedheera.
Aabba Iswiinii ammallee akkaawuntii xiyyaara Iloon Mask hordofu kan qabu tahus, garuu turtii sa’aa 24n booda hima. Kunis qajeelfama marsariitii hordoffii kallattii xiyyaarotaa to’achuuf hojiirra oole kabajuufi.
Kana malees, barataan kun marsaalee hawaasaa garagaraa irratti akkaawuntiiwwan xiyyaarota Kim Kaardaashiyaan, Jef Beezos, Bil Geetis, Maark Zaakarbarg, Donaald Tiraamp fi kanneen biro hordofan qaba.

Madda suuraa, Getty Images












