Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin WBO fi Mootummaa yoo milkaa’e kilinika dhuunfaa tolaan wal'aansa kennuuf murteesse
Dr Birboo Caalaa Hospitaala Diimaa magaalaa Sabbataatti hakiima waliigalaadha. Dabalataan achumma Sabbataatti Kilinika Giddugaleessaa Wiirtuu jedhamus qabu.
Isaan tibbana yeroo mariin Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummmaa Itoophiyaa gidduutti Taanzaaniyaatti jalqabe jechuu dhaga'an, gammadanii qofa hin dhiisne.
Gammachuu isaanii waan ittiin ibsatan yaadanii jennaan "Guyyaa tokko kiliniki keenya kun maamila hundaaf tolaan wal'aasa haa kennu" jedhanii murteessan.
Turtii BBC waliin taasisan irrattis, murtiin kun dheebuu nageenyaa uummanni keenya qabu kana kan furu yoo ta’e, waan xiqqaa gammachuu ittiin ibsannu akka nuuf ta’uuf yaanneeti jedhan.
“Mariin kun milkaa’ee jennaan Kilinika Wiirtuu kanatti maamila hunda sa’aatii 24'f tolaan taajaajilla jennee murteesine. Gammachuu keenya ibsachuufi. Rakkoo nuti keessa jirrutu murtee kanaaf nu kakaase”.
“Akka dhala Oromoo tokkootti, rakkoon hawaasni keenya keessa jiru nadhukkubsa. Waggoota shanan darban haalli nageenyaa Oromiyaa waan baayyee numiidheera. Lolli kun lola obbolaa gidduuti. Kuni baayyee natti dhaga'ama” jedhan.
Nageenyi dhabamee lolli bakka jirutti hawaasni wal'aansa fayyaa argachuuf waan rakkatuuf jecha dhibee wal'aanamee fayyuu danda’uun akka du’u waan taasisuuf akka ogeessa fayyaa tokkootti kunis isaan akka yaaddessaa ture kaasu.
“Lolli yeroo jiraatu nama rasaasaan rukutamuu fi du’u qofa miti. Rakkoon nageenyaa yeroo jiru qorichi bakkaa bakka hin qaqabu. Hakiimni socho’ee wal'aansa hin kennu. Wanti lixa Oromiyaatti dhibee busaatin uumame ibsituu gaariidha. Yeroo wal'aansi fooyya’e kanatti hawaasni dhukkuba fayyuu danda’uun akka du’u godha,” jedhan.
Mariin qaamolee lamaan gidduutti jalqabamuu wayita dhaga'an hedduu akka gammadan kan himan ogeessi fayyaa kun, waliigaltee Oromiyaaf nagaa kennuu danda’urra akka gahaniif hawwii guddaa qabaachuus eeru.
“Mariin jara lamaan gidduu kun nagaan xumuramee uummanni keenya nagaa duraan ture sanatti deebi’ee arguun hawwiikooti. Qaamoleen lamaan nagaa buusuuf mariidhaaf walarguun isaaniituu abdii tokkodha. Kana gochuu isaaniifuu haa galatoomanin jedha” jedhan.
Ta’us Waraanni Bilisummaa Oromoos ta’e mootummaan rakkoo fi dararama hawaasaa kana hubachuun, karaa danda’ameen waaliigalteerra gahuuf dhama’uu akka qabanis himan.
“Qaamni amma mariirra jiru kuni uummanni qalbii isaa rarraasee akka isaan eegaa jiru hubachuu qabu jedheen yaada. Ammas gareen lamaanuu aarsaa barbaachisu kaffalanii uummanni keenya nagaa dheebote kana akka argatuuf milkaa’ina isaaf gumaachuu qabu,” jedhan.
Hawaasnis dararamni Oromiyaa keessatti sababa rakkoo nageenyaatiin mudachaa ture marii kanaan akka xumura argatuuf garee lamaanuu irratti dhiibbaa gochuun ga'eesaa bahu akka qabus himu.
Kilinikni isaanii Guyyaa qaamoleen kun marii kana milkaa’inaan xumuruu fi rakkoon ture nagaan hiikuuf waliigalteerra gahuun ibsamerraa eegalee sa’aatii 24’f namni gara isaanii dhufu hunda wal'aansa hunda tolaan akka argatus dubbatan Dr. Birboon.