Seenaatariin Ameerikaa lolli Itoophiyaa keessaa nagaan akka furamu waamicha dhiyeessan

Madda suuraa, Jeff Merkley/Twitter
Seenaatariin bulchiinsa Ameerikaa Oriigan, Jeef Maarkileey xalayaa Waajjira Hajaa Alaa Ameerikaaf barreessaniin, waajjirichi sarbama mirgaafi rakkoo namoomaa Itoophiyaa keessa adeemaa jiru furuuf hojii kana dura caalu akka dalaguuf gaafatan.
Aanga'aan kun xalayaa marsariitii dhuunfaa isaaniifi Tiwiitar isaanii irratti barreessaniin kana gaafatan.
Haalli nageenyaa Oromiyaa keessaa hammataa deemuu eeruun, Itoophiyaa keessa sarbama mirgaa taasifamuuf itti gaafatamummaan akka jiraatu, akkasumas mariin hunda hirmaachisaa tahe akka jiratuuf waajirichaaf waamicha dhiyeessaniiru.
Torbeema kana keessa Imbaasiin Yunaayitid Isteet (US) Finfinneetti argamu Itoophiyaa keessatti qabsoo hidhannoo deemaa jiru hunda xumura itti gochuudhaaf biyyattiin marii akka filattu gaafachuu itti fufna jedhee ture.
Imbaasichi ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti ajjeechaa Waxabajji 04, 2022 Oromiyaa, godina Qeellam Wallaggaa, aanaa Hawwaa Galaanittti qaqqabe ilaalchisuun baaseen, lammileen Itoophiyaas haleellaa humnaa akka balaalleffataniifis gaafatee ture.
Jeef Maarkileey xalayaa isaanii keessattis waajjirichi waraanni Kaaba Itoophiyaa akka dhaabbatuuf deeggarsi namoomaa bilisaan naannoo Tigraay akka qaqqabu akkasumas tajaajilonni bu’uuraa akka deebi’aniif mootumma Itoophiyaaf waamicha dhiyeessuun tattaaffii godhu guutummaatti akka deeggaran himan.
''Lolli Itoophiyaa keessa adeemu nagaan akka furamuuf akkasumas sarbama mirga namoomaa irratti itti gaafatamummaan akka jiraatuufi mariin siyaasaa hunda hirmaachisaa nagaa hiika qabu fiduuf Waajirri Hajaa Alaa tarkaanfii dabalataa akka fudhatuuf,'' nan gaafadha jedhan.
Muumichi ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad walgahii idilee mana maree bakka bu'oota uummataa Kamisa (Adoolessa 7, 2022) gaggeeffame irratti gaaffilee miseensotaan dhiyaataniif deebii kennaniin, ajjeecha iddoowwan biyyattii garagaraa keessatti raawwatamuuf ‘‘Itoophiyaatti daldaltoota du’aatu bobba’ee jira’’ jechuun dubbatan.
Ajjeechaa Oromiyaa keessa adeemuufi Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan isaanii Shanee jechuun waamu itti gaafatamaa godhaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaatiin himannaawwan ajjeechaa irratti ka’an hundaaf mootummaa itti gaafatamaa taasisa.
Seenaatar Jeef Maarkileey, ‘’guutummaa Itoophiyaatti nagaa waaraa tahe buusuuf sarbama mirgaafi lola naannolee Itoophiyaa biroofi saboota irratti raawwatamuuf xiyyeeffannoon kennamuu qaba,’’ jedhan.
Kunimmoo, hawaasa Oromoo lola Waraana Bilisummaa Oromoofi mootummaa gidduutti adeemuun rakkachaa jiru dabalata,’’ jedhan.












