Lammileen Itoophiyaa hokkoraa akka balaaleffatan, wal-waraansa caalaa marii akka filatan US gaafatte

Konkolaataa Waraanaa Itoophiyaa
Maxxanfame

Imbaasiin Yunaayitid Isteet (US) Finfinneetti argamu Itoophiyaa keessatti qabsoo hidhannoo deemaa jiru hunda xumura itti gochuudhaaf biyyattiin marii akka filattu gaafachuu itti fufna jedhe.

Imbaasichi ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti ajjeechaa Waxabajji 04, 2022 Oromiyaa, godina Qeellam Wallaggaa, aanaa Hawwaa Galaanittti qaqqabe ilaalchisuun baaseen, lammileen Itoophiyaas  haleellaa humnaa akka balaalleffataniifis gaafateera.

Kana malees, sarbamiinsa mirgoota namoomaa qaqqabaniifis itti-gaafatamni guutuun akka jiraatuuf Itoophiyaan akka hojjettuuf waamicha dhiyeesseera Imbaasiin US Finfinnee jiru kun.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Ajjeechaa Lixa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaanitti raawwate kana hodofee MM Abiy Ahimad hidhattoonni lammiilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu himuun, "Gareen Shanee dullaa qaamolee nageenyaa jalaa baqate... lammiilee irratti miidhaa geessisaa baqachaa jira," jedhan.

Ajjeechaan kun gandoota dhalattoonni Amaaraa waggoota dura qubatanii keessa jiraachaa turanitti akka raawwate jiraattonni himaniiru.

"Gidiraa lammiilee keenyarra gaheen gaddaa, garee shororkeessaa kana uummata keenya waliin hamma dhumaatti hordofnee ni dhabamsiifna," jedhan MM Abiy.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2

Ajjeechaan Qeellam Wallaggaatti raawwate kun kan godina Wallaggaa Lixaa aanaa Giimbii ganda Toleetti raawwatamee akka ibsa mootummaatti du’aatii namoota 338 sababa ta’e torban lama keessattidha.

Ajjeechaawwan godinaalee lixa Oromiyaa keessatti raawwataman kanaaf mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan ‘Shanee’ ittiin jedhu yoo himatu, gareen kun garuu kana akka hin goone ibsa irra deddeebiin baasuun waakkateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jaarmiyaan idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falmu Humaan Raayits Waach gabaasa Waxabajji 4, baaseen rakkoon nageenyaafi sarbamuun mirgoota namoomaa waggoota lamaan darban keessatti Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru xiyyeeffannaa addunyaa atattamaa barbaada jedheera.

Sababa waraana mootummaa Federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti tureen rakkoon Oromiyaa keessa jiru dagatamuullee kaaseera HRW.  

Mootummaan Itoophiyaa waraana humnoota TPLF waliin qabu kanaa nagaa furuuf akka fedhu ibsuurra darbee koree dhimma kana abbummaan gaggeessullee ramdaeera.

Haata’u malee, waraana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan motummaan itoophiyaa ‘Shane’ jechuun shororkeessaa jechuun galmeesse waliin garuu karaa martiitiin nagaa buusuuf wanti jedhe hin jiru.

Garee WBO garuu mariin araaraa bilisaa fi kan qaama walabaafi ulaagaa idil-addunyaa guutu jiraannaan hirmaachuuf qophii akka ta’e ibseera.

Akkuma TPLF waliin marii gaggeessuuf murteessetti, WBO waliinis fala karaa nagaa barbaaduu akka qabu namoonni siyaasaafi paartileen siyaasaa irra deeddeebiin gaafachaa jiru.

Mootummaanis hidhatoota kanneen balleessuuf yeroo garaa garaatti oppereeshinii gaggeesseen hedduu ajjeeesuu ibsuun, guyyoota muraasa dura ammoo godinaaleen lixa Oromiyaa hidhattoota kana jala turan humnoota nageenyaa mootummaa jalatti deebiyuu ibseera.

Haata’u malee, ammas Waxabajji 4, 2022 Lixa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaatti hidhattoonni kunneen lammiilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu MM Abiy himuun, garee shororkeessaa jedhan kana uummata isaanii waliin hamma dhumaatti hordofanii akka dhabamsiisan dubbataniiru.

Wal waraansa hidhattoota kanneeniifi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu irraa kan ka’een lammileen nagaa gidduutti hedduu rakkataniiru jedha jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu HRW.

Waggoota sadaran darban keessa jiraattonni Oromiyaa godinaalee hidhattoonni WBO keessa socho’an keessatti rasaasa lamaan ajjeefamaa akka jiraniifi yaaddoo nageenyaa irra bubbuleef bahanii galuufi hojii guyyuu isaanii hojjetachuullee akka hin dandeenye yeroo gara garaatti BBCtti himaa turan.

Ajjeechaa namoota nagaafi mancaatii qabeenyaa Oromiyaa keessatti qaqqabuuf mootummaaniifi hidhattoonni quba walitti qabu.

HRW gabaasa isaa keessatti jalqaba bara 2019 mootummaan Komaandi Postii Federaalaa kan humnoota federaalaafi naannoo qindeessu lixa Oromiyaatti akka hundeesse ibsuun, jalqaba 2020 keessa interneetiin ji’oota sadiif cufamuu dabalatee aanga’oonni mootummaa yeroo gara garaatti maloota komunikeeshinii lixa Oromiyaa irraa  kutaa turan jedheera.

Kun ammoo dhaabbileen gargaarsaa, miidiyaaleeniifi gareewwan mirgoota namoomaaf falman akka naannoo sanatti waan deemaa jiru hin arganne taasiseera jedha jaarmiyaan kun.

Dhorkaawwan naannicharra jira akkuma jirutti ta'ee, gareewwan mirgoota namoomaafi miidiyaaleen ajjeechaa humnoonni nageenyaa mootummaa murtoo seeraa tokko malee raawwatanii, fi hidhattoonni miseensa hawaasaa lakkoofsi isaanii naannicha keessatti muraasa ta'an, akkasumas aanga'oota mootummaa butuufi ajjeesuu gabaasuu danda'aniiru jedha HRW.

Akka gabaasa jaarmiyaa idil-addunyaa kanaatti, humnoonni nageenyaa humna hidhate deeggartu ykn waliin hidhata qabdu jechuun dargaggoota irratti xiyyeefatu.

Kanaaf ammoo, ajjeechaa dargaggoo umurii waggaa 17, Amaanu'eel Wandimmuu, magaalaa Dambi-Dolloo keessatti addababaayirratti viidiyoon waraabaa humnoonni mootummaa raawwatan akka fakkeenyaatti kaasuun ibsa HRW.

"Itti-gaafatamni tokko osoo hin jiraatiin humnoonni nageenyaa mirgoota namoomaa sarbuun ammoo daran akka isaan ittuu gocha mirgooota namoomaa sarban cimse malee, miidhaan dabalataa akka hin uumamne gochuu hin dandeenye," jedheera HRW.