Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leenjisaan Ingilaand Ten Haag bakka bu'uuf, Giriilish gurguramuuf, Arsenaal Isaaq kajeeluu fi hamii jijjiirraa kaan
Maacnhester Yunaayitid: Abbaan qabeenyaa Maacnhester Yunaayitid Sir Jiim Raatikiliif leenjisaan garee biyyaalessaa Ingilaand Gaarez Saawuzgeet ganna dhuftu Erik Teen Haag akka bakka bu’u filannoo isaa tokkoffaa ta’uu hime.
Kanaaf ammoo gaheessa waggaa 53 kan ta’e Gaarez Saawuzgeet irraa osoo hin turiin ammuma murtoosaa dhaga’uu barbaada.
Maanchester Siitii: Maanchester Siitiin ganna dhufaa kana taphataa isaa sarara cinaa kan ta’e Jaak Giriilish gurguruu barbaada. Kan Siitiin taphataa umuriin isaa waggaa 28 ta’e kana gurguruu barbaadeef ammoo maallaqa argachuun kilabicha caalaa cimsachuufidha.
Niwukasil Yunaayitid: Jifataan Niwukasil Yunaayitid fi biyya Siwiidin Aleksaandar Isaaq ganna fhufaa kanatti taphataa Arsenaal fudhachuuf kajeelaa jirudha. Taphataan dhalootaan Ertiraa irraa ta’eefi umuriin isaa yeroo ammaa wagga 24 ta’e kun taphattoota Arsenaal sarara fuula duraa isaa cimsachuuuf jecha ija irra buufate keessaa tokkodha.
Arsenaal: Arsenaal Aleksaandar Isaaq malee taphataa sara duraa (jifataa) Ispoorting Lisban fi Siwiidin kan ta’e Viktor Giyookires barbaadaa jira. Kaayyoo Gaaners jifataa umuriin isaa wagga 25 ta’e fudhachuuf kajeelaa jiruufis hanqina sarara goolii lakkoofisuu qaba jedhamu guutachuuf fedhii qaburraati.
Tootenhaam, Chelsii fi West Haam: Kilaboonni kunneen sadan jifataa Ingilaand Ivaan Toonii mallatteessisiifachuuf fedhii agarsiisaa jiru. Taphataan Bireentfoord umuriin isaa wagga 28 ta’e Tooniin Arsenaaliinis kanaan dura iyyaafatamaa tureera.
Jifataan Jarmanii Timoo Weerner Tootenhaam waliigaltee isaa Yuroo miliyoona 17 akka haaromsuuf barbaada. Taphataan umuriin isaa wagga 28 ta’e kun kilaba RB Leepizhing irraati.
Taphataan sarara gidduu Denmaark Kiristaan Eriksan yeroo inni taphatu jalaa xiqqaachuun isaa akka isa hin gammachiifne leenjisaa Maanchester Yunaayitid Erik Ten Haagitti hime. Taphataan umuriin isaa wagga 32 ta’e kun erga dhiyoo as Maanchester Yunaayitidiif saatii dheeraa yeroo taphatu mul’achaa hin jiru.
Evertan, Notingihaam Fores fi West Haam: Taphataa sarara cinaa Ingilaand Kara mookoo Dembelee fudhachuuf kajeelaa jiru. Taphataan umuriin isaa wagga 21 ta’e kun erga kilaba Faransaay Birest irraa ergisaan Bilaakpuul deemee ga’umsa ajaa’ibaa agarsiisaa jira.
Iyyannaan Notingihaam Forest seera faayinaansii cabseera jechuun qabxii afur irraa hir’ifame ilaalchisuun akka irraa ka’uuf dhiyeeffate balaa adabbiin akka itti cimu gochuullee ni qaba jedhame.
Nootignihaam Forest bara dhufutti seera faayinaansii cabsuutiin qabxiinbiraa akka irraa hin hir’ifamneef dhuma Waxabajjii kana keessa taphattoota isaa ciccimoo keessaa tokko gurguruuf ni dirqama.
Taphataan sarara duraa Beeljiyeem Johaan Bakayookoo kilaboota akka Cheslii, Liiverpuul, Maanchester Siitii fi PSG fa’iin baayyee barbaadamaa jira. PSV Eindhoven ammoo Yuroo miliyoona 50-60 dhiyeessuun taphataa umuriin isaa reefuu wagga 20 ta’e kana hin gadhiisu jechaa jira.
Taphataan ijoo Maanchester Siitiif goolii omishu Erliing Halaand miidhamuu mala kan jedhu yaaddoon kilabicha mudateera. Taphataan sarara duraa umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun, tapha addunyaa biyya isaa Noorwayiif taphaturratti miidhamee hokkolaa dirree keessaa yeroo bahu argameera.