Namichi ijoolleesaa sadii reebee ajjeesse himatame

Madda suuraa, Getty Images
Taayilaanditti namichi ijoolleesaa sadii reebee du'aaf saaxile jedhame himanni irratti banamuu poolisiin ibse.
Ijoolleessaa sadan, mucaa durbaa umurii waggaa lamaafi daa'imman xixxiqqoo dhiiraa lama akka ta'an poolisiin biyyattii ibse.
Namichi ajjeechaa ijoollee sadaniitin himatame kun Soongsak Soongsa'eng yoo jedhamu, gaa'ila kana dura godhatterraas ijoollee lama akka ajjeese shakkama.
Himanni kun kan baname reeffi mucaa durbaa umurii waggaa lamaa ajjeefamtee mana keessatti kutaa nyaata itti bilcheessan jalatti awwaalamtee erga argamee booda.
Poolisiin akka jedhetti Soongsak rakkoo fayyaa sammuu akka qabuufi sagalee boo'icha isaanii dhagahuun nuffee jechuun daa'immaan kana ajjeese.
Haati warraasaas ajjeechaa mucaa durbaa waggaa lamaan walqabatee himanni yoo irratti banamu, haatiwarraasaa duraanii ammoo du'a ijoollee dhiiraa lamaanin walqabate himanni irratti banameera.
Namichi ijoolleesaa ajjeesun himanni irratti baname kun si'a afur fuudhee gaa'ila diigera.
Jalqabarra poolisiin odeeffannoo kan argate ji'a tokko dura yakki dararaa mana keessaa Baankook bulchiinsa Baang Keen keessaatti taasifamu erga gabaafamee booda.
Ijoolleen dubaraa Soongsak umurii 12fi afurii haleellan qaamaa irra gahuu ollaansaa poolisiif gabaasanii turan.
Ijoollen dubaraa lamaan saatii maatin mana hin jiretti mana keessaa poolisiin isaan baraare.
Mucaan isheen waggaa 12 abbaa fi harmeenshee mucaa ishee waggaa lamaa reebanii du'aaf akka saaxilan poolisiitti himtetti.
Mana keessa kutaa itti nyaata qopheessanitti akka awwaalan poolisiitti himuun reeffishee akka argamuufid poolisii gargaartetti.












