Siitii vs Niiwukaasil, Yunaayitid vs Liiverpuul, Arsenaal vs Barnimaawoz: Eenyu mo'ata

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Piriimer Liigii Ingilizii torban kana gaggeeffamuun Liiverpuul Maanchester Yunaayitid waliin, Maanchester Siitiin ammo Niiwukasil waliin, akkasuma ammoo qabxii 60 kuufatee Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Barnimaawoz waliin taphatu.
Taphoonni Piriimer Liigii biroos ni gaggeeffamu.
Eenyu mo’ata jettu?
Tilmaama ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan kenne dubbisuun isinis tilmaama keessan kaawwadhaa.
Akka itti aanutti dhiyaateera.
Kiriis Saatan waa’ee tapha guddicha torban kana gaggeeffamuu yeroo dubbatu, Maanchester Yunaayitid Anfiid irratti yeroo dhumaatiif Liiverpuuliin kan mo’ate bara 2016 akka ta’e yaadata.
Dorgommii bara kanaa keessatti rakkoo keessa kan jiran warri Liiverpuul deeggartoota isaanii duratti mo’amuu danda’u jechuun tilmaamameera Kiriis Saatan.
Sambata

Maanchester Siitii vs Niwukaasil Yunaayitid
Piriimer Liigiin Ingiliiz torban 26ffaa Sambata tapha Maanchester Siitii Niwukaasil waliin walitti fiduun waaree booda sa'aatii 9:30 irratti jalqabama.
Kiriis Saatan warri Niwukaasil xiqqoo kan qabbanaa'an fakkaatanillee dirree Itaad irratti Siitii qoruu danda'u jedheera.
Niik Poop qabatee dirree kan seenu Niwukasil Siitii irratti goolii lakkoofsisus mo'amuun isaa garuu hin oolu jedheera.
Tilmaama: Siitii 3-1 Niwukasil

Arsenaal vs Barnimaawoz
Sambata waaree booda sa'aatii 12:00 irratti taphoota shanitu yeroo wal fakkaatutti taphatamu. Isaan keessaa dursaan Liigichaa Arsenaal Barnimaawoz waliin kan taphatu kan eegamudha.
Arsenaal erga Siitiin mo'ameen booda taphoota sadii taphateen mo'ateera.
Warri Barnimaawoz yeroo hunda morkataa cimoo ta'anii dhiyaachuudhaaf carraaqanis tapha kanaan kan milkaa'an natti hin fakkaatu jedha Kiriis Saatan. Kanaaf, Arsenaal tapha ajaa'ibaa agarsiisaa jiruun carraan tapha kana mo'achuu isaa bal'aadha.
Tilmaama: Arsenaal 3 - 0 Barnimaawoz
Aston Viilaa vs Kiristaal Paalaas
Kiristaal Paalaas erga 2023 tapha mo'ateeru hin qabu. Haata'u malee, bara kana keessa walqixa bahuu itti bareera. Taphawwan ja'a kanaan dura taasisan ja'a keessaa shan walqixa baheera.
Tapha kanaanis foyyaa'anii dhiyaatu abdii jedhu hin qabu Kiriis Saatan tilmaameera.
Kara biraan Aston Viilaan bu'aa dhaabbataa hin taane agarsiisaa tureera. "Warri Aston Viilaa Unaay Emirii jalatti jijjiirama fidaa akka jiran natti ni dhaga'ama," kan jedhe Saatan tapha kanaan akka abbaa dirreetti ni mo'atu jechuun tilmaameera.
Tilmaama: Aston Viilaa 2 - 0 Kiristaal Palaas
Biraayitan vs West Haam
Dorgommiin hawwataa ta'e kan irratti mul'atan Sanbata sa'aatii 12:00 irratti yeroo wal fakkaatutti jalqabu.
West Haam tapha Piriimer Liigii yeroo darbeetiin Forest irratti gooliiwwan 4 lakkoofsisee mo'achuu isaatiin kaka'umsa horateera.
Haata'u malee, West Haam tapha bareedaa kan taphataniifi ejjennoo hin raafamne kan agarsiisaa jiran warra Biraayitaniin mo'achuu hin danda'an jedheera Kiriis Saatan.
Tilmaama: Biraayitan 2 - 1 West Haam

Chelsii vs Liids
“Dhugaa dubbachuuf taphawwan bu'aan isaanii akkam ta'a jedhee tilmaamuudhaaf hin beekne keessaa tokko isa kana," jedha Saatan.
Kun dhagaadhaChelsiin mo'achuu qaba. Haata'u malee, bara kana Riyaal Maadiriid Ingiliiz keessatti qofa Chelsii ol goolii lakkoofsiseera istaatiksii jedhu dhaga'uun akkuma gurratti ulfaatu kilabiin Landan kun tapha kana mo'achuun isaa shakkisiisaadha.
Taphni kun eenyullee haa mo'atu, taphichi bu'aa dhiphaa ta'een akka xumuramu nan tilmaama jedheera.
Tilmaama: Chelsii 1 - 0 Liids
Wolvis vs Tootenhaam
Bara kana kilabiin ejjennoo hin qabne biraan Tootenhaam jedha Saatan. Bu'aan Tootenhaam maal akka ta'e tilmaamuudhaaf rakkisaadha jedha.
Dorgommii FA Cup irratti Shefiildiin erga mo'amaniin booda Wolvisiin ni mo'atu jedhee hin tilmaamu. Wolvis taanaan kanuma fakkaata.
Tarree warra dhumarra jiran keessaa gareen ba'uuf carraaqu tapha haleelan galchuu miti kan taphatu.
Tilmaama: Wolvis 1 - 1 Tootenhaam
Saawozhamitan vs Leester Siitii
Taphni Saawozhaamitan fi Leester Siitii gidduutti gaggeeffame Sanbata galgala sa'aatii 2:30 irratti gaggeeffama.
Kilaboonni lamaanii walakkaa torban kanaa keessa FA Cup irratti osoo hin eegamiin mo'amaniiru.
Kilaboota ramaddii gadi aanaa irraa dhufaniin dirree isaanii irratti bakka deeggartoonni isaanii jiranitti mo'atamaniiru.
Kilaboonni mo'achuun isaanii dirqama ta'us taphni kun wal qixaan xumurama jedha Kiriis Saatan.
Tilmaama: Saawozhaampitan 1 - 1 Leester Siitii
Dilbata
Nootinghaam Forest vs Everten
Kun tapha hiika guddaa qabudha. Nootingahaam Forest qabxii sadii argannaan tarree bu'aatii keessaa baha. Akkuma kana Everten qabxii sadii argannaan carraan kufaatii keessaa bahuu danda'a.
Everten qabxii sadan kana argachuudhaaf baayyee kan barbaadu ta'ullee waan milkaa'uuf hin ta'u.
Forest dirree isaaniirratti salphaatti kan harka kennan miti.
Maanchester Siitiifiyyu kan duuba hin deebine akka ta'an dhiyeenya kana agarsiisaniiru. Yeroo dhumaatiif dirree isaaniirratti kan mo'ataman Fulbaana darbe ture. ።
Tilmaama: Nootingihaam Forest 1 - 1 Everten

Liiverpuul vs Maanchester Yunaayitid
Taphani guddaan torban kanaa Dilbata galgala sa'aatii 1:30 irratti jalqaba.
Maanchester Yunaayitid tapha FA Cup irratti West haamiin qoramee ture. Garuu leenjisaan Yunaayitid Eriik Teen Hag Kazemiiroofi Raashfoordiin jijjiiree erga galcheen booda taphicha to'achuun mo'ateera.
Garaagarummaan Maanchester Yunaayitid fi Liiverpuul gidduu jiru kanadha. Yunaayitid tapha jijjiiruu ni danda'a. Liiverpuul garuu sababoota gara garaatiin bara dorgommii kana keessa jijjiirama fiduu hin dandeenye.
Tapha Dilbata gaggeeffamu kanaan Yunaayitid dirree walakkaa to'achuudhaan ol aantummaa qabatee baha.
Tilmaama: Liiverpuul 1 - 2 Maanchester Yunaayitid
Bireentiford vs Fuulham
Xumurri tapha Piriimer Liigii Ingiliiz torban 26ffaa kan Bireentiford fi Fulhaam gidduutti gaggeeffamuun ta'a.
Kilaboonni kunneen lamaan tarree warra bu'anii irraa fagaatanii jiru. Lamaanuu garee kam waliin walitti yeroo dhufan harka hin kennatan; haleelanii taphatu.
Tapha ji'oota dura tureen Fuulham daqiiqaawwan dhumaa irratti goolii lakkoofsisuun qabxii guutuu qabatanii ture. Tapha kanaan garuu warri abbaa Dirree (Bireentiford ni mo'atu jedheen eega.
Tilmaama: Bireentifoord 2 - 1 Fuulham












