Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaa Kaaniyee West pirezidaantii US ta'uuf akka dorgomu beeksise
Weellisaan gosa muuziqaa Raappar jedhmuun beekamu Kaaniyee West pirezidaantummaa Ameerikaa waggaa lama booda bara 2024 keessa gaggeeffamu irratti akka dorgomu beeksise.
Weellisaan kun sababa amala addaa qabuuf, akkasumas hariiroo haadha manaa isaa duraa kan amma wal hiikan moodelistii beekamtuu Kiim Kaardaashiyaan waliin qabaachaa tureenis ijoo dubbii ta'aa tureera.
Maqaa isaa Kaaniyee West duraan itiin beekamus jijjiiruun amma 'Yee' maqaa jedhu moggaafateera.
Maqaa haaraa dhiyeenya inni baafate kunis dorgommii pirezidaantummaa itti hirmaachuuf jiru irrattis akka mallattoo filannoo isaa ta'u 'Yee 24' jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti ifa godheera.
Kana malees, pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp isaa waliin akka dorgomuuf gaafachuusaa ibseera.
West filannoo darbe irratti kan dorgome yoo ta'u, duula filannichaa irratti sagalee 70,000 qofa ture kan argate.
Filannoo itti aanurratti akka dorgomu ifa kan godhes torban kana keessa dirree taphaa Golf kan Tiraamp ta'erratti nama sanyummaa adii leellisuudhaan beekamu Niik Funeetes waliin erga mul'ateen boodadha.
Kaaniyee West filannoo pirezidaantummaa US bara 2024 gaggeeffamu irratti akka hirmaatu kan beeksise wayita mormiin jabaa isa mudataa jiruttidha.
Mormiin kan isatti cime ammoo Torban Faashinii Paarisitti gaggeeffame irratti T-Shartii “White Live Matter’ jedha akka dhaadannootti irratti barreeffame uffatee saganticharratti argamuu isaatiifidha.
Duula warri sanyummaa adii leellisan “White Lives Matter’ jedhu gaggeessan ammoo sochii “Black Lives Mater” jedhamu bara 2015 addunyaarratti beekamee tureef deebii kennuuf jalqabanidha.
Weellisaan umuriin isaa ganna 45 ta’e Keeniyee West, yaada warra adiifi Yihudootaa ilaalchisuun kenne hordofees mormiin hedduun irratti ka’eera.
Gaaffiifi deebiin yeroo gara garaatti miidiyaa gara garaa irratti kennes ijoo dubbii ta’uun qeeqa isarratti baayyisaniiru.
Kana hordofuunis industiriiwwan faashinii gurguddoo addunyaarratti beekaman isa waliin hojjetan warri akka GAP fi ADIDAS waliigaltee weellisaa kana waliin qaban addaan kutaniiru.
Waliigaltee isaanii isa waliin addaan kutuun booda ammoo “guyyaa tokko keessatti qofa galii dolaara Biliyoona lama” dhabuu isaa beeksiseera West.
Kaaniyee West dorgommii pirezidaantummaa dorgomuuf jiru kanaaf gaggeessaa duula filannoo kan muuddate yoo ta’u, namni inni muuddate kun ammoo ilaalcha finxaalessummaatiin kan beekamuufi sababoota gara garaatiin mormii keessa kan turedha jedhameera.