Haguuggiin mataa hanna qormaataa hambisuuf barattoonni uffatan dubbii ijoo ta'e

Maxxanfame

Biyya Filippiinsittti qormaata koollejjiirratti hanna hambisuuf ''baarnexaa farra hannaa'' jedhamee kan marxoon barattootni mataatti haguuggatan miidiya hawaasaa gubbaatti dubbii raajii ta'eera.

Magaalaa Legaazpii jedhamtu keessatti barattootni koollejjii qormaata yoo fudhatan ofirra garagalanii waraqaa barataa biraa akka hin ilaalle mataa isaanii gubbaatti akka waa kaahan godhameera.

Barattootni gariin kaartooniiwwan, baattuuwwan killeefi wantoota gataman irraa haguuggii mataa hojjetatanii qormaataaf daree seenan.

Barsiiftun isaanii wantoota qoosaa ta'aniin daree keessa amanamummaan akka jiraatu barbaaduu ishee BBc'tti himteetti.

Bicol University College of Engineering keessatti barsiiftuu Mekaanikaal Injinariingii kan taate Meerii Jooy Mandaanee-Ortiiz mallii itti fayyadamte ''akkaan milkaahaa'' ta'uu dubbaatte.

Malli kun kan hojiirra oole qormaata walakka tarmii tokko(mid-term exams) irratti.

Piroofeesar Mandaanee -Ortiiz karorri duraa barattootni waraqaadhumarraa dizaayina salphaa hojjetanii akka dhufan ture jedhu.

Barsiistuun kun yaadi kana kan argatte mala waggoota dura Taayilaanditti hojiirra oolerraa ta'uus dubbatte.

Bara 2013'tti Taayilaand Baankookitti barattootni daree tokkoo bitaafii mirgatti akka hin naannoofneef jecha waraqaan gurra isaanii jalatti hauugamee suurri qoodamee ture akkasuma raajii jedhamee ture.

Akka pirrofesar Mandaanee -Ortiiz jettutti barattootni Injinariingii yaada ishee fudhatanii hojiitti geeddaraniiru. Wantuma naannoo isaaniitti argamurraa daqiiqaa shan keessatti golgaa mataa salphaa hin taane hojjetan jetti.

Piroofeessrri kun suura barattoota ishee kanaa fuula feesbuukii isheerratti maxxansitee laayikiiwwan kumaan lakkaawwaman kan argatte yeroo ta'u miidiyaaleen Filippiinsis ta'ii kana gabaasaniiru.

Manneen barnootaa fi Yunivarsiitileenis barattoota isaanii haguuggii farra hannaa akka hojjetatan jajjabeessuu qabu jehcuunis gabaasan.

Barsiiftuun kun barattootni ishee seerri hanna qormaataa cimuu isaatiin jajjeebeeffamanii jabaatanii qo'achaa jiruu jedhaniiru.

''Hedduun isaanii qormaaticha afnii xumuran, bara kana namni osoo hatuu qabame hin jiru'' jedhan.