'Kaansarii harmaatiin qabamuuf ani daa’ima jedheen yaadaa ture’ 

Luusii Leepee guyyaa dhumaa keemooteraappii itti fudhate

Madda suuraa, Lucy Lepe

Maxxanfame

Luusiin Leepee harma ishee keessatti dhiitoo wayita agarteetti, waa’een kaansarii gonkumaa sammuusheetti hin dhufne ture.

Isheenis ‘akka tasaa’ ture kan ofirratti agarte. Sababiin isaas gonkumaa harma ishee kaansariin na qaba jechuun sakattaatee hin beektu turte.

‘‘Tarii harmakoo kaansariif shakkee ilaaluun kan narra jiru ergan wagga 50 galeen booda ta’a jedheen yaadaa ture’’ jechuun ture shamarree Luusiin BBC Afriiqiitti kan himte.

Haata’u malee Luusiin erga harmashee mana yaalaatti ilaalamteen booda odeeffannoo gaarii hin taane dhageesse.

Umurii wagga 26tti kaansariin qabamuun itti himame.

Tibbuma sana ammoo shamarree faarfattuu turte Saaraah Haarding kaansarii harmaatiin duute.

Ergasiin boodas dhaabbanni tola oltummaa CoppaFeel namoonni baayyeen fuula isaa akka dowwachu eegalan hima.

Dhaabbatichis shamarran akka dhiitoo harmasaanii irra jiraachuufi dhiisuu hordofaniif jajjabeessa.

Luusiin akka Newbeat’tti himteetti, kaansariin harmaa kun dubartoota umuriinsaanii wagga 25-49 jidduu jiran irratti kan barame ta’uun beekamus, namoonni baayyeen waa’ee isaarratti hubannoo gahaa hin qaban.

Kunis qaamooleen hawaasaa shamarran irra caalli hakiima mariisisuuf kaka’umsa hin qaban.

'Doktarichi akkuma calliseetti hafe’

Luusiin dhootoo harma isheerra jiru kan agarte akka carraa tasa ture. Guyyaa sana hojii waan hin qabneef ilaalamuf deemuuf carraa argatte.

‘‘Waa’ee isaa yeroo hundan yaada ture,’’ jetti.

‘‘Guyyaa sana hojii qabaachu dhabukootiif baayyeen gammada. Yeroo sanattis seenaa waan addaa ta’u mala ture. Kanaafan har’a lubbuun as gahuu danda’e.’’

Luusiin erga keemooteraappii eegalteen booda riifeensha ishee irraa harca'e

Madda suuraa, Lucy Lepe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yoo hakiimichi gara kiliniikii harmaatti ishee ergu, Luusiin gonkumaa waa’e kaansarii harmaa hin yaadne ture.

Haata’u malee, erga obboleettiin ishee akka altiraa saawundiin akka ilaalamtuuf deddebiite gaaffatu, Luusiin wanti ta’e tokko akka umamee yaadu eegalte.

‘‘Doktarichis akkuma calliseetti ture’’ jette. Torbaniin booda ammo, akka kaansariin qabamte itti himame. Kunis battaluma gara bobaasheetto faca’e. Kanaafuu akka keemooteraappii, raadiyooteraappii fi wallaansa baqaqsanii wallaanamu taasiiftu itti himame.

‘‘Yeroon itti nyaachuu fi itti rafuu dadhabee ture,’’ jetti Luusiin. "Guyyaatti sa’aatii 20f sillimii tokko maleen dabarsa ture. Sireen irra ciseerraa osoon hin sochoo’iin dabarseera.’’

"Baayyeen nama jibbisiisaan ture. Goggaan qama koo geedaramee, rifeensi koos har’ica’eera ture. Jechuunis riifeens mataakoo, nyaaraa fi libsuunkoo hun ni har’ica’ee.’’

Ergan wallaansa baqaqsanii yaalamuu taasisuun raadiyoo teerraappii fuudhatteen booda, Luusiin dhumarratti oduu gaarii dhageesse. ‘Seeliin kaansarii ishee keessatti hafe omtu’ hin jiru jedhamte. Luusiin ammalleen wallaansa hormoonii irra kan jirtu yoo taa’u, dhaabbata tola-oltummaa CoppaFeel jedhamu waliin hojjatti. Isheenis ergaa waa’ee kaansariin harmaa shammarranis miidhu akka danda’u barsiisaa jirti.

‘‘Kun akka isin irra hin qaqabne hin yaadinaa. Yeroo hunda waan gaarii hin taane yaadaa jechuukoo miti. Garuu dhugaa hubachuutu barbaachisa,‘‘ jette.

Firaanki Waayiitfiild

Madda suuraa, Frunk Whitfield

Loogii hawaasa gurraachaa

Luusiin hawaasa gurraacha keessatti barbaachisummaa dhiitoo harmaa sakkata’u ilaalchisuun barsiisuu barbaaddi.

‘‘Dhukkuba kana ilaalchisee loogiin akka jiruun yaada. Waa’ee dhukkuba kanaa akka dubbatamu hin barbaadnu. Garuu ammoo kana gochuun baayyee barbaachisaadha,‘‘ jetti.

"Yoon beeksiisa kaansarii kana arguutti, namoota gurraacha hin argu. Namoonni waa’ee kaansarii yoo dubbatan dhagahee hin beeku,’’ jetti itti fufuun. ‘‘Gonkumaa akka waan nu hin mudanneettiin yaadaa ture’’ jette. Firaank Waayitiifiildi akkasuma akka Luusii sana waan ishee mudatu itti hin fakkaatu ture. Garuu Garuu umurii wagga 24 isheetti harmasheerratti dhiitoo agarte.

Doktoroonni jalqaba ishee ilaalees dhiitoo ‘‘hormonal’’ jedhamu jedheen. Baatiiwwan 18 booda ammo dhukkubbii gara biraa itti dhagahamu eegalte. Kanaafu irra deebiin ilaalamuuf deebiite hakiima biira dhaqxe.

Erga qorannoowwan garaa garaa taasifameefiin bood, Firaan kaansarii harmaa sadarkaa 4ffaa qabaachu barte. Kana malees sammuu keessatti dhootoon bahu itti himame. Kanaafuu umurii wagga lamaa qofa akka qabu bare.

"Nama wagga 25'n ture. Leenjiiftuun ture. Kun jireenya koo keessatti nama mudata jedhee gonkumaa yaadee hin beekun ture,’’ jetti.

"Kanaafuu umuriin kam irratti eenyuunuu qabuu akka danda’u ani kanaaf fakkeenya,’’ jechuun kaansariin umurii kamutti eenyunuu qabuu akka danda’u ibsiti. Isheenis ‘‘keemooteeraappii hedduu’’ fudhattee. Ammaan kanattis kaansariin Firaan hir’ataa adeemaa jira.

Isheenis seenaa ishee karaa intarneetii irratti qooduun shamarran umurii ishee keessatti argaman waa’ee kaansarii harmaa irratti hubannoo akka argatan taasisaa jirti.

‘‘Waa’een ofiin keessa darbe ilaalchisuun miidiyaa hawaasaa irratti ifattiin dubbataa jira. Waanan keessa darbe hundasaan barreessaa jira. Yeroo hunda garuu akka waan rakkoo dubartoota umuriin jaaraniitti ilaalamaa ture.’’

"Waggaa kanaan dura, hangan umurii maangudduummaa keessa galuutti kanan waa’ee kaansarii harmaa yaaduun narra jiruu yaadee hin beekun ture.’’