Baayidan haleellaa Jordaanitti loltoota US galaafateef deebii kennuuf murteessuu ibsan

Maxxanfame

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haleellaa diroonii dhuma torban darbeetti Jordaanitti raawwachuun loltoota US sadi galaafatee kaan madeesseef deebii kennuuf akka murteessan ibsan.

Ibsa Waayit Haawus irraa kennan kanaan bal'inaan hin kennine, garuu akkas jedhan: ''Baha Giddugaleessaa keessatti waraana bal'aa waan feenu natti hin fakkaatu.''

Milishaan Iraaniin deeggaraman haleellaa buufata waraanaa US irratti raawwateef itti gaafatamummaa fudhateera.

Haleellaa Dilbata darbe daangaa Siiriyaa fi Jordaanitti raawwate kanaan loltoonni Ameerikaa kan ajjeefaman malee hedduuni madaa'aniiru.

Haleellaa halkan keessa raawwate kanaan loltoonni US diinasaaniin wayita ajjeefaman, erga waraanni Gaazaa fi Israa'el Onkoloolessa 7 eegalee Baha Giddugaleessaa keessatti kan jalqabaati.

Akkaataa haleellaa raawwate kanaaf deebii itti kennanirratti qophaa'uusaanii gaafatamanii, deebii '' eeyyee'' jedhu kennan Joo Baayidan.

Haleellaa kanaaf Iraan komatamtii gaaffiin jedhus dhihaateeraaf. ''Namoota gocha sana raawwataniif meeshaa waraanaa dhiheessaa waan turteef itti gaafatamtuudha (Iraan) jedheen amana,'' jedhan.

Iraan gocha sana hirmaannaa gosa kamiiyyuu hin qabu jette.

Waayit Haawusitti Dubbi himaan Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Joon Karbii US adeemsa deebii kennuu kana keessatti ''irraa jalaan tarkaanfii fudhachuu dandeessi,'' jedhan.

''Tarkaanfii tokko qofa miti, tarkaanfiiwwan hedduu dhawaata dhawaataan ni fudhanna. Yeroo yeroon qoqqoodnee tarkaanfii fudhanna,'' jedhan.

Aab Karbiin dabaluun akkas jedhan: ''Pirezidantichi loltootaa fi meeshaalee waraanaa keenya eeguuf, akkasumas nageenyummaa biyya keenyaaf waan irraa eegamu hunda ni raawwatu.''

Pirezidant Baayidan akkaataa tarkaanfii itti fudhatan filmaata hedduu qabu. Filannoon duraa garee Iraaniin deeggaramu kana irratti qilleensarraan haleellaa roobsuudha.

Ameerikaan ajajoota gameeyyii Warraaqsa Islaamummaa Iraan- Islamic Revolution Guard Corps jedhamuu fi Iraan yookiin Siiriyaa keessatti argamurrattis tarkaanfii fudhachuu dandeessi.

Dhiheenya Baha Giddugaleessaa keessatti haleellaan milishoota Iraaniin leenji'an, hidhatan fi gargaaramaniin raawwatu heddummaateera.

Haleellaa loltoota US irratti raawwate kana gareen warraaqsa Islaamummaa [Islamic Resistance] Iraaq keessatti argamu, kan hidhattoota Iraaniin michooma qaban hedduurraa ijaarame, raawwachuu amaneera.

Kana qofaa osoo hin taane torbanoota itti aanan keessatti haleellaawwan humnoota US irratti raawwachuuf karoorfachuus ibseera.

Haleellaa diroonii Dilbata darbe buufata waraanaa Ameerikaa kaaba-baha Jordaanitti argamutti raawwate isa hamaadha jedhameera.

Bakka US Tower 22 jettuun kanatti loltoota 350 ta'antu argamu. Ameerikaan loltoota kunneen garee Islamic State jedhaman ittiin dadhabsiisuuf akka ijaarte himte.