Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Maal gochuu qabna?' Wayita jeettoonni Israa'el Tehraan irra balalii'aniitti lammiilee kallattii gaafatan
Sodaa fi dhiphinni sagalee obboleettii koo Tehran keessatti mul'ata, walqunnamtiin WhatsApp kan - dinqiidhaan - ammallee yeroo yerootti hojjetu kan gargar ciccitu ta'us.
Ifa ta'uun waan isheen narra barbaaddudha, ani gaazexeessaa BBC waliin Landanitti argamu ta'uu koo beekuudhaan.
"Maaltu ta'uuf deema? Maal gochuu qabna?" jettee gaafatti. Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp namoonni Tehran keessa jiran baqachuu qabu jedhan. "Inni cimaadhaa?"
Kamisa halkan gaafa Waxabajjii 13, 2015 irraa eegalee Teehiraan irra deddeebiin xiyyaarota Israa'el kanneen samii magaalaa guddoo biyyattii keessa bilisaan balali'aa jiran fakkaatuun boombii irra deddeebitee haleelteetti.
Dhukaasni farra xiyyaaraa itti dhukaafamulleen irra caalaansaa bu'aa qabeessa hin turre.
Obboleettiin koo foddaa gamoo ol dheeraa keessa jiraattuu irraan waan ta'aa jirtu ifatti arguu dandeessi. Kunis hanga tokko akka tasgabbooftuuf ishee gargaareera.
Waraanni Israa'el namoonni naannooshee keessa jiran, kallattii hundaan kiiloo meetira hedduu diriiree, akka baqataniif ajajeera. Garuu isheen achuma turuu filatteetti.
Hanga isheen beektutti naannawa gamoo mana jireenyaa ishee irra jiraatuutti wanti xiyyeeffannaa waraanaa ta'u malu akka hin jirre natti himte.
Haata'u malee kutaa daldalaa dhiyoo jiru tokko xiyyeeffannoo ta'uu danda'a yaaddoo qabdi. Dhaabbatichi garuu dhuguma maal akka hojjetu omaa waan beektu hin qabdu.
Sochiin Eegdota Warraaqsaa baay'een isaa dhoksaa fi bakka dhokataa keessatti sababii gaggeeffamuuf, namoonni baay'een ollaan isaanii eenyu akka jiraatuu ykn bakki waraanaa itti xiyyeeffatamuu maluu dhiyoosaanii jiraachuu fi dhiisuu hin beekan.
Ammallee humni ibsaa fi bishaan magaalaa guddoo biyyattii bakka hedduu keessatti kan argamu yoo ta'u, dhiyeessiin nyaataa garuu gadi bu'aa jira.
Suuqiiwwan hedduun cufamaniiru, kanneen ammoo balbala isaanii gadi deebiisaa jiru. Manneen daabboon itti tolfamulleen cufamaa jiru. Gariinsaa sababa hanqina daakuutiin, kaan ammoo sababa abbootiin qabeenyaa baqataniif ta'uu hin oolu.
Obboleettiin koo, akka namoota biraa kuma dhibbaan lakkaa'aman, tarii miliyoonaan lakkaa'aman, magaalaattii keessaa bahuu didee jirti. Sababiinshee irra caalaan bakka itti baqattuu waan hin qabneefiidha.
Daandiiwwan konkolaataan guutamuu fi hanqinni boba'aa jiraachuus guyyoota darban keessa jiraattonni hedduun baqataniiru.
Daandiiwwan Tehraan, yeroo tokkotti tiraafikaatiin giitamee ture, amma haala nama ajaa'ibuun callisee jira.
Warri hafan haleellaa sodaachuun baayyee gadi hin bahana manasaanii keessaa.
Gabaasni dhiheenya kana ba'e akka agarsiisutti, hiriirrii dheeraan buufata boba'aa ture amma wal jalaan salphachuu kan jalqabe yoo ta'u, daandii magaalaa guddoo biyyattii keessaa ba'us kokolaataa xiqqaa qaba.
Jiraattoonni dhiheenya dhaabbilee nikulaaraa biyyattii jiraatan ammoo sodaa dabalataa miidhaa carrallaa raadiyooaktiiviin irra gahuu maluu qabu. Bakkeewwan gabbisa nikulaaraa kunneeniis guyyoota darban keessaa haleellaa israa'eliin kan irra dedebiin irratti xiyyeeffatamaniidha.
To'ataan nikulara addunyaa sadarkaan raadiyooaktiivii hanga ammaatti bakkeewwan gabbisa nukulaaraa lamaan haleelamaniifi gaafa Jimaataa barbadeeffamaniin alaa jijjirama akka hin qabne himeera.
Namoonni garuu taateewwan kunnen hundi eessatti geessuufi hanga yoomitti akka turu gaafachaa jiru.
Namoonni hedduunis ammaan tana oduu argachuuf chaanaalii TV afaan Faarsiin tamsa'u kan biyya alaarraa darbuu irratti hirkatu.
Tajaajilli TV BBC Persian fi marsariitiin isaa madda ijoo odeeffannoo ummata Iraan ta'aniiru. Yeroo baayyee haalli interneetiin yeroodhaa gara yerootti kan adda ciccitu ta'ulleen, namoonni Iraan irraa halkan tokkotti marsariitii dubbisan dachaa lamaan dabaleera.
Tiraamp Iraan harka akka kennitu gaafataniiru, garuu Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatoloah Alii Kameenii gonkumaa Iraan harka akka hin kennine labsuun isaanii ni yaadatama.
Lammiileen Iraan muraasni sirnicha kan mararfatan yoo ta'u, namoonni hedduun garuu haalichi yoo tasgabbii dhabe jeequmsii fi seera maleessummaan hordofuu akka danda'u sodaatu.