Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan, mariin Ankaaraa milkaa’u dhabuutti Itoophiyaa himatan

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Momaammad

Madda suuraa, @SNTVNEWS1

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad mariin Itoophiyaafi Somaaliyaan Ankaaraatti taasisan kan milkaa’uu dhabe Itoophiyaan waan birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa hin kabajneef jedhan.

Pirezidaantichi haasaa buufata TV biyyaaleessaatiin Sambata Hagayya 17, 2024 tamsa’een, ‘‘Itoophiyaan walabummaa Somaaliyaaf beekamtii dhowwachuun waan cicheefiidha’’ jedhan.

‘‘Marii Ankaaraa irratti Itoophiyaan birmadummaa Somaaliyaafi biyya ollaa bilisa taateen gochuun fudhachuudhaaf hayyamamtu akka hin taane mirkaneessineera.

Hanga birmadummaa Somaaliyaa fudhatuutti homaarrattuu hin mari’annu’’ jedhan.

Itoophiyaan Somaaliilaand kan Somaaliyaa irraa foxoquudhaan ofiin of bulchitu waliin waliigaltee wal hubannoo akka ulaa galaanaa argattu dandeessisu erga waliin mallatteessaniin booda, Finfinneefi Moqaadishoo jidduutti muddamni mudatee ture.

Waliigalteen kunis ulaa galaanaa Itoophiyaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jettuun ni argamsiisaaf kan jedhame yoo ta’u, Somaaliilaand ammo bakkasaa Itoophiyaa irra beekamtii biyyummaa ni argatti jedhameera.

Somaaliyaan gamasheetiin waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand birmadummaafi tokkummaa daangaakoo kan sarbuudha jechuun waliigaltee Finfinneefi Hargeessaa jidduutti cimsuudhaan mormaa turtee jirti.

Kana hordofuun ministiroonni Dhimma Alaa biyyootaa lameenii yeroo lama mariidhaaf Ankaaraatti wal gahanii ture.

Jaarsummaa Tarkiitti Ministeerri Dhimma Alaatiin marsaa lammaaffaan Kibxata Hagayya 13, 2024 gaggeeffamee tureen osoo jijjirama qabatamaa hin fidiin erga xumurameen booda, mariin marsaa sadaffaa Fulbaana 17, 2024 gaggeessuuf beelama qabatamun ibsamee ture.

Haata’u malee, pirezidanti Hasan Sambata galgala haasaa taasisaniin, Itoophiyaan hanga birmadummaafi tokkummaa daangaa biyyasaanii kabajjuutti mariin gaggeeffamu bu’aa hin qabaatu jedhan.

‘‘Itoophiyaan birmadummaa Somaaliyaafi biyya walabaa of dandeessee ta’ushee amantee fudhachuuf hayyamamtu miti.

''Kun hanga sirreeffamuutti dhimma ulaa galaanaas ta’e dhimma kamuu irratti hin mari’annu. Sababiinsaas kun seera addunyaa kan cabsuudha’’ jechuu Pirezidanti Hasan marii marsaa lamaan Ankaaraatti gaggeeffamaa ture bu’aa eegamu osoo hin fidiin hafu dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Finfinneefi Hargeessaan erga waliigalticha mallatteessanii booda Moqaadishoon komiishee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti fi hanga biyyoota ollaatti geessuudhaan waliigaltichi hojiirra akka hin oolfamneef yaaliiwwan dippilomaasii taasisaa turte jirti.

Itoophiyaafi Somaaliilaand erga jalqaba bara 2024tti waliigalticha mallatteessanii booda Somaaliyaan Tarkiifi Masrii waliin waliigaltee waraanaa bal’inaan maalumaansaa hin ibsamen mallatteessitee jirti.

Pirezidanti Hasan erga walgiilatichi mallattaa’een booda dureewwan qaxanichaafi Baha Jidduugalaa waliin qaamaafi karaa bilbilaatiin dhimmicharratti mari’ataa turan.

Pirezidantiin Somaaliyaa haasaan Sambata galgala taasisan hordofee hanga ammaatti Itoophiyaan kan jette homtu hin jiru.

Haata’u malee, Itoophiyaan kanaan dura mariiwwan garaagarummaa dhiphisaniifi walitti dhufeenya haaromsan taasisuudhaaf qophii ta’u ibsaa turte.

Kana malees Itoophiyaan marii kallattiin rakkinichaaf furmaata barbaaduu irra Somaaliyaan dhimmicha gara biyyoota biraatti geessuuf filatte jechuun himatte.

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad wayita Waxabbajji darbe keessa gaaffii miseensoota mana maree bakka bu’oota ummataatiif deebii kennanniitti, dhimma Somaaliyaa irratti wayita dubbataniitti, ‘‘nu himachuudhaaf biyyaa biyyarra deemuun hin barbaachisu. Finfinnee dhufuun ni danda’ama. Nuti mari’achuudhaaf qophiidha,’’ jedhanii ture.