Dhalattoonni Tigraay paaspoortii baafachuuf gidiraa immigireeshiniitti argaa jiru

Dhalattoonni Tigraay waajjira Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa Finfinnee jiru deemanii paaspoortii baafachuurra “mana Waaqaa dhaqanii deebi’uutu” salphataaf.
Jiraataa magaala Finfinnee kan ta’e dhalataan Tigraay paaspoortii baafachuuf dhalataa Tigraay waan ta’e qofaaf rakkoon heddu akka isa mudate hima. Ragaa barbaachisu hunda qabatee waajjira immigireeshiniitti dhiyaatus kessummeeffamuu waan rakkateef bakka dhalootaa jijjiirufi sobuun dirqama itti ta’e.
“Ani hattuu miti, ragaa barbaachisaa qabadheen balleessa tokko malee deeme. Hamma kana sobuun, rifeensa koo jiijjiiree deemun, rakkachuun na hin barbaachisu ture,” gidiraa keessa darbee paaspoortii argate yoo ibsu.
Boodarra iddoo dhaloota maatiisaa Tigraay irraa gara Daseefi Dirree Dawaatti jijjiirun paaspoortii akka argate. Hojjattoonni Tajaajila Imiigireeshiniifi Lammummaa ammoo eenyummaasaa akka irratti hin barreef akkaataa uffannaafi rifeensa isaa jijjiirratee akka deeme hima.
“Rifeensi koo olka’ee filamaa ture. Shaampoo itti godhee gadi qabeen, shurraabii haguuggii qabu itti godhadheen deeme,” jedha eenyummaansaa duraanii akka irratti hin baramne gochuuf.
Paaspoortii baafachuuf jalqaba gaafa deemu gaaffin jalqaba dhiyaatef “maatin kee dhalattoota eessati?” kan jedhuudha.
“Haatifi abbaan koo namoota Finfinnee ta’uu gaafan itti himu ‘akkawwoon ykn akaakayyuun kee hoo? Jedhee na gaafate [hojjataan immigireeshinii]. Haati koo maatii Aduwaafi Addigiraat irraatin jedheen. Yeroo kana waraqaa koo irratti ‘haa qulqullaa’u!’ kan jedhu barreessee gara biiroo lakkoofsa torbaatti na erge,” jedha Naahom.
Ragaalee gaafatamuuf hin malle kan haadhaa, abbaa, akkayoo akka guutu gaafatame. Tokko gaafa guutee deemu, ‘kanatu hanqate kana fidi’ kan jedhutu isa mudate.
Waraqaa ragaa dhalootaa, waragaa ragaa barnootaa kan sadarkaa tokkooffaafi lammaffaa, ragaa barnoota digrii, ragaalee muuxannoo hojii akkasumas waraqaa ragaa haadhafi abbaa dhiyeessuu akka qabu itti himame.
Addumatti ammoo hojjattoonni Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa gaafataa kan turan waraqaa eenyummaa adaadaa ykn eessuma Tigraay akka dhiyeessudha.
“Adaadan koos eessumni koos Finfinneedhumatti dhalatan. Dhumarratti suura eessuma haadha kiyyaa Addigiraat irraa karaa Telegiraamii ergisiisee isa fuudhee deeme. Kuni kan haadha keeti malee eessuma kee miti naan jedhan.
“Maalif akka akkas godhan homaa natti hin himne. Guyyaa dhumaa miira keessa seenee ‘Itoophiyummaa koo kana caala ragaan ibsu maalidha? Jedhee gaafadhus sababa homaatuu naa dhiyeessuu hin dandeenye,” kan jedhu Naahom dhumarratti iddoo dhaloota maatiisaa jijjiiruu akka qabu murteesse.
“Ragaa dabalataa dhiyeessaa”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa biyyattii keessaa dameewwan 12 kan qabu yoo ta’u isaan keessaa tokko magaala Maqaleetti kan argamuudha.
Haa ta’u garuu sababa waraanan waggoota lamaa oliif erga tajaajila dhaabee deebi’ee hojii kan eegale bara kana ji’a Caamsaa keessa.
Yeroo waraanni gaggeeffamaa ture, jiraattonni naannoo Tigraayi paaspoortii baafacuuf kara onlaayinii beellama erga qabsiisanii booda gara waajjira Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa Finfinnee jiruu dhufuun dirqama ture.
Haa ta’u garuu dhalattoonni Tigraay BBCn dubbise akka jedhanitti adeemsafi ulaagaalee paaspoortii baafachuuf seeran barbaachisuun alatti gaaffilee hin malle heddu akka gaafatamaniifi rakkoo hedduufis akka saaxilaman himu.
Lammiin Itoophiyaa tokko paaspoortii baafachuuf ulaagan barbaachisu waa lama: waragaa dhalootaa mirkanaa’efi waraqaa eenyummaati.
Waraqaan eenyummaa kan yeroo yoo ta’e, gandarraa xalaayaa deeggarsaa dhiyeessun dirqama. Haa ta’u garuu dhalattoonni Tigraay waraqaa ragaa barnootaa kan kutaa 8ffaa osoo hin hafin akka gaafataman himu.
Sana bira darbees “isin namoota Ertiraati” jechuun qorannoon akka irratti gaggeeffamus komatu.
‘Biiroo immigireeshinii lakkoofsa 7, bakka Itoophiyummaa itti murtaa’u’
Waa’ee paaspoortii baafachuu ilaalchisee dhalattoonni Tigraay BBCn dubbise hunduu kan kaasen waa’ee wajjira immigireeshinii biiroo lakkoofsa torbaati.
Namoonni kun waajjira Tajaajila Immigireeshiniif Lammummaa deemanii ragaan isaan dhiyeessan dhalataa Tigraay ta’uu kan agarsiisu yoo ta’e ykn gaaffii gaafatamaniif deebii waa’ee Tigraayin wal-qabatu yoo deebibsan dhimmisaanii biiroo lakkoofsa 7tti ergama.
Akkawoonsaa dhalattuu Tigraay waan taate qofaaf gara biiroo lakkoofsa 7tti ergamuu kan ibsu jiraataa Finfinnee kan ta’e Naahom, namoonni biiroo kana keessa taa’an afaan Tigriffaa kan dubbataniifi sanadoota dhiyaatan qorachuun gaaffidhaan akka nama muddan hima.
Dhalataan Tigraayi biraa paaspoortii baafachuuf Maqaleerraa dhufes waanumti wal-fakkaatan akka isa mudate BBCtti hime.
Beellama jalqabaarratti iddoo dhalootasaa Adawaarraa xalayaa deeggarsaafi waraqaa eenyummaa maatiisaatii qabatee akka dhiyaatu itti hima dubbata.
“[Hojjataan biiroo lakkoofsa 7 keessa hojjatu], bakki dhaloota kee eessa jedhee na gafaate. Aduwaa jedheen deebiseef. Aduwaa bakka kam naan jedhe. Indabaatsimmaa jedheen deebise. Eenyufaatu daangessa? Jedhee na gaafate. Bakkeewwan aanicha daangessan hunda ittan hime.
“Sana booda lakkoofsi waraqaa eenyummaarra jiru xalayaa deeggarsaa irratti hin barroofne jedhee na jalaa kuffise,” jechuun Maqaleerraa dhufee paaspoortii osoo hin argatin hafuu hima.
Waajjira Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa Fifinnee jiru keessatti kan argamu biiroo lakkoofsi 7 dhalattoonni Tigraayi qofti kan itti keessummeeffaman akka ta’e dubbatu namoonni BBCn dubbise.
Dhaabbanni sivilii mirga namaaf falmu Dursa Mirga Namaaf-Itoophiyaa jedhamu qorannoo gaggeessen biiroo lakkoofsa 7tti dhalattoonni Tigraay geeffammanii akka qorataman qorannoo gaggeessen bira gahuu ibsee ture.
Daayireektara dhaabbatichaa kan ta’an Obbo Mabraahi BBCtti akka himanitti, dhalattoonni Tigraay tajaajila paaspoortii argachuf garas deeman qorananoodhaf gara biiroo lakkoofsa 7tti akka geeffaman himu.
“[Biiroo] lakkoofsa 7 qorannootu itti gaggeeffama. Paaspoortii karaa idileedhan baafachuuf qorannoon adda ta’e hin gaggeeffamu,” kan jedhan Obbo Mabraahiin “akka yaadaa keenyatti biirichi bakka Itoophiyummaan itti murtaa’udha,” jedhu.
Sarbama mirgaa gaggeffamu
Dhaabbanni Dursa Mirga Namaaf-Itoophiyaa jedhamu gabaase baase keessatti tajaajila paaspoortin wal-qabatee sarbamni mirgaa namaa akka mudateefi seerri biyyaas cabee akka jiru ibse.
Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa Itoophiyaatti gaggeessaa garee tajaajila paaspoortii kan ta'an Obbo Adaanaa Dabbabaa waajjirichi namoota shakke ragaa dabalataa akka gaafatu hin haalle. Garuummoo mirgi namaa sarbame, seerri cabes akka hin jirre himu.
Tajaajilamtoota naannoo daangaa irraa tajaajila argachuu dhufan irratti waanti shakkisiisan tokko tokko yoo jiraate ragaa dabalataa akka dhiyeessan akka gaafataman kan himan Obbo Adaanan, adeemsi akkanaa kana duras akka tureefi dhalattoota Tigraay qofarratti akka hin raawwanne dubbatu.
Tajaajilamtoonni naannoo daangaa jiraataniifi afaanifi aadaa biyyoota ollaa qaban naannolee akka Somaalee, Gambeellaa Oromiyaafi Benshaangul Gumuuz irraa dhufanis hunda yoo ta'uu baate namoonni tokko tokko ragaa dabalataa akka dhiyeessan gaafachuun waanuma jiru akka ta'e kaasu.
Waa'ee biiroo lakkoofsa 7 gaafatamaniis deebii kennaniin: "Biiroo lakkoofsa 7 keessaa [ragaa] dhalattoota Tigraay kan adda baasan jiru. Kan Somaalee kan adda baasan jiru. Kan Oromiyaa kan adda baasan...kutaan kun kan Tigraay qofa kan adda baasu miti," jechuun biiroo dhalattoonni Tigraay itti qoratamani kan jedhu soba ta'uu ibsu.
Waa’ee dhalattoota Tigraay ilaalchisee adda baasun dabalataa kan barbaachiseef “lammiilen Ertiraas paaspoortii baafachuu danda’u sodaan jiru waan jiruuf” akka ta’e kan himan Obbo Adaanan, waraqaan eenyummaafi ragaan dhalootaa sobaa jiraachuu waan maluuf qorannon dabalataa akka godhamu ibsu.
“[Itoophiyaa keessa] jiraachuu qofti lammii Itoophiyaa nama hin jechisiisu. Akkaakayyuusaanitii jalqabee Itoophiyaa keessatti kan dhalatan, garuummoo Ertiraan rifarandamiin haa fottoqxu jedhee kan mallatteesse Ertiraawwin as jira,” jechuun Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa dhimma biyyaa malee saba tokkorratti xiyyeeffatee akka hin hojjane ibsan Obbo Adaanan.
“Haala biyyi keenya keessa jirtuun wal-qabatee wantoonni sirreeffamuu qaban tokko tokko jiru, sababni isaa amma namni tokko Maqalee, Addigiraat gahee deebi’uu hin danda’u. Rakkoon geejjibaa jira. Sanaan wal-qabatee rakkoon jira,” kan jedhan Obbo Adaanan rakkoo dhalattoota Tigraayin wal-qabatee ka’aa jiru furuuf “kallattoo kaa’uu” himan.












