Paarlaamaan Israa'el baqattoota mootummaa Ertiraa deeggaran biyyaa ari'uuf seera raggaasise

Baqattootaa Ertiraa gareedhaan wal lolaa turan

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Ertiraanoonni Israa'el dabalatee biyyoota hedduu keessatti gareedhaan wal qoodaanii wal lolaa turuun gabaafamaa ture
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Paarlaamaan Israa'el baqattoota Ertiraa mootummaa Ertiraa deeggaran biyyattii keessaa ari'achuuf wixinee seeraa qopheessee marsaa jalqabaatiif sagalee deeggarsaa guutuun ragaasifame.

Paarlaamaan Israa'el Knesset jedhamee waamamu wixiinee seera baqattoota Ertiraa biyyaa ari'achuu dandeessisu marsaa jalqabaatiif sagalee 51 fi 0 ta'een dabarsuu gaazeexaan Israa'el The Times of Israel gabaaseera.

Wixineen seeraa mormii tokko malee raggaasifame kun baqattoonni Ertiraa mootummaa Ertiraatiif deeggarsa taasisan biyya keessaa ari'achuudhaaf kan ministira dhimma biyya keessaatiif angoo kennu ta'uu gabaasichi eereera.

Baqattoonni mootummaa Ertiraa deeggaran Israa'el keessatti sababiin itti kolugaltummaa gaafatan akka hin jirre taasifamee akka lakkaa'amu ibsameera.

Kanaan duras aanga'oonni Israa'el gara garaa tarkaanfiiwwan walitti fufiinsa qaban adda addaa kan fudhatan yoo ta'u, gariin isaanii mana murtiitiin dhorkamaniiru.

Israa'el keessa baqattoota Ertiraa gara kuma 20 ta'aniitu argamu. Baqattoonni kunneen sarbama mirgaa, akkasumas waraana biyyasaanii keessa jiru baqachuudhaan kan Israa'el keessatti kolugaltummaa gaafatanidha.

Haata'u malee, waggoota muraasa darban kaasee Israa'el keessatti dabalatee, baqattoonni Ertiraa biyyoota garaa garaa keessatti argaman garee bulchiinsa mootummaa deeggaraniifi kan mormanitti wal qooduudhaan walitti bu'aa turan.

Bara darbe baatii Adooleessaa keessa walitti bu'insa garee Ertiraanootaa lama jidduutti daandii Teel Aviiv irratti mudateen namoonni lama ajeeffamunsaanii ni yaadatama.

Akkasumas, achuma Israa'elitti waggaa lamaan dura walitti bu'insa gareewwan mootummaa Ertiraa deeggaraniifi kanneen morman jidduutti mudateen jeequmsii umamuun walitti bu'iinsa poolisii waliin uumameen namoonni 170 ol ta'an irra miidhaan qaamaa qaqqabee ture.

Baqattoonni Ertiraa walitti bu'insi miidhaan fi barbadiinsi qabeenyaa olaanaan ittiin qaqqabeera jedhame kana irratti hirmaataniiru jedhaman atattamaan biyyaa akka hari'atamaniifi tarkaanfii cimaan akka irratti fudhatamu jedhamee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torban darbe Kibba Teel Aviivitti argamuun ''jeequmsa jiru arguu'' kan dubbataniifi kanneen wixiinee seeraa kanaa qopheessaan keessaa tokko kan taate dhallattuun Yukireeniifi lammiin Israa'el, Yuliiyaa Maaliinoviskiin, ''yakkamtoonni jajjaboon loo'aanii galan kanneen mootummaa Ertiraa deeggaranidha'' jedhan.

Wixiineen seeraa ''nageenyaafi tasgabbii jiraattoota Kibba Teel Aviiv bakka duriitti deebiisuuf tarkaanfii jalqabaati'' jedhan.

Deeggartoonni mootummaa Ertiraa ''asi Israa'elitti gaaffii kolugaltummaa irra jiru. Haata'u malee, yeroodhuma walfakkaatuun bulchiinsicha deeggaru. Kana jechuun biyyasaanii keessatti yaaddoo omaa hin qaban. Kanaaf, gara biyya dhalootasaaniitti deebi'uu qabu'' jedhan dubartiin siyaasaa tun.

Bara qabsoo hidhannoo bilisummaa Ertiraatii kaasee biyyoota alaa keessatti ijaarsa hawaasummaa cimaa uumuu kan danda'e mootummaan Ertiraa, guyyaa yaadannoo wareegamtootaa dhuma Waxabajjii fi injifannoo bilisummaa Caamsaa karaa imbaasiiwwanii fi deeggartoota isaatiin kabajaa tureera.

Haata'u malee, kanneen bulchiinsa Ertiraa morman mootummaan qophiilee kabajaa kanneenitti fayyadamee hololaa gaggeessuufi maallaqa walitti qabuudhaaf jira jechuudhaan garee 'Birgeed Ni Hamaduu' jedhamuun dunkaanoota gubuu dabalatee karaawwan biraatiin mormaa turan.

Jeequmsa gareewwan bulchiinsa Ertiraa deeggaraniifi morman jidduutti biyyoota adda addaa keessatti mudateen miseensoota poolsii dabalatee Ertiraanootaa fi qabeenyaa irra miidhaan qaqabeera.

Yeroo dhihoon as ammoo qophii feestivaalii aadaa Ertiraa sababa gochuudhaan biyyoota Awurooppaa fi magaaloota Ameerikaattis Ertiraanoota jidduutti walitti bu'iinsi yoo mudatu arguun kan barame ta'eera.

Waggoota darban keessa Israa'el dabalatee, Jarman, Siwiidiin, Noorwee fi Kaanaadaa keessatti walitti bu'insi hedduu irraan miidhaa qaqabsiise mudateera.

Dhaabbileen mirgaaf morman hedduun mootummaan Ertiraa lammiilee irratti sarbama mirga namoommaa bal'aa raawwata jechuun falmu.

Sababii kanaatiin lammiileen Ertiraa hedduun haala siyaasaa biyyattii keessa jiru, cunqursaa bilisummaa amantaa akkasumas tajaajila biyyaaleessaa dirqamnisaa daangaa hin qabne baqachuun biyyaa baqatu.