MM Abiy dabalatee ragaaleen ittisaa Obbo Taayyeen waammatan mana murtii osoo hin dhihaatiin hafan

Madda suuraa, Ministeera Nagaa
Deetaa Ministira Nagaa Itoophiyaa kan turanii fi yeroo waggaa tokkotti dhihaatuuf mana hidhaa erga turanii booda yeroo dhihoo wabiidhaan kan bahan Obbo Taayyee Danda'aa erga hidhaa bahanii yeroo lammaffaaf har'a ganama Mana Murtii dhihaatan.
Ammaan dura himatawwan sadii irratti baname keessaa lamaan bilisa jedhamuun himata sadaffaa dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa ilaaluun Mana Murtiitti himatamaa jiru.
Himata irrati dhihaate kana ofirraa ittisuufis Ragaalee Ittisaa namoota shan angaa'ota olaanoo biyyaa ta'an waammachuun isaaniis ni yaadatama.
Ragaalee Ittisaa isaan dhiheeffatan keessaa angaa'onni Lama, Komishinar Malaakuu Fantaa fi Ambaasaaddar Binnaalf Andu'aalem beellama darbe irratti Mana Murtii dhihaachuun yaada isaanii kennanii ture.
Beellamni har'aa kuni ammoo ragaaleen ittisaakoo sadan, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad, Kantiibaa Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi Ministira Misooma Magaalaa Aadde Caaltuu Saanii Mana Murtii dhihaatanii jecha isaanii akka kennaniif kan qabame ture jedhu Obbo Taayyeen yaada BBCf kennaniin.
"Ragaaleen ittisaa namootni shanan kuni naaf dhihaatanii narraa yaa ittisan jedhee xalayaa barreessee Mana Murtii kanin gaafadhe Hagayya 19, bara 2016. Namni lama gaafuma duraa akkuma waamamaniin dhufanii ragaa kennan. Namootni sadan hafan beellamni inuma qabama hanga ammaa hin dhufne" jedhan.
Beellama har'aa irratti dhimmi biraa qabamee ture ''dhiittaa mirga namoomaa yeroon to'atamee hangan hidhaa bahutti narra gahee fi mana murtiitti iyyadhe'' Komishiniin mirgoota namoomaa qoratee akka dhiheessuuf kan beellamamee akka tures himu.
"Dhiittaa mirgoota namoomaa anaa fi maatiikoo irra gahe irratti komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa bu'aa qorannoo fuula 13 qabu mana murtiif dhiheessee anas nagahee jira" jedhan.
Dhiittaan mirgoota namoomaa isaan mana murtiitti iyyatan yeroo ibsanis,
"Guyyaan too'atamu sanarraa eegalee akkaataan miidiyaaleen dursanii akka yakkamaatti gabaasaa turan, herreega baankii koo seera malee cufuun maatiinkoo akka rakkatu kan godhame, ji'a afurii oliif kutaa ibsaa hin qabne keessatti qofaatti kanin hidhamee fi kaan dhihaateera" jedhan.
Manni murtiis dhadhacha har'aa irratti ragaaleen ittisaa waamaman waan hin dhihaanneef irra deebiin waamicha gochuun Eebla17, bara 2017tti beellama qabachuus himan Obbo Taayyeen.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












