Namichi raapparii dhalataa Ertiraa Nipsii Haasil ajjeese hidhaa waggaa 60'n adabame

Madda suuraa, Getty Images
Namichi weellisa ykn raapparii Nipsii Haasil [Nipsey Hussle] ajjesuun himatame, yoo xiqqaate hidhaan waggaa 60 irratti murtaa'e.
Eerik R. Hooldar bara 2019’tti, raapperii Nipsitiin mana uffataa isaa Los Anjeliis Kibbaatti argamu fulduratti ajjeesuun himatame, Waxabajjii darbe yakkamaa ta’uun isaa irratti mirkanaa’eera.
Nipsii Haasil maqaan isaa sirri Ermiyaas Asgedoom yoo ta’u, umurii ganna 33’tti ajjeefame.
Abbaan isaa dhalataa Eertiraa yoo ta’u harmeen isaa ammoo gurraatti Ameerikaadha.
Yeroo yakki kun raawwatetti namootni naannicha turan lama rasaasaan rukutamanii madaa’aniiru.
Abbaan seeraa mana murtii H. Kileey Jaak, Roobii irratti Holderiin hidhaa waggaa 60 hanga umurii guututti kan adaban erga haasaa hiriyaa Haasil dhaga'aniifi xalayaa abbaa Hooldar dubbisanii boodadha.
Abukaatoon Hooldar akka ABC News'tti himanitti murtee kana deebi’ee iyyachuuf karoora qaba.
“Dhimmi kun wantoota beekkamtii qaban of keessatti waan qabuuf, yeroo hunda cimaa ta’uu mala,” jechuun abukatoon Aaron Jeensan dubbatani.
Abbootiin alangaa dhaddacha irratti, ajjeechaan kun kan dursee karoorfame akka ta’e yoo himan, abukatoonni Hooldar ammoo murtee tasaa miira keessa yeroo ta'edha jechuun falmaniiru.
Abukaatoon Hooldar akka jedhutti, Hooldar dhimma oduu poolisii waliin waligaluu irratti haasaa Haasil waliin qabateen aaree ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haasil yoo xiqqaate si’a 10 rasaasaan rukutamee, sana booda Hooldar mataa isaarra isa dhiitee bakka sana baqateera jechuun, itti aanaan Abbaa Alaangaa Los Anjeliis Joon Makinii mana murtiitti himuusaa eeruun AP'n gabaaseera.
Hasil Los Anjeliis Kibbaa keessatti kan guddate yoo ta’u, dargaggummaa isaatti miseensa gartuu yakkamtootaa Rollin’ 60s ture.
Boodarra hawaasa isaa irratti invasti goochuuf jecha mana daldala uffataa Marathon Clothing jedhamu baneera.
Ajjeefamuu isaa dura, Nipsiin akkamiin akka nannoo isaa keessatti hokkora gartuulee yakkamtootaa hir’isuuf gargaaru danda’a jedhu irrati mar’iachuuf Wajjira Poolisii Los Anjelis qunnamee ture.
Raappariin kun du’a isaa booda bara 2020’tti baadhasa Grammy lama injifatee ture.
Dabalataanis daandii Holiwuud Walk of Fame jedhamu kan bakka maqaan namoota bebbeekamoo boca urjiin daandii irratti bocamu irrati urjii argateera.
Nipsii Haasil abbaa ijoolle lamaa yoo ta’u, ajjeechaa isaan namootni hedduun biyyattii guutummaa irraa gadda isaanii ibsanii turani.












