Jastiin Biibar mirga abbummaa walleewwansaa doolaara miiliyoona 200'n gurgure

Jastiin Biibar

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Jastiin Biibar qooda mirga abbummaa walleewwan isaa dhaabbata daldala muuziqaa Hipgnosis Songs Capital  jedhamutti gurguruun gabaafame.

Kanaaf dhaabbatichi qooda sirboota dhageetti guddaa qaban kan akka ‘’Baby’’ fi ''sorry’’ weellisaa beekamaa kanaa irratti mirga abbumaa ni qabaata jechuu dha.

Biibar sirbituu coollee jaarraa 21ffaa walleen isaanii akkaan gurguraman keessaati.

Murtoo kanaan booda, dhaabbati ‘Hipgnosis’ jedhamu kuni walleewwan Jastiin addabaabaayitti yeroo weellifaman maratti qooda biteef kaffaltii fudhataa jechuu dha.

Dhaabbanni kuni sirboota inni mirga abbummaa keessa qabu 290 kan dhuunfatu taha.

Kunis kanneen  Mudde 31, 2021 dura gadhiifaman hundaafi qooda yeedaloos  dabalata.

Kana malees mirga abbummmaa waraabbii jalqabaa akka dhuunfatus waliigalteerra kaa’ameera.

Dhaabbati Hipgnosis sanada waliigaltee ifa baasuu baatus, maddeen garuu akka doolaara miiliyoona 200'n bite AFPtti himaniiru.

Artistoonnni walleewwan isaaniirraa qooda qaban gurguruun dabaleera- Jastiin Tiibarleekiifi Shaakiraan dhabbatuma kanaa wajjin waliigalteerra gahaniiru.

Tahus qooda walleewwanii gurgurachuun sirbitoota duriitu beekama.

Dhaabbanni Biriiteen walleewwan irratti invest godhu Hipgnosis kuusaa walleewwansaa baay’ifachaa kan jiru yoo tahu. Dhaabonni gurguddoo qooda akka bitatanis affeeraa jira.

Hundeessaan dhaabbata kanaa Merck Mercuriadis sirbooti warqeefi boba’aa caalaa gatii baasuu danda’us jedhee ture.

Yeroo waliigaltee boodanaa kana beeksisettis, ‘’Jastiin Biibar  waggoota 14 darbanitti aadaa addunyaa haalli innitti geedare adda dha,’’ jedheera.