Meeshaan waliin isaa wallaalame 'samiirraa bu'uu hin oolle' jedhame

Meeshaa Dhiha Awustiraaliyaa qarqara qaama bishaanitti argame

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Meeshaan boca geengoo qabuuf maalummaan isaa wallaalame qarqara qaama bishaanii Dhiha Awustiraaliyaatti argame dubbi ijoo ta'ee ture.

Meeshaan maalummaan isaa wallaalame ture kun rokkeetti Indiyaarraa bu’uu biyyattiin mirkaneessitetti.

Sibiilli guddaan kun bakka qarqara bishaanii Green Head jedhamu Adoolessa keessa Kaaba Perz irraa bakka km 250 fagaatutti argame.

Sibilichi maddisaa eessa akka ta'eerratti tilmaama garagaraatu kennamaa ture.

Hogganaan qorannoo hawaa Indiyaa S. Somonaz Wixata BBC'tti akka himanitti, meeshaa sataalaayitiin ittiin furguggifamu (PSLV) jedhamu tokkosaa irraa bu'e.

Somonaz, meeshicha maalirra akka oolchitu kan murteessu Indyaa otoo hin taane Awustiraaliyaadha.

Akkas jechuurra kan darbe odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Qondaalli kuni yaada kan kennan erga Ejensiin Hawaa Awustiraaliyaa (ASA) Roobii darbe meeshaa Indiyaan saatalaayitoota gara orbiititti ittin furguggistu ''fakkaata '' jedhee boodadha.

Biyyoonni yeroo hunda rokkeettii yeroo furggisan caccaban meeshaa ittiin furguggisanii garbatti akka kufu karoorfatu. Kunis namoonniifi qabeenyi akka hin miidhamneef.

Yunivarsiitii Awustiraaliyaa Filinders jedhamutti arkiyoloojistii qorannoo hawaa kan ta'an Dr Aliis Gorman, yeroo baay'ee meeshaleen saatalaayitii ittin furguggisan lakkoofsa ittin adda baafaman qabu.

Bifasaaniirratti hundaa'uun caccabaa meeshichaa adda baasuunis ni danda'ama jedhan.

Eejansiin Hawaa Awustiraaliyaa fi Ejensiin Qorannoo Hawaa Indiyaa waliin qindoomuun ''tarkaanfiiwwan itti aanan murteessuu dabalatee, dirqama waliigalteewwan qorannoo hawaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti tumame ilaaluuf'' hojjechaa jirra jedhan.

BBC'n yaada dabalataa argachuuf dhaabbaticha gaafateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Dhimma Hawaa akka ibsetti, biyyoonni meeshaalee hawaa "biyya ormaa" daangaa biyyasaanii keessatti kufe kamiyyuu abbaaf deebisuu qabu.

Dr Gorman akka himanitti, biyyi tokko hambaa meeshaa qorannoo hawaa akka deebi'uuf sababoota hedduuf barbaaddi jedhu.

Haala amma kana keessatti garuu Indiyaan meeshaa kana deebifachuun biyyattii homaa hin fayyadu jette.

Awustiraaliyaan meeshaa kana olkaa'uu akka feetu ibsite.

Bulchaan Dhiha Awustiraaliyaa Roojar Kuuk, meeshaan kun godambaa kutaa biyyattii kessatti buufata shaakala NASA bara 1979 argame waliin akka kaa'amu yaada dhiyeessan.

Dr Gormaan filannoon biraa ammoo paarkii keessa kaa'uu akka ta'uu eeran.

Wanti kun yeroo ammaa Ejensii Hawaa Awustiraaliyaa (ASA) waliin ta'uun kuusaa keessa kaa'amee jira.

Garuu, ergama qorannoo hawaa kam keessatti akka faayidaarra oolee fi yeroo hangamii bishaan keessa akka turee qarqaratti bahe ifa miti.

Yoo xiqqaate ji'oota muraasa akka ta'u ogeeyyiin tilmaamaniiru.

Jalqabarratti summiin balaa geessisu meeshaan sana keessaa dhangala'uu mala yaaddoo jedhu uumee ture.

Haa ta'u malee, gara boodaa anga'oonni balaa uummatarraan akka hin geenye hubachiisan.