Meeshaan eessaa dhufteen hin beekamne dubbii ijoo tahe

Meeshaa eessaa dhufteen hin baramne qarqara galaanaatti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaan sibilaa adda hin baane kun, magaalaa Parz gama kaabaan fageenya km250 irratti argame
Maxxanfame

Meeshaa "adda hin baafamne" akka geengoo wahii qarqara galaanaa lixa Awustiraaliyaaatti mul'ateen bitaa itti galuu poolisiin ibse.

Meeshaan sibilaa akkaan guddaa tahe kun, magaalaa Parz gama kaabaan fageenya km250 irratti qarqara bishaanii 'Green Head'tti jiraattota naannichaan argame.

Angawoonni naannoo fi federaalaa waan argame kana adda baasuuf qorachaa kan jiran ogguu tahu, ammatti garuu qaama xiyyaara imaltootaa idilee miti jedhameera.

Akka waan balaa qaqqabsiisutti ilaalamaa kan jirus ennaa tahu, namoonnis akka itti hin siqne poolisiin akeekkachiiseera.

"Hawaasaaf waan mirkaneessuu barbaannu, maalummaa meeshaa kanaa baruuf, qaamolee naannoofi federaalaa akka akkaa wajjin hojjechaa jira," jira jedhe poolisiin.

Waraanni biyyattii fi ejensiin qorannoo hawaa biyyattiillee irratti hirmaachaa jiru.

Jiraattonni naannichaa akka jedhanitti, meeshaan siilindarii kun bal'ina m2.5 fi dheerina m2.5 hanga m3 qaba jechuun himuu miidiyaan biyyattii ABC gabaaseera.

Ogeessi balallii Joofrii Tomaas akka jedhutti, meeshaan kun tarii taankii boba'aa rokkeetii ji'oota 12n dabran keessa Garba Hindii keessa kufedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ejensiin Hawaa Awustiraaliyaa waan jedhu, siilindarri guddaan kufe kun "xiyyaara abuura hawaa biyya biraa" tahuu mala jechuun, jaarmiyaalee idil-addunyaa biroo waliinis akka hojjetu hime.

Meeshaan kun siilindara boba'aa baatu tahuunsaa baramnaan, ogeeyyiin rokkeetii Indiyaa irraa tahuu mala jedhu - qabiyyee balaaf saaxilan qabaachuus mala jedhu.

Kana mirkaneessuufis lakkoofsa adda baaftuu wahii irratti galmaaye jiraannaan kan ilaalan taha.

Gama kaaniin meeshaan "nama raaje" kun tarii qaama xiyyaara waggootaan dura dhabame MH370 irraa tahuu mala yaadni jedhus kahaa tureera.

Xiyyaarri qabeenya Maalezhiyaa tahe MH370 bara 2014 keessa qarqara bishaanii Awustiraaliyaa gama lixaan imaltoota 239 akkuma fe'etti eessa buuteen isaa dhabame. Akka Aabba Tomaas jedhutti garuu "kun waan tasa tahu miti."

"Kun qaama Boeing 777 kamiyyuu miti. Akkasumas MH370 waggaa sagaliifi walakkaa dura dhabame, kanaaf meeshaan argamu kamuu kana caalaa bosbosee ykn dulloomee argama," jedha.