Poolisiin Finfinnee nama Imaama masjiidaa isa guddisan ajjeesuu shakke hawaasni akka eeru gaafate

Namni imaama masjiidaa ajjeese nama manasaanii jiraatuudha jedhe poolisiin Finfinnee

Madda suuraa, Addis Ababa police, EIASC

Maxxanfame

Poolisiin magaalaa Finfinnee nama imaama masjiidaa fi barsiisaa amantii Islaamaa Sheek Abduu Yaasin ajeesuun shakke Mahammad Shakuur Ababaaw barbaadaa jiraachuu ibse.

Shakkamaan dhuunfaa kun akka harka kennu poolisiin Finfinnee akeekkachiiseera.

Bakka shakkamaan kun jiru kan beeku yoo jiraate eeruu kennuun akka tumsu poolisiin dhaamsa dabarseera.

Ajjeechaa Sheek Abduu Yaasiniin gadda itti dhagahame kan ibse Poolisiin magaalaa Finfinnee, maatii fi hordoftoota amantii Islaamaa hundaaf jajjabina hawweera.

Shakkamaan kun akka to'annoo seeraa jala ooluuf garee hordoffii fi qorannoo hundeessee hojiisaa cimsee itti fufuu ibseera poolisiin.

Dureen amantii Islaamaa kun nama manni jireenyaa isaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo ta'e kan harkasaaniin guddisaa turaniin ajjeefamuu shakke poolisiin.

Nama yakkaan shakkame dhoksuus ta'e akka miliqu tumsuun gaafatamummaa seeraaf kan nama saaxilu ta'uu kan hime poolisiin, uummanni nama kana dabarsee kennuun olaantummaa seeraa utubuu akka qabu dhaameera.

Gumiin Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa imaamni masjiida Badir fi barsiisaan amantii Islaamaa Sheek Abduu Yaasin ALI Muddee 27, 2016 rasaasa namoota ammaaf eenyummaansaanii hin beekamneen itti dhukaafameen ajjeefamuu ibsee ture.

Masjiida magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa, Askoo Addis Safar keessatti argamu kanatti imaama kan ta'an Sheek Abduu Yaasin, salaata Ishaa salaachisaanii osoo gara manasaaniitti galaa jiranii ajeefamuu ibse gumiin kun.

Pireezidantiin Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa Kora Waldaa Ulamootaa Idiladdunyaa Qataar, Dohaatti gaggeeffamaa jiru irra osoo jiranii taatee kana dhagahuutti akka rifatanii fi guddoo akka gaddan ibsan.

Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa lubbuu nama guddaa biyyaaf bu'aa buusanii haala suukanneessaa ta'een tasa dhabuutti onneensaanii cabuu ibsanii, maatii, jaallattoonni isaanii fi uummanni Muslimaa hundi akka jajjabaatu dhaaman.

Bulchiinsi kutaa magaalaa isaanii fi poolisiin namoota Sheek Abduu Yaasin irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwatan adamsee seeratti dhiyeessuun tarkaanfii barsiisaa akka irratti fudhatu gaafataniiru.

Waa'ee Sheek Abduu Yaasin fi akkaataa itti ajjeefaman gabaabinaan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barsiisaan amantii mirga hawaasa Muslimaaf quuqamanii dubbachuun beekaman Ustaaz Ahmaddiin Jabal waa'ee ajjeechaa imaama kanaa fi seenaa isaanii waan iyyaafatan Feesbuukii isaaniirratti barreessaniiru.

Akkasaan jedhanitti sheekni kun sheekota biyya Sa'udiitti beekaman kanneen akka Sheek Usayimiin biratti qara'aniiru.

Sheeka sagalee kiiloleen Qur'aana qara'uun addunyaarratti beekamu Sheek Sudayisiin ammoo tajiriida qaraasisaniiru jedhan Ustaaz Ahmaddiin.

Erga biyyatti deebi'anii namoota hedduu qaraasisuun (barsiisuun) tajaajilaa turan.

Amma naannoo Askoo masjida Badritti kaxiiba ta’uu isaaniitiin dura masjida Aqsaa naannoo Afincoo bar jedhamutti barnoota Islaamaa barsiisaa turan jedhu Ustaaz Ahmaddiin Jabal.

''Gagala kitaaba isaanii qabatanii mucaasaaniif daabboo bitanii gara manaa deebi'aa osoo jiranii wayita dugda isaaniirra rasaasaan rukutaman nama qaroo dhabeessa tokko harka qabanii gaggeessaa turan,'' jechuun barreessan Ustaaz Ahmaddiin.

''Akkuma yeroo hundaa salaata ishaa xumuranii wayita Masjiidaa ba'an namticha qaroo dhabeessa balbalarra dhaabbatee siwaakii (rigaa) gurguru gara mana isaatti gaggeessuuf harka isaa qabanii, mucaa isaanii qophaa mana jiruufimmoo daabboo bitanii utuu imalanii, yeroo karaa qaxxaamuraarra gahan dhukaasa duubaan itti dhukaafameen namticha qaroo dhabeessa qaban biraa kitaaba isaanii qabatanii kufani.''

Yeroos namtichis of wallaalee waliin kufe kan jedhan Ustaaz Ahmaddiin ''yeroo isaanirratti dhukaafamu sanatti ibsaan dhaamee akka turee fi erga isaan kufanii booda akka ifaan deebi’ee dhufe namoota naannoo sanaa irraa odeeffanneerra,'' jedhan.

''Yeroo kanatti garuu wanti qalbii nama cabsu sheekni kun liqiitu irra ture. Yeroo liqii sana manguddootaan kennameefis yeroon muraasni qofti akka hafee fi akka hedduu cinqamanii turan namticha qaroo dhabeessa kanaaf himaa turani,'' jechuun waan nama kanarraa odeeffatan barreessan.

''Kanaafis mana isaanii gurguruuf akka yaadaa jiran himaa turani. Jama’aan masjida Badris manichi gurguramuu isaatiin duratti akka galiin sassaabamuuf guyyaa Dilbataatti beellamanii turani.''

Haati manaa sheek Abduu Yaasinis lubbuun kan hin jirre ta'uu fi yeroo ammaa liqii irratti hafe kaffaluun hawaasni muslimaa qaawwa kana akka duuchuuf gaafataniiru Ustaaz Ahmaddiin