Ol-adeemaa US geemii viidiyoo 'Tetris' yeroo jalqabaaf mo'ate

Madda suuraa, ALAMY
Ol-adeemaan Ameerikaa bulchiinsa, Oklaahoomaa geemii viidiyoo waggaa 34 dura gadhiifame Tetris jedhamu mo'achuun nama jalqabaa akka tahetti amanama.
Wiilis Giibsan viidiyoo Yuutiyuubii isaa irratti maxxanseen sadarkaa 157 gahuun geemiin 'crush' godheera ykn dhaabbateera jedhe.
Ijoolleen ganna 13 kuni barcumasaarra duubatti ciisee, ''of wallaaluufani, qubni koo na hadoodaa jira,'' jedhe mo'achuusaa labsuun booda.
Geemii kana mo'achuuf daqiiqaa 38 qofa isa fudhate.
Haala ajaa'iba taheen hamma waggoota muraasa darbanitti geemii kana hanga sadarkaa 29 qofatti taphachuun danda'ama jedhamee amanama.
Geemii viidiyoo kanarratti, taphataan tokko xuubiiwwan kukkufan sarara dalgee sirriin tarreessuu qaba, yeroo kana saffisni itti sirreessan dabalaa adeema.
Jalqaba injinara Gamtaa Sooviyeet Aleeksii Paajitnoov jedhamuun bara 1984 kalaqame. Kan akkaan beekame garuu bara 1989 erga geemii onlaayinii Nintendo Entertainment System (NES) jedhamu yeroo jalqabaaf beeksiseen booda dha.
Yeroo ammaatti meeshaalee geemii fi mobaayilii fa'irratti taphachuun danda'ama.
Bara 2010 taphataan akkaan dorgomaafi beekamaa tahe Toor Akarlaand sadarkaa 30 gahuu danda'ee ture. Kanas qubasaa saffisa geemichaa caalaa sochoosuu danda'uu(hypertapping) mala jedhamu fayyadamuun mo'ate.

Madda suuraa, ALAMY
Isa booda garuu mala kana taphattoonni fayyadaman jiraatanillee hubannoo nam-tolchee malee namni taphicha mo'achuun iskiriiniin hojii akka dhaabu ''kiraash'' akka godhu taasise hin jiru.
Daqiiqaa 38ffaa irratti iskiriiniin Wiil ''kiraash'' godhe kana booda xuubiiwwan taphichaa mul'achuu didan, kana jechuun taphicha mo'ateera jechuu dha.
Ol-adeemaan YuuTiyuubii irratti maqaa Blue Scuti jedhamuun beekamu geemii kana waggaa 11 irraa qabee taphachaa kan ture yoo tahu, dorgommii geemii baayyee irrattis hirmaateera.
''Yeroon geemii kana taphachuu jalqabe nan mo'adha jedhee takkaa yaadee hin beeku,'' jechuun YuuTiyuubii isaa irratti barreesse.
Geemii kana mo'achuun dabalataan rekardii geemii Tetris kanaan jiru sadii cabseera jedhe.
Taphattoonni geemii biroo rekardii ol-adeemaa ganna 13 cabsuudhaaf midiyaa hawaasaa irratti dorgomuutti jiru.












